Xiyyaaronni waraanaa US afuuffee daangaa qilleensa biyyattii keessatti argame bira gahuu himame

Xiyyaara waraanaa US, F-22

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Xiyyaarri waraanaa Ameerikaa afuuffee baay'ee ol fagaachuun samii biyyattii gara Lixaarra balali'aa ture dhaqabuun waan miidhaa geesisftu miti jedhe.

Afuuffee samiirra balali'aa turte kun balalii xiyyaarotaa irratti waan miidhaa geesisftu miti jedhe.

Qondaalonni Ameerikaa kaayyoo isaa fi eessarraa akka tahe garuu waan beekamu hin jiru jedhan.

Afuuffeen samiirra kaattu kun Koloraadoo fi Utaa keessatti osoo gara Bahaatti imaltu mul'atte.

Bara darbe Ameerikaan afuuffee kan Chaayinaati jedhame karaa Alaabaamaa daangaa qilleensashee gale haleeluun buusteetti.

Jimaata kan mul'atte afuuffeen ammaa kun ol ka'insa Meetira 13,400 irratti balali'aa turte. Kanaaf xiyyaara waraanaa kaasuun akka bira gahanii qoratan ajajan.

Norad kan daangaa qilleensaa Ameerikaa fi Kanaadaa tiksuuf itti gaafatamummaa qabu xiyyaarotni waraanaa Utaa keessatti afuuffee kana dura goruu himan.

Miidiyaan michuu BBC tahe CBS qondaala mootummaa maqaa hin eerre wabeeffachuun akka gabaasetti afuuffeen kun Jimaata halkan Joorjiyaa geessi jedhamee eegamaa ture.

Afuuffee bara darbe daangaa qilleensaa Ameerikaa seente Waashingitanii fi Beejingi gidduutti raafama dippilomaasii fiddee ture.

Qondaalonni Chaayinaa afuuffeen sun kan basaasaa osoo hin taane haala qilleensaa kan qorattudha jechuun haalan.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa, Antoonii Bilinken daawwannaa Chaayinaatti taasisuuf turan sababa afuuffee ''maal na dhibdeen'' ergamte jedhan kanaan haqan.

Booda xiyyaara waraanaa F-22 fayyadamuun qarqara Kaarolinaatti barbadeessan.