Xiyyaaronni GPS'n isaanii jalaa butamaa jira, Saʼaatiin haaraan nageenya isaanii eeguu dandaʼaa?

Xiyyaara GPS keessaan mul'atu
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Balaliin xiyyaaraa Rayaneer Landan irraa Amajji 17 ka'ee Vilnu'is, Lituniiyaatti dhiyaatee bu'uuf yeroo irraa gadi bu'uu jalqabetti akka tasaa imallisaa addaan cite.

Xiyyaarri kun lafa tuquudhaaf ykn qubachuudhaaf daqiiqaan muraansi yeroo hafetti sirna Global Positioning System (GPS) isaa wanti hin beekamne tokko gidduu seenee hatattamaa gara biraatti akka jijjiiramu taasiseera.

Xiyyaarri Boeing 737 MAX 8-200 ta'e kun yeroo jeequmsi kun uumame naannoo 850ft (259m) gadi bu'ee ture. Xiyyaarri kun bu'uu mannaa gara samiitti deebi'ee gara 400km (maayilii 250) kallattii kibbaan gara Waarsaw, Polaanditti akka qajeelu dirqame. Boodarra qondaaltonni qilleensaa Lituniyaa xiyyaarichi miidhaa siginaal GPS isaa gidduu seenuu [''GPS signal interference''] miidhamuu mirkaneessaniiru.

Taateen akkasii kana qofaa hin turre. Ji'oota sadan darban bara 2024 keessa naannoo qilleensaa Lituniyaa keessatti GPS gidduu seenuun jeequun 800 ol galmaa'eera. Istooniyaa fi Finlaandis yaaddoo qaban kaasanii jiru. Raashiyaan teeknooloojii mallattoolee saatalaayitii navigeeshinii naannoo cinaacha bahaa NATOtti Cufuu [jam] gochuuf bobbaasuushee himataniiru. Raashiyaan garuu kana gochuu ni haalte. Bitootessa darbe Ministirri Ittisaa yeroo sanaa Grant Shapps xiyyaara naannoo Raashiyaatti dhihoo osoo balali'aa jiruu mallattoon GPS isaa cufame keessa turan.

Balaan GPS cufuu/danquu [jamming] aveeshinii bira darbee kan babal'atudha. GPS malee jireenyi keenya ni dhaabata ture: bara 2017tti gabaasa mootummaa tokko akka ibsetti, sirni GPS cufamuun [jamming ]sirna faayinaansii, ibsaa fi qunnamtii UK dhaabbachuu danda'a.

Sa'aatiin atoomikaa NPL, sa'aatiiwwan 80 ta'an laabii guutummaa addunyaarra jiran waliin, sa'aatii Universal Coordinated Time (UTC) tolchuuf gargaara

Madda suuraa, Getty Images

Bakka keenya sirrii taʼe adda baasuuf, saʼaatii sirrii taʼe beekuu qabna. GPS'n kan hojjetu mallattoo saatalaayitii hedduurraa ffayyadamtoonni kan fudhataniinidha. Yeroon tokkoon tokkoon siginaalaa meeshaa (devices) tokko bira ga'uuf fudhatu, lafarratti eessa akka jirru sirriitti murteessuuf kan gargaarudha.

Sa'aatiin atoomikaa baay'ee gurguddoon kallattiin saatalaayitoota waliin kan wal qunnaman yoo ta'u, sa'aatii hanga sekondii biliyoona 100 keessatti akka beekan kan isaan dandeessisu yoo ta'u, yeroon sirrii ta'e kun sirna komunikeeshinii, kuutaa [giiridii] humna elektirikiifi neetworkii faayinaansii dabalatee sochii dinagdee adda addaa addunyaarratti furtuudha.

Kasaaraan yoo GPS dhabaniif mudachuu danda'u guyyaa guyyaan £1.4bn akka ta'u kaa'ameera – GPS'n cufamuu (jamming) galmee balaa biyyaalessaa mootummaa kessaa tokko ta'uun isaa nama hin ajaa'ibu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kana yaada keessa galchuun gareen saayintistoota Biriteen – maqaa "Time Lords" jedhamuun moggaafame – furmaata akka fidan gaafatamaniiru.

Karoorri kun salphaadha: mallattoo (siginaala) saatalaayitii hawaa keessa jiran irraa dhufu kan cufamuu (jam ta'uu) danda'u irratti hirkatanii osoo hin taane, sa'aatii atoomikaa haaraa socho'aa ta'e fayyadamuu dandeessisuudhaan filannoo GPS caalaa nageenya qabu qopheessuudha. Garuu raawwiin isaa baayyisee rakkisaahda. Humna atoomichaa fayyadamuu, gosa sa'aatii haaraa hojjechuufiillee akkaataa yeroo ofii isaatii itti safaru jijjiiruu – kun hundi waggoota muraasa keessatti rakkisaadha.

