Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiruun yoo dalagaa dhaabe akkamiin bakka buusu? Dhimmoota beekuu qabdan ja'a
Dhibeewwan balaafamoo lubbuu namaa galaafachuun sadarkaa jalqabaarra jiran keessaa tokko dhibee tiruu ta'uu ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) ni mul'isa.
Jaarmiyaan kun wagga waggaan guyyaa dhibee tiruu addunyaa ni kabaja, faayidaa tiruu irratti yaadachiisa kennuu fi tiruu kunuunsuun murteessaa ta'uu barsiisuun kaayyoo guyyichaati.
Hanga bara 2030tti addunyaa dhibee tiruu irraa bilisa gochuuf karoora qabatee akka hojjechaa jirus ibseera jaarmiyaan kun.
Waggaa waggaan dhibee tiruun namoonni miiliyoona 1.34 ta'an akka du'an fi gosoota dhibee tiruu Hepatitis A, B, C, D fi E jedhamuun hanga ammaatti addunyaarratti beekaman keessaa kan lubbuu namaa galaafataa jiru gosa Hepatitis B jedhamu ta'uu WHO ibseera.
Gosootni dhibee Tiruu 'Hepatitis B fi C' jedhaman Itoophiyaa keessatti baay'inaan argamuu ragaan Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa biyyattii ni mul'isa.
Inistitiyuutichi qorannoo bara 2017 gaggeesseen faca'iinsi dhibee tiruu gosa B (Hepatitis B) sadarkaa Itoophiyaatti dhibbeentaa 9.4 akka ta'e ibseera.
Dhibeen tiruu gosa Hepatitis B jedhamu kulkuluu, mada'uu ykn infekshinii tiruu kan vaayirasiin dhufuu akka ta'e ogeeyyiin fayyaa ni dubbatu.
Dhibeen kun osoo yaala hin argatin namarra bubbulee yoo hammaate tiruun tajaajilaan ala ta'ee lubbuu namaa galaafachuu dand'a jedhan Hospitaala Phaawuloositti Ispeeshaalistiin dhibee keessoo, akkasumas ogeessi Gastroenterology fi Hepatology Dr Gadaa Leellisaa.
Wayita tiruun tajaajilaan ala ta'u furmaati jiru bakka buusuu qofa kan jedhan Dr Gadaan, ''wal'aansi akkanaa akkaan qaalii fi adeemsi isaa walxaxaadha,'' jedhan.
Tiruu bakka buusun dhukkubsataa akkamiif?
Hospitaala Salaaleetti Ispeeshaalistii dhibee keessoo kan ta'an Dr Geetaachoo Rattaa, tiruun hojii dhaabee sadarkaa jijjiiruun dirqama ta'uurra osoo hin ga'in of eeggannoo gochuu fi wal'aansa fayyaa kennamu hordofuu feesisa jedhan.
''Tiruu jijjiiruun kan taasifamu yoo sadarkaa dhumaarra ga'edha. Yoo kaansariifaatti jijjiiramee tiruun hojii dhaabe qofa,'' jedhan.
Wal’aansa baqaqsanii yaaluun dura gosa dhibee tiruu kana adda baasuun barbaachisaadha kan jedhan Dr Gadaan, yoo baayyee hammaataa miti ta’e hordoffii fi yaala fayyaa sasalphaan irraa fayyuun ni danda’ama jedhan.
‘’Yoo tiruun dhiiga dabarsuu dadhabe meeshaa indooskoppii jedhamuun yaaluun ni danda’ama. Yoo didee guutummaatti hojii dhaabemmoo bakka buusuu gaafata.’’
Dhibeen kun yoo hammaate tiruun godaannisa godhata, kan osooma godaannisa qabuu hojjetu akuma jiru kan sababa kanaan hojii dhaabus jira.
Kanaafuu adeemsi tiruu bakka buusuu (liver transplant) dura jiru yeroo kennuu fi xiyyeeffannaa guddaa gaafata jedhan Dr Gadaan.
Dr Gadaan akka jedhanitti namni dhukkuba tiruu qabu tokko hagam akka itti hammaatee jiruu fi yeroo hagamii keessatti tajaajila yaaliidhaan bakka buusuu akka argatu murteessuuf mala akkuma addunyaatti ittiin bikkamu- MELD Score jedhamu fayyadamu.
Haala kanaan bikkamee lakkoofsi argamu olaanaa ta’e jechuun dhibeen tiruu hammaateera jechuudha.
''Sadarkaa of duuba deebisuun hin danda’amnerra wayita ga’u bakka buusuun (transplant) filannoo isa dhumaa ta’a,'' jedhan ogeessi fayyaa kun.
Eenyutu tiruu gumaachuu danda'a? Akkamiin?
Wal’aansi fayyaa akkanaa kun akkaan qaalii fi ogeeyyii dhimma kanarratti beekumasaa fi muuxannoo cimaa qaban kan barbaaduu fi Afrikaa keessaa biyyoota lama yookiin sadi qofa keessa akka jiru himan Dr Gadaan.
''Beekumsa, muuxannoo, teeknika, meeshaa ammayyaa kan gaafatuudha. Wal’aansi qaaliin akkasii addunyaarra hin jiru. Adeemsi isaas yaaliin isaas akkaan qaaliidha,'' jedhan.
Akka Dr Gadaan jedhanitti akkaataan tiruu itti argataniyyuu akkaataan kan kalee irraa baayyee addadha.
''Kan kale hagas mara miti. Biyya keenya keessas jira. Abbaan fedhe gumaachuu danda’a, namni ogummaasaa qabu kamuu yaaluu danda’a. Tiruu garuu garuu yaalamuuf qofa osoo hin taane kennuufiyyuu hojii guddaa gaafata.''
