‘Waliigalteen nagaa kaaba Itoophiyaatti suuta jireenya idilee deebisaa jira’

Madda suuraa, Getty Images
Waligaltee nagaa Piritooriyaatti mootummaa Itoophiyaa fi TPLF jidduutti wagga tokko dura taasifameen Kaaba Itoophiyaatti jireenyi idilee suuta suuta debi’aa jira jedha mootummaan Itoophiyaa.
Dabaluunis waligalteen kun sagalee qawwee callisisuuf gargaareera jedha.
Ibsa har’a [Sadaasa 06, 2023] waajjirri kominikeeshinii mootummaa Itoophiyaa baaseen, nagaa fi wal amantaan akka jiraatuuf mootummaan waligalteen kun hojiirraa akka ooluuf hojjeteera jedha.
Mootummaan jalqaba sochii waraanaa fi tarkaanfii TPLF irratti fudhatu dhaabuun wantoota waligaltee Piritooriyaa irratti ibsaman hojiirra oolchu ibse.
Akkasumas naanoo Tigraay keessatti hojiin gargaarsa namoomaa akka hojjetamuu haala mijeessuufi tajaajilootni bu’uraa naannichatti deebi’anii akka eegalu eere.
Dabalataaniis mootummaan, hidhattooti duraanii TPLF deebisanii hawaasatti akka makaman gochuuf Komiishinii Deebisanii Baayyanachisuu [Rehabilitation Commission] hundeessuufi hojiitti bobbaasu ibse.
Amantaan waliif qaban akka guddatuuf jecha hidhamtoota hidhaarra akka hiikee fi qajeelfama federaalaa TPLF ‘shororkeessitoota’ jedhus deebisee haquu isaa mootummaan ibseera.
Waligaltee TPLF fi mootummaa federaalaa Itoophiyaa gidduutti taasifame booda naannoo Tigraay keessatti bulchiinsi ce’uumsaa hundeeffameera.
Kanas hojiirra olchuu kan eeru ibsi kun bulchiinsa naannichaafis baajatni ramadamee, gargaarsi taasifamaa jira jedhe.
Mootummaan gama isaan ulaagalee waligaltee kanarratti kaa’aman eegurra darbee, yeroo hidhannoo hikkanaaf kaa’amee ture irratti cichuu dhiisuu isaa ibsi waajjira kominikeeshiii ni eera.
Kanaafis humnoota nageenyaa hidhannoo qaban hedduminaan gara Maqaleetti erguurraa of qusachuu ibse.
Sababa waligalteen kun gama mootummaan hojiirraa olchiifis, lammileen qe’ee isaanirraa buqqa’an qe’ee isaanitti deebi’uu hojii qonnaa isaanitti akka deebi’aaniif karaa baneera jedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ibsi mootummaa kun dabaluun hidhattooti duraanii hojii tajaajila uummataa biroo keessa tursuun ammallee cimaa ta’uu ibsa.
Akka waligaltee nagaa kanarratti ka’ameen hojiin meeshaa waraanaa gurguddoo hikkachiisuu adeemsifamaa jiraatus, meeshaleen waraanaa xixxiqoo garuu ammallee naannicha keessatti baayyinaan jiraachuu ibse.
Guyyooti muraasa dura Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan waliigaltee nagaa waraana Kaaba Itoophiyaatti waggaa lamaaf gaggeeffamaa ture dhaabsiise waggaa tokkoffasaa sababeeffachuun ibsa baasaniin, ‘‘Itoophiyaafi Ertiraan gochaawwan dubbii barbaachaarraa of qusachudhaan bilisummaa, birmadummaafi kabaja tokkummaa daangaa biyyoota naannichaa eeguu qabu,’’ jedhaniiru.
Qondaalli olaanaa kun kana kan jedhan waliigalteen waliitti bu‘iinsa dhaabuuf Piritoriyaatti mallattaa’en tarkaanfiiwwan jijjaboon fudhatamusaanii erga kaasaniin booda, tarkaanfiiwwan fudhatamuu qabu jedhan keessaa ammoo humnootii Ertiraa naannoo Tigraay keessaa guutummaan bahuu akka qaban yaadachiisan.
Waggaa tokkoffaa waliigalee nagaa Piritooriyaa ilaalchisuun biyyoonni kudhan ibsa, Sadaasa 2, 2023 baasaniin naannolee Oromiyaafi Amaaraatti walitti bu'iinsi gaggeeffamu "kan nama yaaddessuu" jedhan.
Biyyoonni Lixaa yaaddoosaanii ibsan kanneen akka UK, Kanaadafi Awustiraaliyaa fa'aati.












