Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Joo Baayideen waraana Yukireen xumuruuf Puutin waliin mari'achuuf qophii tahuu himan
Pirezidaantiin US Joo Baayiden yoo dhuguma waraana Yukireen xumuruuf fedha qabaate Vilaadmiir Puutin waliin wal arganii mari’achuuf qophii tahuu himan.
Pirezidaantii Firaans waliin tahuun ibsa kan kennan Baayideen, Puutin hanga ammaatti qophii tahuu hin ibsine jedhan.
Kireemiliin deebii kenniteen ‘’fedha keenya eeguuf’ Puutin mariidhaaf qophiidha jette.
Baayideniifi Maakiroon waraana Raashiyaan gaggeessaa jirtu dura dhaabbachuu akka itti fufan himan.
Haatahu malee, Dubbii Himaan Raashiyaa Dimitirii Peeskoov Moskoon yaada US fudhachuuf qophii miti jedhan.
Dhugaatti Baayiden maal jedhan? ‘’Mariin kan danda’amu yoo Puutin Yukireen keessaa bahedha’’ jedhan.
Mariidhaaf haalota jiran wal xaxaa taasiseera kan jedhan Peeskoov, Ameerikaan daangaa haaraa Raashiyaan Yukireen ofitti dabalteef beekamtii hin kennitu jedhan.
Daangaa kanneen Raashiyaan xumura ji’a Fulbaanaa keessa seeraan ala ofitti dabalte.
Pirezidaant Maakiroon, Baayiden waliin lammiileen Yukireen ‘’tasuma waan isaaniif hin taane fudhachuu akka hin qabne’’ waliigalleerra jedhan.
Ministeerri Dhimma Alaa Xaaliyaanii Antoonii Tajjaanii Jimaata akka jedhanitti, nagaa Yukireeniif yeroon hojjennu dhufeera, garuu Kiyeev karaa wallaba taateen malee harka kennachuudhaan tahuu hin qabu jedhan.
Kireemiliin amma qophii tahuu ishee agarsiisuu qabdi malee uummata irratti callistee boombii roobsuu hin qabdu jechuun La Repubblica gaazexaa jedhamutti himan.
Kun kanaan osoo jiruu Phaaphasiin Kaanterbaarii Yukireen wayita daawwatanitti, hanga Raashiyaan waan Yukireen keessatti hojjechaa jirtu sobuu dhiistutti nagaan hin jiraatu jedhan.
Buufata naannoo loltootni Raashiyaa yakka waraanaa raawataniiru jedhamuun himataman yeroo daawwataa turanitti, ’’Soba irratti hundaa’uun furmaatni dfhufu hin jiru’’ jedhan.
‘’Yakki waraanaa asitti raawwateera,’’ jedhan.
Qondaalli Yuukireen olaanaan tokko erga waraanichi jalqabee as loltootni isaanii 10,000 hanga 13,000 tahan ajjeefamuu himaniiru.
Gaggeesitootni biyyoota lamaanii miidhaa loltoota isaanii irra gahe ifatti hin ibsine garuu dubbii qondaala gorsaa pirezidaantii Yuukireen kana gaggeessaan waraana biyyattii hin mirkaneesine.
Ji’a darbe qondaalli waraanaa US Maarki Miileey, loltootni Raashiyaa 100,000 fi kan Yuukireen 100,000 ol tahan erga waraanichi jalqabee ajjeefamaniiru ykn madaa’aniiru jedhan.
Roobii darbe Komishinerri Gamtaa Awurooppaa Ursulaa von Leyen loltootni Yuukireen 100,000 tahan ajjeefamaniiru jedhan.
Haa tahu malee, boodarra dubbii himaan Gamtaa Awurooppaa lakkoofsi jalqaba himame dogogoradha. Kun lakkoofsa loltoota gama lamaaniin ajjeefamanii ykn miidhaman dabalata jedhan.
Aadde Ursulaan lammiilee nagana Yuukireen 20,000 tahanis waraanicha keessatti ajjeefamuu himaniiru.
Imaanu'eel Maakiroonii fi Joo Baayiden Yuukireeniin itti fufanii akka deeggaran himanii, meeshaalee ittisa qilleensarraa dhiyeessuufii akka itti fufanis ibsaniiru.