Yukireen erga waraanni Raashiyaa waliin eegalee loltoonni 13,000 jalaa du'uu beeksifte

Maxxanfame

Waraanni Yukireen erga eegalee hanga ammaa loltoonni biyyattii 13,000 ta'an du'uu aangawaan biyyattii olaanaan tokko dubbatan.

Gorsaa pirezidantii Yukiree kan ta'an Maayikaayilo Podolyaak loltoonni 10,000 hanga 13,000 du'uu himan.

Yukireenis ta'ee Raashiyaan ifatti lakkoofsa loltoota jalaa du'anii ykn madaa'anii hin himne. Yaadni aangawaa Yukireen kun humna waraana biyyattiitin hin mirkanoofne.

Ji'a Waxabajjii keessa guyyaa guyyaan loltoonni Yukireen 100 hanga 200 akka du'an aangawaan kun dubbatanii turan.

Ji'a darbe keessa aangawaan waraanaa kan ta'an Jenaraal Maark Miley gaama gama lamaaniyyuu waraanni 100,000 tokkoon tokkoon isaanii jalaa du'aniiru ykn madaa'aniiru jechuun dubbatanii ture.

Komishiniin Gamtaa Awurooppaa Ursula Von der Leyen gama isaaniin loltoonni Yukireen 100,000 ta'an du'uu Roobii darbe dubbatan.

Boodarra oduu himaan Gamtaa Awurooppaa lakkoofsi ibsame dogoggora akka qabu ibsuun 100,000 kan jedhame lakkoofsa loltoota du'anii qofa osoo hin taane kan madaa'anis akka hammatu ibsan.

Maayikaayilo Podolyaak TV Yukireen irratti dhiyaachun, ''Kiiv lakkoofsa namoota du'anii ifatti dubbataa jirti."

Lakkoofsi biiroo ajaja waraana fi ajaja humna waraanaa walii galaa [pirezidaantii] lakkoofsa qabatamaa ta'e akka qabanii fi akkaataa kanaan loltoonni du'an 10,000 hanga 13,000 akka ta'an dubbatan.

Lakkoofsi namoota nagaa sababa waraana kanaan du'anii ammoo hanga walakkeessa ji'a Waxabajjiitti 3,600 ta'uu ibsan aangawaan Yukireen kun.

Komishiniin Gamtaa Awurooppaa gama isaaniin waraana Yukireen keessatti hanga amma gaggeeffameen namoonni nagaan 20,000 ta'an du'uu himan.

Gorsaan pirezidantii Yukireen Maayikaayilo Podolyaak ammoo loltoonni Raashiyaa 100,000 hanga 150,000 du'uu dubbatan.