Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dureewwan G7 biyyoota guddataa jiran keessatti babal'ina Chaayinaa dura dhaabbachuuf $600bln ramaduuf
Gaggeessitoonni biyoota dureeyyii G7 tarsiimoo Chaayinaan 'China's Belt and Road' jechuun hojjataa jirtu dura dhaabbachuuf biyyoota guddataa jiran keessatti bajata $600bn ramaduuf karoorasanii jiru.
Walta'iinsa Bu'uuraalee Misooma fi Investimentii Idil-addunyaa (PGII) jedhamu kan bara darbe walgahii biyyoota G7 Ingilaanditti taa'ame irratti walii galame ifa godhee jira.
Pirezidaantin US Joo Baayidan akka jedhanitti karoorichi hundumaaf kan bu'aa buusudha.
Ijaarsi bu'uuralee misoomaa Chaayinaan bajata doolara tiriliyeena hedduun biyyoota guddatan keessatti gaggeessaa jirtu biyyoota heddu idaa keessa galcheera jechuun qeeqamaa ture. China's multi-trillion dollar infrastructure initiative is criticised for hitting nations with too much debt.
"Waantin ifa gochuu barbaadu, kuni gargaarsa miti, kuni investimentii hundumaaf bu'aa fidee dhufuudha" jechuun Baayidan Walta'iinsa Bu'uuraalee Misooma fi Investimentii Idil-addunyaa (PGII) biyyoota G7 irratti dubbatan.
Itti dabaluunis, "Karoorri walta'iinsa misoomaa idil-addunyaa kun biyyoonni dimokiraasii bu'uura godhachuun fayidaa qabatamaa ta'e akka argatan kan taasisuudha" jedhu Baayidan.
Biyyoota galii gadi aanaa fi giddu galeessaa argatan keessatti pirojectiiwwan bu'uuraalee misoomatiif kan oolu bajata $600bn waggoota shan keessatti akka sassaabamuuf dureewwan biyyoota G7 tiif waamichi dhiyaatera.
Bajata qabame keessaa US karaa deeggarsaa, fandiiwwan federaala fi investimentiiwwan dhuunfatiin $200bn akka dandeessu waadaa yoo seentu, Gamtaan Awurooppaa (EU) gama isaatin yiiroo 300bn akka danda'u ifoomsee jira.
Karoorri kun kan inni irratti fuulleffatu jijjiirama haala qilleensaa ittisuu, fayyaa addunyaa fooyyeessuu, wal-qixa fayyadamummaa koorniyaa mirkaneessu fi bu'uuraalee misoomaa dijitaalaa ijaarudha.
Karoorawwan qabaman keessaa pirojektiiwwan soolaarii Angoolaa keessatti, ijaarsa warshaa omisha talaallii Seneegal keessatti, fi keebilii qunnamtii galaana jalaa 1,609 km dheeratu karaa Masirii fi Gaanfa Afrikaatin Faransaayi fi Siingaappor wal qunnamsiisu of keessatti hammata.
Karoorichi adeemsa tarsiimoo Chaayinaa guddicha 'Belt and Road Initiative (BRI)' jedhamu dura dhaabbachuuf kan karoorfameeedha.
Pirojecktiin 'Belt and Road Initiative (BRI)' bara 2013 ttti pirezidaantii Chaayinaa Zhii Jiinping dhaan kan jalqabame yoo ta'u biyyoota guddataa jiran keessatti ijaarsa bu'uuraalee misoomaa kanneen akka buufata doonii, daandii fi riqichaatif bajata liqeessuf kan karoorfame ture.
Karoorri Chaayinaa kun walitti dhufeenya daldaalaa kan guddise ta'us, Chaayinaan biyyoota guddatan liqii kaffaluu hin dandeenye keessa galchuun gaafa isaan kaffaluu dadhaban qabeenya isaanii irraa fudhachuuf kan karoorfameedha jedhamee qeeqamaa ture.