Paarlaamaan Itoophiyaa Labsii Yeroo Muddamaa raggaase, muudama mirkaneesse

Madda suuraa, House of Peoples Representatives of FDRE
Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa Itoophiyaa Labsii Yeroo Muddamaa rakkoo Naannoo Amaaraa hordofee labsame irratti murtee dabarsuuf Hagayya 14/2023 yaa'ii ariifachiisaa gaggeesseen labsicha mirkaneessee, muudamas laate.
Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti labsiin Yeroo muddammaa guyyoota 10 dura haala nageenyaa naannoo Amaaraa keessa mudate to'achuuf labsame paarlaamaa biyyattiirraa sagalee caalmaa argachuun raggaasifame.
Miidiyaan biyyaalessaa EBC, gabaasa baaseen ''labsichi sagalee callisaa 12 fi sagalee mormii 16 argatus'' sagalee deeggarsaa caalmaa argatee raggaasifame jedheera.
Paarlaamaan kun yaa'ii ariifachiisaa gaggeesseen muudama boordii qorannoo labsii kanaa namoota torba of keessaa qabuus raggaaseera.
Yaa'ichi obbo Azmaraawu Andeemoo Walitti Qabaa, Najaat Girmaa(PhD) Ittaanaa Walitti Qabaa gochuun filate.
Ministira waamaamaa Olaanaa Mootummaa kan ta'an obbo Tasfaayee Beeljigee barbaachisummaa labsii kanaa miseensota paarlaamaaf dhiyeessuufi gaaffilee miseensotarraa ka'aniif ammoo Ministirri Haqaa Geediyoon Ximootiwoos(PhD) deebii laachuun gabaasameera.
''Naannoo Amaaraa keessatti haleellaan hidhannoon deeggarame raawwachuusaatiin kana tasgabbeessuudhaafi to'achuudhaaf seera idileen waan hin danda'amneef... biyya badiirraa baraaruufi nageenya uummataa eeguuf labsichi barbaachise'' jechuun obbo Tasfaayen ibsuu Paarlaam Itoophiyaa beeksiseera.
Labsiin Muddamaa kan labsame Naannoo Amaaraatti rakkoon nageenyaa dhalachuufi naannichi humna isaatii ol ta’u ibsuun birmannaa erga gaafate boodadha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Labsiin kuni dura aantummaan Naannoo Amaaraa ilaallatus akka barbaachisummaa isaatti naannichaan ala hojiirra ooluu danda'a jedhameera.
Akka seera Itoophiyaatti labsii Manni Maree Ministeerotaa dabarse qaamni olaanaa mootummaa Itoophiyaa jechuunis paarlaamaan torban lama keessatti qoratee raggaasisuu qaba.
Walgahiin ta'amuu dura Komishiniin Mirgoota namoomaa Itoophiyaa xiinxala mirgoota namoomaa fi yaadawwan marii dhiheesseera.
Komishinichi yeroon turtii labsii kanaa akka gabaabbatu akkasumas bakki labsiin kuni itti raawwatu akka daanga'u gaafate.
Komishiniin mootummaa Itoophiyaatti hidhata qabu kuni labsii kanaan dhorkaawwan fi dirqamoonni kaa'aman akkasumas aangoon labsiin kun qaama mootummaaf kenne akka qoratamuu qabu eereera.
Dabaluunis, paarlaamaan miseensonni isaafi abbootiin seeraa murtee mana marichaa malee qabamuu dhabuu fi himatamuu dhabuurratti akka gaafatu yaada dhiheesse.
Torban dura Miseensi Paarlaamaa Obbo Kiristaan Taaddale mirgi to'atamuu fi himatamuu dhabuu isaanii osoo irraa hin kaafamin hidhamaniiru.
Qondaalli paartii mormituu kuni mana marichaatti dura taa'aa Koree Dhaabbii dhimma baasii mootummaa, bulchiinsaa fi to'annooti.
Akka komishiniin kun jedhutti haalli Naannoo Amaaraa keessa jiru tasgabbaa'uu mootummaan waan ibseef, paarlaamaanis labsii kana kan raggaasisu yoo ta'e hojiirra oolmaansaa ji'a tokko yookiin torbanoota murtaa'an qofa ta'uu qaba.
Labsiin yeroo muddamaa lakkoofsa 6/2015 jedhamuun ALI Adoolessa 28, 2015 labsame kun ji'oota ja'an itti aananiif akka hojiirra oolu ibsameera.
Garuu haalli yoo fooyya'e ilaaluun yeroo gabaabaa keessatti kan kaafamu akka ta'ee fi rakkoon mudate yoo furmaata hin argatin garuu manni maree bakka bu'ootaa yeroon labsichaa akka dheeratu gochuu danda'a.
Labsiin yeroo muddamaa kun rakkoo naannoo Amaaraatti dhalate bu'uura godhachuun kan labsame ta'us, akkaataa barbaachisummaa isaan kutaalee biyyattii kaan keessattis hojiirra ooluu danda'a jedhameera.
Kanarrattis komishinichi labsiin kun bakka rakkoon keessatti dhalate Naannoo Amaaraa keessatti qofa daangeffamuu akka qabu mana maree bakka bu'ootaaf yaada dhiheesseera.
Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa bu'uura heera biyyattii fi waliigaltee mirgoota namoomaa idil-addunyaa akkasumas qajeeltoowwan mirgoota namoomaa addunyaa guutuun ittiin taliigamtu bu'uura godhachuun waa'ee lasbii yeroo muddamaa kanaa irratti mana maree bakka bu'ootaaf ibseera.
Labsiin kun kan raggaasifamu yoo ta'e ''sababa kanaan seera maleessummaan akka hin babal'annee fi mirgi dhala namaa akka hin sarbamne,'' fooyya'iinsa taasisuu qabu jedheera.
Jaarmiyaan mirga namoomaa kun labsiiwwan yeroo muddamaa kanaan dura turan keessatti hordoffii fi qorannoo taasisaa tureen dhiittaa mirgoota namoomaa raawwatamaa turuu ibse.
Ammas yaada kana paarlaamaaf kan dhiyeessaa jiruuf rakkoon akkanaa akka irra hin deebi'amneef ta'uu eeereera.
Qajeeltoon labsii yeroo muddamaa kanaa miseensonni mana maree fi abbootiin seeraa mirga to'atamuu fi himatamuu dhabuu akka mulqamaniif karaa saaqa jedhe komishiniin kun.












