Lafeen loltoota waraana 'Waterloo' irratti ganna 200 dura ajjeefamanii argame

Madda suuraa, CHRIS VAN HOUTS/WATERLOO UNCOVERED
Lafeen loltoota waraana 'Waterloo' bara 1815 Beeljiyem keessatti raawwateen ajjeefamanii arkiyoolojistootaan argame.
Ogeeyyiin akka jedhanitti argannoon kun mata duree waraana Naappooliyoon jalatti argannoo "dinqisiisaa salphaatti hin argamnedha". Waan dabalataa baruuf ammas itti fufanii qotaa jiru.
Qorannoo erga bara 2019 adda citee booda bara kana itti fufeen, qorattoonni lafee namaa fi kan fardeenii qotanii baasan.
"Dhugaa suukanneessaa waraana 'Waterloo'tti kana caalaa dhiyaachuu hin dandeenyu" jedhe direektaroota qorannichaa keessaa tokko.
Direektara Wiirtuu Arkiyooloogii Adda Waraanaa Yuunivarsiitii Gilaasgoo kan ta'an pirofeesar Toonii Poolaard qorannoo kana keessatti hirmaataniiru.
"Ani waggoota 20f arkiyooloojistii adda waraanaan ture, garuu takkaa waan akkanaa argee hin beeku" jedhan.
Waraanni 'Waterloo' Waxabajjii 18 bara 1815 lolame. Xumura waraanawwan Naappooliyoonis ture.
Adda Waraanaa kanatti Humni waraana Firaans Naappooliyooniin durfamaa ture, tokkummaa humna waraanaa Biritiish Duukii Weeliingitaniin durfamuu fi humna waraanaa Piruushiyaa fiild maarshaal Voon Bilaashariin durfamuun injifatame.
Waraanni kun seenaa Awurooppaa kan jijjiire akka ta'etti fudhatu hayyoonni seenaa. Abjuu guutuu Awurooppaa bulchuu Nappooliyoon kan fashalse ture.
Hariiroo Biriteen ardii Awurooppaa waliin qabdu kan toora qabsiisedha.

Madda suuraa, CHRIS VAN HOUTS/WATERLOO UNCOVERED
Wantoota tibbana argaman keessaa lafeen harkaa fi miilaa murame sadi argameera. Bakki lafeen kun itti argame yeroo waraanichaa hospitaala dirree hogganaa waraana Biritish ture.
Waraana kana keessatti namoonni kuma kudhaniin lakkaa'aman du'anillee reeffi argame muraasa ture.
Lafeen loltoota ajjeefamanii hedduun funaanamee erga daakamee booda akka xaa'ootti itti dhimmi bahamuu akka hin oolle himama.
Gareen qorannoo kana gochaa jiru hanga Adoolessa 15 itti fufanii qotuun argannoo dabalataa akka baasan abdatu.












