Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaan Yukireen bilbila faana buutee loltoota 89 galaafatte jette
Raashiyaan haleellaan miisaa'eelaa bara haaraatti looltoota Raashiyaa 89 ajjeese sababii loltoonni bilbila harkaa isaanii fayyadamaniif mudate jette.
Yukireen naannoo Doneesk bakka to'annoo Raashiyaa jalaatti kolleejjii Makiivkaa keessaa gaafa Amajjii 1 halkan walakkaatti ture haleellaa kana kan raawwatte.
Waraanni Raashiyaa, loltoonni bilbilawwan gatamaniitti waan fayyadamaniif diinni bakka isaan itti argaman adda baasuu danda'e jedhe.
Lakkoofsi namoota ajjeeffamee mirkanaa'u baatulleen garuu waraana Raashiyaa keessatti du'a olaanaa biyyattiin amantee kan jalqabaati.
Yukireen garuu loltoonni 400 ajjeeffamuufi kaan 300 ta'an madaa'u himtee turte.
Raashiyaan guyyaa sanatti rookkeettiiwwan sirna Ameerikaan hojjataman jaha koollejjii ogummaa irratti dhukaafamuun lama rukutamanii kuffiifamu beeksifte.
Ministeerri Raayyaa Ittisaa ibsa Roobii kalee karaa tora Telegraamiitiin kenneen akka jedheetti, loltoota ajjeeffaman keessaa Ittaanaa ajajaan Letanaal Kolaneel Baachurin keessatti argamu.
Komishiiniin haala taatee qorachaa jiras jedheera. Haata'u garuu, ''kan baramee'' sababii inni guddaan haleellaa kanaa loltoonni dhorkamanilleen daangaa waraanaa Yukireen keessatti bilbila harkaa ''baay'inaan waan fayyadamaniifidha'' jedhan.
''Sababiin kunis diinni akka bakka adda baasuufi haleellaa miisaa'eelaatiif qondaaltota waraanaa irratti xiyyeeffatamu taasiseera.''
Qondaaltonni qorannichaan balleessaan irratti argame seeratti akka dhiyeeffaman kan hime ibsichi, gara fulduraatti taatee walfakkaataan akka hin mudanneef tarkaanfiin fudhatamaa jiras jedhe.
Raashiyaan amma lakkoofsa loltoota ishee haleellaa kanaan ajjeeffamanii 63 dura jettee irraa gara 89'tti ol kaafte jirti, dhugaatti meeqa akka ajjeeffaman mirkanneessuun rakkisaa ta'ulleen. Raashiyaan adda waraanaarratti du'a mudate yoo amantu kan baramee miti.
Kolleejjiin ogummaa sunis tibba haleellaan irratti raawwatameetti loltoota dirqama irra jiran kanneen pirezidantii Vilaadmiir Putiin Fulbaana keessa waamicha taasisan 300,000 keessa ta'aniin kan guutame ture.
Akkasumas meeshaalee waraanaa dhohan dhiheenya dirree sanaatti kuufamee ture.
Qeeqxonni Raashiyaa fi namoonni siyaasaa loltootaaf bakka bulmaataa saaxilamaan akkasii kennamuuf hin qabu ture jechuun gahumsa waraana biyyattii komatu.
Qondaalli siyaasaa duraanii Raashiyaa Paavel Gubarey, loltoota amma kana baayyataniif gamoo tokko keessa akka jiraataniif kennuun ''yakka tikaati'' jedhan.
''Taatee kanaaf kan abbaan ta'e hin adabamne ta'e, kan caalutu mudata'' jechuun akeekkachise.
Af-yaa'iin paarlaamaa naannoo Mooskoo, Andireeyi Medvedev, ajajoota loltoota kana hunda bakka tokko akka turaniif murtee taasisan irra loltoota balaaleeffachuun akka danda'amu waanuma tilmamamuudha jedhan.
Putiin maatii loltoota Egumsa Biyyaaleessaa tajaajila irratti jalaa ajjeefameef kanfaltiin maallaqa biyyaa miiliyoona shan ykn doolaara 69,000 akka kanfalamuuf Kibxata darbe ajaja mallatteessaniiru.