UK'n misaayela fagootti furguggifamu Yukireenif arjoomuu mirkaneessite

Maxxanfame

UK'n misaayela fageenya dheeraa furguggifamu kan Yukireen ishee kadhachaa turte kennaafii akka jirtu mirkaneessite.

Misaayelli abbaa teeknoolojii ammaayaa UK amma harka Yukireen galaa jira jedhamu 'Storm Shadow', fageenya km 250 furguggifamuu danda'a jedha dhaabbatni misaayeloota kana tolche.

US gama isheen misaayeloota 'Himars' jedhaman Yukireeniif kan kennite yoo ta'u, kan US kun km 80 caalaa furguggifama jedhama.

Misaayeloonni kunniin Yukireen humna ittiin deebistee Raashiyaa waraantu akka qabaattu gargaara jedhameera.

Misaayeloonni UK amma Yukireeniif kennamaa jiran, xiyyaarota waraanaa irraa furguggifamu. Kana jechuun ammoo paayiletootni waraanaa Yukireen adda waraanaa irraa fagaatanii misaayela kana furguggisuu danda'u.

Misaayeloonni 'Storm Shadow' kunniin takkaa furguggifamanii jennaan raadaarii diinaa jala bahuuf jecha lafatti siiqanii(low altitude) imaluun bakka alaammatame rukutu.

Hogganaan waajira ittisaa UK Been Waalees UK'n meeshaalee waraanaa kana Yukireeniif arjoomaa akka jirtu kan ibsan Kamisa har'aa yaa'ii 'House of Commons' irratti.

Biyyi isaanii arjooma kana kan goote michuun isaanii Yukireen irra deddeebiin meeshaalee akka kennaniif warra Lixaatti watwaachaa waan baateef akka ta'e dubbataniiru.

Jalqaba bara kanaa Ministirri ittisaa Yukireen biyyootni Lixaa misaayela fageenya dheeraa akka kennaniif yoo gaafatan, misaayeloonni kennamaniif dachee Raashiyaa akka hin rukunnee ''isiniif mirkaneessina'' jedhanii ture.

''Fageenya km 300 irraa yoo dhukaafne Raashiyaan ittisuu waan hin dandeenyeef mo'atamuuf adeemti.'' jechuun Gamtaa Awurooppaatti himan.

''Meeshaalee keessan kanaan dachee Raashiyaa akka hin haleelle Yukireen wabii isiinii kanniti.''

Onkololessa darbe Ministirri Muummee UK Rishii Sunaak Yukireeniif misayeloota fageenya dheeraa arjoomuuf qophaa'aa akka jiraniifi dhiyeessitootaaf caalbaasii dhiyeessuu himaniiru.

''Waliin taanee Yukireen magaalota ishee boombii Raashiyaafi diroonii Iraan irraa akka qolattu gargaaruu qabna'' jedhan Sunaak.

Itti dabaluunis ilaalchuma kanaan UK biyya jalqabaa misaayeloota fageenya dheeraa Yukireeniif kennite taatii jedhan.

Kamisa har'aa dubbii himaan mootummaa Raashiyaa Dimiitrii Piiskoov Raashiyaan misaayeloota 'Storm Shadow', UK gumaachiteef ''tarkaanfii waraanaa barbaachisaa'' ta'e ni fudhattii jedhan.

Misaayelootni 'Storm Shadow' jedhaman harka waraana Faransaayiifi UK kan jiran yeroo ta'u, kan UK kun xiyyaara waraanaa qofa irra furguggifama. Kan Faransaay ammoo Dooniifi meeshaalee wraanaa bishaan jalaa irraa furguggifamuu danda'u.

Misaayeloonni kunniin Iraaq fi Liibiyaa dabalatee nannoo galoo galaanaatti fayidaarra oolaniiru.