Misaayeliin Niwukilaaraa hin sochoone gaaraajii nama dhuunfaa keessatti argame

Maxxanfame

Ameerikaatti poolisiin Waashingitan rookettiin dulloomaa daanda'e gaaraajii nama dhuunfaa keessaa argame misaayela niwukilaaraa hin sochoone dha jedhe.

Roobii darbe godambaan waraanaa Ohaayoo jiru poolisii magaalaa Beelviwuuf bilbiluun kennaan hin baratamne akka isaaniif dhiyaate itti himan.

Kana booda poolisiin garee boombii irratti hojjetu mana nama meeshaa kana arjoomuu barbaadee erga.

''Arjooma akkanaa argachuun sichi yeroo dheeraa booda deebi'ee hin dhufu,'' jedhe poolisiin weelluu Iltoon Joon Rookeet Maan jedhu eeruun.

Poolisiin ibsa baaseen meeshaan argame kanaan dura ''MB-1'' jedhamuun kan beekamuufi niwukilaara mataa misaayelaa dhohu1.5 kt W25 baachuuf hojjetame dha jedhe.

Haa tahu malee amma meeshaan dhohu mataa misaayelaa kanatti hidhamee/kaa'ame ture hin turre, kanaaf hawaasaaf balaa hin turre jedhe poolisiin.

Dubbii himaan poolisii Beelviwuu Seez Teeyilar BBCtti akka himaniitti, ''meeshichi taankarii booba'aa rookkeetii fayyadu dha.''

Waan argame kana ''waan gudddaa miti,'' jedhaniiru.

''Inumaayyuu gareen dhaqee waan kana ilaale sibila daanda'ee badeef jettanii maaliif ibsa baastu naan jedhaniiruyyuu,'' jedhan.

Namni maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne, isa miidiyaan dhimma kanaaf xiyyeeffannoo kenneef ''akka malee rifateera'' poolisiirraa ''naa bilbilama'' jedhees eegaa hin turre. Muziyeemiinis dursee akka waan kana poolisiitti gabaasu itti hin himnee jedhan.

''Haalasaa ilaallee akka barruufi miidhaa akka hin qaqqabsiisne murteessuuf kabajaan nuu eeyyameera,'' jedhan.

Qondaaloti mootummaa meeshaan kuni waan dhuka'u qaba jedhanii ijaa hin yaadneef uummata magaalittii 150,000 achii akka bahan hin ajajne jedhe.

Namichi dhimma kana gabaasuun arjoomuu barbaade, kan ollaasaa lubbuun darbee akka tahe himuun manaa wajjin bitamuu hime.

Poolisiin dhumarratti meeshaan kuni, ''hambaa balaa dhuka'uu hin qabne dha,'' jedhe.

''Meeshaan kuni ijaa hin hojjenneef waraanni biyyattii deebisee fudhachuu hin barbaanne ture, poolisiin achumatti dhiisuun godambaa galee agarsiisaaf akka dhiyaatu,'' jedheera.

Akka Siyaati Taayims jedhutti rookeetiin kuni yeroo waraana ololaa(cold war) Ameerikaafi Kanaadaatu itti fayyadame.

Rookeetiin Geenii jedhamuun beekamu kunis bara 1957tti rookeetii kallattiin ibidda tufu jalqabaa yoo tahu, oomishnisaas bara 1957tti dhaabbate.