Tigraayitti gaazexeessitoonni TV naannichaa shan hidhaman

Madda suuraa, Social Media
Ogeessa herreegaa tokko dabalatee gaazexeessitoonni Tigraay TV shan hidhamuu maddeen BBC himaniiru.
Gaazexeessitoonni hidhaman kunneen Misgaanaa Siyyum, Haban Halafoom, Hayilamikaa’el Gassasaa, Tashoomaa Xaamallawuufi Daawwit Makonnin jedhamu.
Warra hidhaman keessaa kan biroo ammoo oggeesa faayinaansii Kifloom Astbahaa akka keessatti argamu maddeen BBC’tti himaniiru.
Gaazexeessitoota hidhaman keessaa arfan isaanii osoo mana murtiitti hin dhiyaatin mana keessa kan jiran yoo ta’u, tokko ammoo guyyaa 6ffaadhaaf mana hidhaa keessa jira.
Hiriyyoonni gaazexeessitoota kanneenii akka jedhanitti, namoonni kunneen kan hidhaman yeroo waraanni Itoophiyaa Maqalee to’atee turetti Paartii Badhaadhinaa faana hojjataa turan jedhamuun.
Abbaan alangaa magaala Maqalee VOA’tti akka himanitti, gaazexeessitoonni kunneen dhimma biraatin shakkamanii akka to’atamaniifi dhimmi isaanii qoratamaa akka jiru ibsaniiru.
Ittigaafatamtuu Sab-qunnamtii Naannoo Tigraay Aadde Liyaa Kaasaa qunnamuuf yaalin BBCn godhe hin milkoofne.
Gaazexeessitoota hidhaman keessaa Misgaanaa Siyyum fi Tashoomaa Xaamallawu Tigraayi TV waliin hojjataa kan turan yoo ta’u, Haban Halafoom, Haylamikaa’el Gassasaa fi Daawwit Makonni duraanuu yaada “gamaggamaa” jedhuun hojii irraa dhaabatanii turan.
Warreen hidhaman keessaa Habaan Halafoom yeroo Tigraayitti yeroo Bulchiinsi Yeroo hundaa’ee turettis torban tokko hidhamee ture.
Tajaajilli TV addaan citee ture, bara 2020 ji’a Sadaasaa keessa deebi’ee gaafa eegalu waamicha hojjattootaaf dhiyaaten deebi’ee hojii eegalee ture.















