Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Namichi shamarree Hawaasaa bute qe'ee maatii isaatti qabame'-Poolisii
Magaalaa Hawaasatti torbanoota dura namichi hojjettuu baankii butuun shakkame Waxabajjii 6, 2023 to'annoo jala ooluu Poolisiin magaalaa Hawaasaa beeksise.
Dubartii baankii Daashen damee Hawaasaa tokko keessa kan hojjeettu Tseggaa Balaachoo butuun namni shakkamee fi eegduu addaa kantiibaa magaalaa Hawaassaa kan ture Yehuwaalaa Mabraat bakka baqatee dhokatee qabamuu Poolisiin himeera.
Ajajaa Poolisii magaalaa Hawaasaa kan ta'an Gargaaraa Inispeektar Malkaamuu Ayyalee yaada BBC'f kennaniin, shakkaamaan kun guyyaa Kibxataa naannoo Sidaamaa aanaa Hulaa jedhamu keessatti akka to'atame ibsan.
''Naannoo maatiin isaa keessa jiratan keessaa bakka ofii dhokatee to'annoodhaan bira gahamee dirqamaan baasuun danda'ameera.''
Poolisiin durbee Tsaggaa gadhiisisuuf oppireeshinii kan geggeessuu jalqabe guyyaa butamterraa qabeeti kan jedhan Inispeektar Malkaamuun hordoffiin waan itti cimeef argamuu danda'ee jedhu.
''Yeroo hordoffiin itti cimu ishee gadhiisee miliquu yaalee ture. Iddoo inni ni sosso'a jedhamee yaadamutti marsinee dhumarratti har’a qabuun danda’ameera.''
Poolisiin ibsa isaa keessatti shakkamaa Yehuwaalaa Mabraat W/Maariyaam galgala naannoo sa'aa 11'tti to'annoo jala oolfamuu beeksise.
Shakkamaan kun yeroo ammaa Qajeelcha Poolisii magaalaa Hawaasaa akka jirus Inispeektar Malkaamuun himaniiru.
Hojjettuun baankii Daashen damee Waarkaa kan magaalaa Hawaasaa jiruu, Tsaggaa Belaachew kan butamte Caamsaa 30, 2023 ture.
Namni ishee butuun shakkame ammoo miseensa poolisii addaa akka turee fi eegduu kantiibaa magaalaa Hawaasaas akka ture poolisiin himeera.
Waxabajjii 1, 2023 maatiin Tsaggaa fi Poolisiin hojjettuun baankii guyyaa gaa'ila isheef qophaa'aa turte kun erga butamtee torban tokkoo ol booda argamtee harka maatii gahuu ibsanii ture.