Dhibee tiruu kan ta'e Heppitaayitisiirraa akkamitti of-eeguu dandeenya?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Addunyaarratti namoonni miliyeenan lakkaa'aman dhibee Heppitaayitisii qabaachuusaanii waan hin beeknef qorannoo akka taasisan ogeeyyin fayyaafi dhaabbileen tola ooltotaa waamicha dhiyeessu.

Adoleessi 28 guyyaa Heppitaayitis addunyaa jedhamuun kabajama.

Sababa dhibee Heppitaayitisiitin addunyaarratti waggaan namoonni miliyeena tokkoo ol akka du'an ragaalen ni agarsiisu.

Waggoota dhiyoo as ammoo lakkoofsi namoota dhibee Heppitaayitis ykn dhibee tiruun du'anii dabalaa akka jirutu himama.

Heppitaayitis maalidha? Hangam hamaadha?

Dhibeen Heppitaayitis tiruurratti kan mul'atuufi miidhu yoo ta'u yeroo heddu vaayirasiidhan kan dhufuudha.

Vaayirasiin kun kaansarii tiruu, tiruun hojii dhaabufi rakkoowwan biroo tiruurran gahuu danda'a.

Vaayirasiin Heppitaayitis gosa shan kan qabu yoo ta'u Hepiitaayitis A dhaa hanga Heppitaayitis E tti maqaan mogga'eefii jira.

Kanneen keessaa Heppitaayitis B fi Heppitaayitis C balaafamoodha jedhamu.

Akka tilmaama Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti, waggaatti namoonni miliyeena 1.3 ta'an addunyaarratti gosa Heppitaayitis B fi Heppitaayitis C dhaan ni du'u. Kana jechuun sakandii soddoma sodoomaan namni tokko ni du'a jechuudha.

Faca'iinsi isaa maal fakkaata?

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka ibsetti addunyaarratti namoonni miliyeena 254 Heppitaayitis B wajjin yoo jiraatan, miliyeena 50 kan ta'an ammoo Heppitaayitis C wajjin jiraatu.

Waggaatti ammoo namoonni miliyeena 2 ta'an dhibee kanaan akka qabamanis eera gabaasni dhaabbatichaa.

Tatamsa'ina Heppitaayitis B

Gabaasni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa akka ibsutti biyyoota lixa naannoo Paasifik ta'an kanneen akka Chaayinaa, Jaappaanifi Awustiraaliyaa keessa namoonni miliyeena 97 dhibee Heppitaayitasii cimaa ta'een qabamanii wajjin jiraatu.

Afrikaatti ammoo namoonni dhibichaan qabaman miliyeena 65 ta'u.

Biyyoota kibba baha Eshiyaa kanneen akka Hindii, Taayilaandifi Indoneeshiyaa fa'aa keessa ammoo namoonni miliyeena 61 ta'an dhibichaan qabamaniiru.

Gosa dhibee Heppitaayitis E tiin ammoo addunyaarratti namoonni miliyeena 20 ta'an akka qabaman gabaasni dhaabbatichaa kun ni ibsa.

Heppitaayitis akkamitti nama qaba?

Gosti Heppitaayitis A baay'inaan kan nama qabu nyaata ykn dhugaatii, ykn ammoo bishaan bobbaa nama dhibichaan qabameen faalameen akkasumas kallattiidhan nama dhibichaan qabame wajjin wal-qunnamuuni.

Bakkeewwan ykn biyyoota qulqullinni dhuunfa hin jirre ykn galii gadi aanaa qaban keessatti dhibichi heddumminaan ni mudata.

Mallattoowwan gosa dhibee kanaa baay'ee osoo hin turin baduu danda'u.

Gosti dhibee Heppitaayitis B kan ittiin namatti daddarbu:

  • Yeroo dahuumsaa haadharraa daa'imatti
  • Tuttuqaadhan daa'ima tokkorraa kan biraatti
  • Yeroo tumaa qaamarratti tumatan dhiiga faalameen
  • Dhangala'aa qaama namaa keessa bahu tuttuquun akkasumas
  • Saal-qunnamtiin

Heppitaayitis D fi Cn kan namatti daddarban dhiiga vaayirasicha qabu wajjin tuttuqqii godhamuuni. Fakeenyaf lilmoo waliin qooddachuu ykn dhiiga dhibichaan faalame namarraa fudhachuu.

Namoonni Heppitaayitas B qaban hedduunsaanii Heppitaayitis D dhaanis qabamuu ni danda'u.

Heppitaayitis E ammoo bidhaanifi nyaata vaayirasichaan faalame nyaachuu ykn dhuguurraa namatti daddarba.

Heppitaayitis qabaachuu keessan akkamiin baruu dandeessu?

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka jedhutti mallattoolee armaan gadii hordofuun dhibee Heppitaayitis qabaachuufi dhiisuu dandeessu:

  • Qaama gubaa
  • Dadahabbii
  • Fedhii nyaataa dhabuu
  • Garaa teessisaa
  • Dhukkubbii naannoo garaachatii namatti dhagahamu
  • Bobbaafi fincaan halluu gurraacha qabu
  • Ijjiifi gogaan namaa halluu keelloo qabaachuu fa'a.

Haa ta'u garuu namoonni Heppitaayitis qaban hedduunsaanii mallattoo salphaa ykn mallattoo homaatuu hin agarsiisan.

Qorannoofi yaalii Heppitaayitisii

Heppitaayitis A, B fi C qorannoo dhiigaa gochuun adda baasun ni danda'ama.

Heppitaayitis A dhaaf yaalli adda ta'e hin jiru. Namooni gosa dhibee kanaan qabaman hedduunsaanii dafanii fayyuurra darbee dandeettii dhibicha ittisuu ni horatu.

Heppitaayitis B fi Heppitaayitis C cimaa ta'e qorichoota farra vaayirasichaa ta'aniin yaalamuu danda'u.

Heppitaayitis A fi Bn talaallii qabu. Daa'imman yeroo reefu dhalataniif talaallin vaayirasichaa kennamuuf dhibicha haadharraa gara ijoolletti hin dabarreef ittisuu qofa osoo hin taane Heppitaayitis D dhanis akka hin qabamne gargaara.

Heppitaayitis C dhaaf talaallin hin jiru, talaallin Heppitaayitis E jiraatus baay'inaan hin argamu.