Zelenskiin Raashiyaan haleellaa dirooniitiin nu dadhabsiisuuf karoorfatteti jedhe

Maxxanfame

Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zelenskiin Raashiyaan Yukireen dadhabsiisuuf jecha duula haleellaa diroonii bala'aa raawwachuuf karoorfatte jirti jedhan.

Zelenskiin haleellaa dirooniiwwan Shahed kan Iraaniin hojjatamanitti fayyadamuun duula bala'aa karoorfachuu ragaalee tikaa Mooskoo argadheera jedhan.

Kunis kan jedhame erga Yukireen haleelaa bulchiinsa Donbaas keessatti loltoota Raashiyaa dhibbaan lakkaa'ame ajjeessee raawwatteen booda.

Raashiyaan taatee haleellaa adda waraanaatti irra qaqqabu haala hin baramneen amanteen haleellichaan loltoonni ishee 63 ajjeefamu himte.

Zelenskiin haasaa galgalaa Kiiyiv keessaa taasiseen, Raashiyaan haleellaa diroonii waliitti fufeen Yukireen dadhabsiisuuf karoorfate jirti jedhan.

''Nuti kanaaf waan hunda gochu qabna akka galmi shororkeessaa kanaa akkuma kan yeroo biraa akka fashalaa'uuf'' jedhe.

Yeroon hundumtuu samiin keenya kan ittifame ta'u eeguu qabu ammadhas jedhan.

Haleellaan diroonii Raashiyaan Yukireen irratti raawwattu dhiheenya kana dabalee jira. Irra caalaan haleellawwan kanaa alkanoota sadan darbaniis magaalootaa fi buufataalee annisaa biyyattii guutuutti argaman irratti kan xiyyeeffateedha.

Zelenskiin raayyaan ittisa qilleensa biyyattii jalqaba bara 2023 irratti dirooniiwwan Iraaniin hojjataman 80 ol rukutee kufisuu himan.

Raashiyaan baatiiwwan hedduuf buufataalee madda annisaa Yukireen irratti xiyyeeffachuun ganna cabbii keessatti ummanni miiliyoona ta'u dukkanaan akka liqimfamu taasifte jirti.

Yukireen ammoo bulchiinsa Donetskii kan Raashiyaan to'atame keessatti haleellaa raawwachuun looltoota Raashiyaa 400 ajjeessuu himte.

Qondaaltoonni Raashiyaa garuu baayyina loltoota ajjeefamanii 63 qofaadha jedhan, Garuu kan gama lamaaniinu jedhamu addatti BBCn hin mirkanoofne.

Haleellaan boromtaa bara haaraa Yukireeniin raawwatames gamoo magaala Makiivkaa keessaa bakka loltoonni Raashiyaa buufatan barbadeesse.

Du'a adda waraanaa kamuu amanuun Mooskoodhaaf baayyee waan hin baramneedha.

Erga waraanni kun eegalee baatiiwwan 10 darban keessatti Raashiyaan taatee tokkichaan du'a baayyee akkasii yoo amantu kan kan jalqabaati.

Ibsa Ministeerri Raayyaan ittisaa Raashiyaa baaseen, humnootiin Yukireen rookkeetiiwwan USn hojjataman fayyadamuun gamoo loltoonni Raashiyaa keessa jiraatan irratti haleellaa jaha raawwataniiru jedhe. Lamaan isaanis rukutamun kufisamaniirus jedhe.

Gamoon loltoonni keessa turan gutummaatti barbadaa'u deeggaraan Raashiyaa Igor Girkin himaniiru.