'Qubsuma babal'isuun abjuu walabummaa Filisxeem owwaala' - Ministira Israa'el

Bizaali'eel Simootirich

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Bizaali'eel Simootirich karoora qubsuma haaraa gaggeessuuf jedhu kaartaa irraa yeroo agarsiisu
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Filisxeem biyya walabaa akka hin taane danquuf sagantaa qubsuma Yihudootaa haaraa Weest Baank keessatti akka eegalchiisu ministiirri Israa'el leellistummaan beekamu ibse.

Ministiira Faayinaansii Israa'el kan ta'e Bizaali'eel Simootirich akka jedhetti Weest Baank keessatti karoora manneen 3,000 ol ijaaruun Yihudoota qubsiisuufi.

Kaayyoon qubsuma haaraa taasifamuuf jedhuu abjuu "biyyummaa Filisxeem awwaluu" akka ta'e dubbate Bizaali'eel Simootirich.

Qubsumni haaraan akka ijaaramuuf qondaalli Israa'el kun beeksise, Pirojektii E1 jedhamuun beekamu yoo ta'u, magaalaa Yerusaalemifi Maale Adumiim gidduutti kan ijaaramuudha.

Bakki ijaarsi kun itti gaggeeffamu Weest Baank fi Baha Yerusaalem gidduutti yoo ta'u Filisxeemota gamaafi gamana jiran addaan kutuufi jedhamee amanama.

Sagantaan qubsumaa E1 jedhamu bakkichatti kanaan duras yeroo garaa garatti ijaaramuuf karoorfamee dhiibbaa idiladdunyaarraa kan ka'e addaan citee ture.

Ministiirri Faayinaansii Israa'el kun kaayyonsaa biyyummaa Filisxeem danquu akka ta'e ibsuun, "waanti akka biyyaatti beekamtii kennamuuf tokkollee hin jiru, kan akka biyyattii beekamtii argatus hin jiraatu" jedhe.

Akkaataa seera idiladdunyaatti qubsumni seeran ala. Qubsumni Israa'el Weest Baankifi Baha Yerusaalem keessatti gaggeessitu dhimmoota Israa'elifi Filisxeem gidduutti atakaaroofi rakkoo bara dheeraa ta'an keessaa tokkoodha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Weest Baankifi Baha Yerusaalem keessa qubattoonni Israa'el 700,000 ta'an akka jiran ibsa dhaabbanni Israa'el qubsuma gaggeeffamuun mormuun beekamu Peace Now jedhamu.

Bakki qubattoonni Israa'el irra qubatan kun lafa Filisxeemonni gara fuulduraatti biyya mataasaanii irratti ijaarrachuuf yaadaniidha.

Mootummaa Israa'el keessatti namoonni aangoo siyaasaa olanaa qaban kanneen akka Bizaali'eel Simootirichiifi Itaamir Beengaviir fa'aa garuu abjuu biyyummaa Filisxeem danquuf qubsuma babal'isuun kaayyoosaanii akka ta'e ifatti dubbatu.

"Dhiibbaa waggaa dheeraa ture cabsuun...Maale Aduniim [bakka Weest Baank keessatti argamu] Yerusaalem wajjin walitti akka ijjatu gochaa jirra.

"Kuni Zaayaanizimii isa cimaadha- ijaaruu, lafa qabachuu, lafa Israa'el irratti of jabeessun walabummaa ofii cimsachuudha," jechuun dubbate Bizaali'eel.

Yeroo dhiyoo as biyyoonni heddu biyyummaa Filisxeemiif beekamtii akka kennan beeksisuu hordofeeti qondaalli olaanan Israa'el karoora qubsuma haaraa hojiirra akka oolchu kan beeksise.

Ministiirri Faayinaansii Israa'el kun kana kan beeksise ibsa miidiyaa dhaabbanni qubsuma gaggeessuun beekamu Kaawunsilii Yeshaa jedhamu qopheesse irratti argamuuni.

Dubbiin isaa biyyoota biyyoota Filisxeemif beekamtii biyyummaa kennuuf jedhan kanneen akka UK fi Faransaayo fa'aaf ergaa maalii akka qabu BBCn Bizaali'eel gaafatee: "Tasumaa waan milkaa'uu hin dandenyedha. Qaamni akka biyyaatti beekamtiin kennamuuf hin jiru," jechuun deebise.

Dhaabbanni Israa'el farra qubsuma Israa'el gaggeessituu ta'e Peace Now akka jedhutti furmaannin biyya lamaa akka hin milkoofneef mootummaan Netaaniyaahuu carraa argate hundatti dhimma bahaa jira.

"Waraana gaggeeffamaa jirutti furmaatafi xumura gochuuf akkasumas karaan tokkochi ittiin Hamaas injifachuun danda'amu Israa'el biratti biyyi Filisxeem akka jiraattu gochuudha, jedha dhaabbanni Israa'el kun.

Ministeerri Dhimma Alaa Filisxeem, karoora qubsumaa qondaalli olaanan Israa'el ifa godhe kana "yakki duguuggaa sanyuu, buqqisuufi lafa dhuunfatanii of jala galchuu akka itti fufu gochuudha" jechuun beeksise.

Ministiirri Faayinaansii Israa'el Bizaali'eel Simootirich, michuusaa kan ta'eefi Ministiira Nageenyaa Israa'el kan ta'e Itaamaar Bengaviir ji'a Caamsaa keessa mootummaan UK qoqqobbii irra kaa'ee ture.