Qeerramsi namoota sagal nyaate ajjeefame

Maxxanfame

Indiyaa keessatti qeerramsi yoo xinnaate namoota sagal nyaachuun ajjeessee pooliisiin itti dhokaafamuun ajjeeffame.

Indiyaa bulchiinsa Chaampaaraan keessatti qeerramsa ''nama nyaataa ta'e'' qondaaltoonni poolisiifi aanga'oonni aanichaa 200 ta'an erga bobba'anii adamsanin booda ajjeeffame.

Qondaaltoonni muraasinis adamsa qeerramsa kanaatiif harbaan naannawaa turan jedhame.

Qeerramsi kormaa karaa naannawa Eegumsa Qeerramsa Vaalmikiitti hawaasaa dararaa ture. Indiyaan qeerramsoota daggalaa addunyaa harka 70 ta'aniif manadha.

Bakki kununsa qeerramsa Indiyaa bakka bineensoonni jiraachuu danda'aniifi kan eegamuudha.

Haata'u malee, bakkichi haala baay'ina lakkoofsa qeerransaatiin hin bal'ifamne.

Sababii kanaan kan walqabate bineensi kun bakka jireenyaasaa keessaa bahuun waan nyaatu barbaacha looniifi yeroo tokko tokkos namoota gara ajeessuutti ce'e.

Opareeshiniin ajjeechaa qeerransa waggaa sadii kan maqaa T-104 jedhamuun beekamu kanaas ollaa Sitaltola Baluwa kan shunkuragadaatiin marfamte keessatti gaggeeffames poolisii Bihaariitiin durfamee ture.

Kumaar Guptaa, naannichatti dursaan eegumsa bineensoota daggalaa, Times of India'tti akka himaniitti, ''qeerramsichi jireenya namaatiif akka balaatti kan adda baafamedha.''

Daareektarri Eegumsa Qeerransa Vaalmik, Nesananii K, adamoon qeerramsa maqaa T-104 jedhamu battaluma haleellaa inni raaawwatee haatiifi daa'imti ishee ajjeeffamuu akkuma dhagahameen Sambata eegale.

''Guutuu ollaatiin alkan irriiba malee ture'' jedhan Paaltu Maahato miidiyaa biyya keessatti yoo himan.

Yaaliin bineensicha adamsuuf taasifames milkaa'ee, garichaan marfamu danda'e jedhan Aab Guptaan haala itti ajjeefame yoo dubbatan.

Gareewwan harbaan ilamaa turanis gara bosoonaatti imaluun kaan isaanii ammoo karaa qeerransichi ittiin bahu danda'a jedhamee dhaabachuu eegaa turan jedhe. Haala akkasitiin qeerransichi guyyaa Smbataa akka sa'aatii biyyaatti naannawa 15:15tti itti dhokaafamu ajjeeffame.

Eegdoonni bineensoota Bihari ajjeechaan namootaa kunis qeerransa gara biraatiin raawwatamu ilaalchise odeeffannoo omtu hin jiru jedhan.

Akka odeeffannoo mootummaa bara 2019tti maxxanfameetti, waggaa waggaatti namoonni 40-50 ta'an qeerransootaan ni ajjeeffamu.