Ji'oota darban keessa mootummaan UK balaa GPS Cufamuu (jamming) furuuf jalqabbii qorannoo hundeesseera. Garuu piroototaayipoota gara meeshaalee ciccimoo guyyaa tokko bilbiloota keenya keessatti hammatamuu danda'anitti jijjiiruun hojii guddaadha – barbaachisummaan teeknooloojii haaraa kanaas daran ariifachiisaa ta'aa dhufeera

Akkaataa haaraa yeroo ittiin lakkaa'an

Rakkoon isaa sa'aatii qabatanii galaana keessa imaluuf gargaaru kalaquudhaaf carraaqqii jaarraa 18ffaa keessa Joon Hariison taasise waliin wal dogomsiisuun ni danda'ama. Kalaqni Joon Harison kun rakkoo liingiitiyuud jedhamu furuun jaarraa daldala haaraafi dhaloota abuuraniif bara warqee fideef.

Waggaa 300 booda, qorattoonni rakkoo GPS furuudhaaf sa'aatii haaraa tolchuudhaaf dorgomaa jiru. Kun milkoofnaan ammoo jijjiirama guddaa fida jedhamee abdatama.

Bara 1967 keessa, dhaabbanni akka addunyaatti yeroo eegu the General Conference on Weights and Measures jedamu Dachaan naanna'uu fayyadamuu caalaa sa'aatii atoomikii fayyadamuun sa'aatii ibsuuf waliigalan.

Sa'aatiin akkuma kan Joon Hariison addunyaa keenya jijjiireera. Kun ammoo GPS fi sirnoota hawaa keessa jiranirratt hundaa'an wal fakkaataniif bu'uura kaa'ee darbe.

Kun ammoo saatileelyitiirraa sa'aatii Atoomikii fayyadamuun yeroo sirrii ta'e eeguun akka danda'amu taasiseera. Kun ta'uun ammoo addunyaa keessatti saffisa barbaadameefi kallatti imala sirrii qabachuu keessatti komunikeeshiniin, shallagni, akkasumas daldalli saffisaafi humna jabaan akka deemu ykn daddarbu dandeessiseera.

Sa'aatii galaana jalaa Joon Hariison

Madda suuraa, Getty Images

Sa'aatii haaraa GPSf kan ta'uufi qabachuudhaaf mijataa ta'e qorannoon barbaaduun muummee qorannoo kuwaantem tekinooloojii jedhu hirmaachisuu gaafata.

The 'Time Lords'

Prof Paul and his quantum scientists are working with Dr Margolis and her fellow researchers at NPL, who have been given the "Time Lords" nickname by other horologists. In 1955, the NPL invented the first atomic clock of the sort that is used today, based on the frequency of radiation from an atom of the element caesium.

GPS and other satellite navigation systems reset their own clocks by touching base with these more accurate clocks on the ground. For the alternative to GPS, the scientists will need a new type of atomic clock that can eventually be miniaturised and robust enough to work in everyday situations, rather than the carefully controlled conditions inside a lab.

Prof Paawol fi saayintistoonni kuwantum ta'an Dr Margoliis fi qorattoota ishee waliin NPL keessa hojjechaa jiran maqaa masoo "Time Lords" jedhu kennameeraaf.

Bara 1955tti NPLn sa'aatii atoomikaa jalqabaa gosa har'a itti fayyadamnu, kan firikuweensii raadiyaashiniin atoomii elementii seeziyeemii irraa dhufu irratti hundaa'e kalaqe.

GPS cufamuun (jaam ta'uun) humna waraanaa UK zooniiwwan waraanaa akka Yukireen fa'aa keessa jiraniif rakkoo uumaa jira.

GPS jaam gochuun oppreeshinii humnaa UK bakka akka Yukireen keessatti sochiisaanii gufachiisa

Madda suuraa, Press Association

Sa'aatii atoomikii kiisii keenya keessatti

The ultimate aim for some of those working on this new technology is for each of us to have the equivalent of our own personal GPS system incorporated into our phones.

Galmi guddaan warra tekinooloojii haraa kana dhugoomsuuf hojjecha ajiranii, tokkoon tokkoo keenya GPS siistemii dhuunfaa keenyatti mobaayia harkaa keenya keessatti qabannee jiruun kan wal gitu akka qabaannudha.

Kun ammoo sa'aatii optikaalaa xiqqaa ta'e akkasumas jaayiroskooppii xiqqaa waan of keessaa qabuuf kallattii kam akka deemnu ni beekna, akkasumas meeshaa saffisa safartuu jedhamu kan saffisa hammam akka deemnu nutti himu.