Tiruun nama dhibameef bakka buufamu mootummaadhaan yookiin dhaabbata beekamaadhaan akka biyyaatti giddu gala tokkotti qophaa’a jedhan.
''Bifa lamaan qophaa’a. Tokko namuma lubbuun jirutu tiruusaarraa maatiisaaf kenna. Lammaffaa ammoo namni tokko yeroo lubbuun jiru tiruusaa gumaachuuf akkaatuma waadaa galeen yeroo du’u kennama.''
Inni sirrii fi yeroo baayyee hojiirra oolu filannoo isa lammataati kan jedhan Dr Gadaan, nama lubbuun jirurraa gumaacha tiruu fuudhanii nama dhukkubsateef bakka buusuun balaa qabaachuu eeran.
Namni lubbuun jiru tiruu gumaachuuf ogeeyyii baqaqsanii yaaluu fi beektota dhimma tiruu waliin mari'achuun dirqama.
Biyyoota wal'aansa kana kennan keessatti hanqinni gumaacha tiruu, dhukkubsattoonni yeroo dheeraaf tajaajila kana eeggataa osoo jiranii lubbuu akka dhaban sababa ta'eera.
Faayidaa fi miidhaa wal'aansa tiruu bakka buusuu
Wal’aansa tiruu bakka buusuu raawwachuu dura hojii guddaan, tiruun gumaachaan argame sun kan bakka bu’uuf deemuun walsimuusaa mirkaneessuudha.
Dr Gadaan akka jedhanitti yaaliin tiruu bakka buusuun taasifamu wal’aansa dhibee tiruu keessaa isa filatamaa fi milkaa’aa ta’us, garuu wal’aansa booda sodaan jirus akkasuma yaaddoodha.
''Tiruun namaa wal’aansa baqaqsanii yaaluu (oppireeshinii) dhaan bakka buufama. Yeroo kana qaamni duraan ture qaama alaa itti hodhame kana ofirraa jibbuu danda’a. Kun akka hin taaneef ammoo qorichi yeroo dheeraaf fudhatamu ni kennama. Dhiibbaan cinaa qorichi kun qabus rakkoo biraadha,'' jedhan.
Seeliin tiruu bakka buufame qaama duraan turetti michoomuu didee akka rakkoo hin uumneef qorichi imunosupressive jedhamu kan kennamu yoo ta’u, qorichi kun yeroo dheeraaf wayita fudhatamu rakkoo mataasaa qaba jedhan Dr Gadaan.
Wal’aansi tiruu bakka buusuu erga taasifamee booda rakkoon mudatu kan wal’aansa baqaqsanii yaaluu dhibeewwan kaaniin walfakkaata.
Tiruun qaama laafaa fi tuttuqnaan salphaatti miidhaaf saaxilamu ta’uusaan, akkasumas faayidaa inni jireenya keenya keessatti qaburraa ka’uun, wal’aansa akkanaa booda miidhaan mudatu salphaa akka hin taane himu ogeeyyiin fayyaa.
''Tiruun bakka buufame walsimuu dhabuu fi tajaajila guutuu kennuu dhabuu, akka malee dhiiguu, hadhooftuun dhangala’uu fi infekshiniin balaa wal’aansi kun fidu keessaati.'' jedhan Dr Gadaan.
Namni tokko wal’aansa tiruu bakka buusuu erga argatee booda gara hojiitti yookiin jiruu idileesaatti deebi’uuf yoo xiqqaate ji’a sadi itti fudhatus himan.
Akkaataa cimina dhibee tiruun, hospitaalli tajaajila kenne nama yaalame kana yeroo dheeraaf hordofee tajaajiluu qaba.
Jalqabarraa hanga dhumaatti of eeggannoo fi ogummaa sadarkaa olaanaadhaan waan hojjetamuuf, wal’aansi akkasii kun bu’a qabeessummaansaa baayyee guddaadha jedhan Dr Gadaan.
Namoota tajaajila fayyaa dhibee wal’aansaan bakka buusuu argatan waggaa shan booda yoo ilaalaman dhibba keessaa 85 hanga 90 fayyaa ta’anii argamu jedhan.
Faayidaan tiruu maali?
Tiruun kutaa qaamaa hojiin itti heddummaatu waan ta'eef qixuma kanaan miidhaanis itti baayyata jedhu Dr Geetaachoo Rattaa.
Wantoota balaafamoo fi miidhaa qaban wayita gara keessoo qaamaa seenan kan tasgabbeessuu fi madaalawaa taasisu tiruu keenya jedhan ogeessi fayyaa kun.
Qorichi fudhannu hundiyyuu tiruu keessatti secca'amee darba kan jedhan Dr Geetaachoon, ''kanaaf qoricha hamma ajajamee ol yoo fudhanne tiruu miidha. Keessattuu qorichi parastaamoolii sababoota dhibee tiruu hamaa fidan keessaati,'' jedhan.
''Xuraawaan qaama keenya keessaa karaa tiruu dhabamsiifama. Seelonni kantaruu dhiigaa to'atanis tiruu keessatti oomishamu. Faayidaan tiruu hedduudha, faayidaa 500 ol qaba.''
Qaama keessatti soorati akka bullaa'uu fi to'atamu kan godhus tiruudha.
Dhibee tiruu maaltu fida?
Ispeeshaalistiin dhibee keessoo Dr Geetaachoo Rattaa dhibeen tiruu Hepatitis B jedhamu vaayirasiin kan dhufu yoo ta'u, ''dhugaatiin alkoolii, qorichoonni fudhannuu fi dhibeewwan qaama keessaa kanneen akka dhibee shukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa dhibee kana hammeessuu danda'u,'' jedhan.
Ispeeshaalistiin dhibee tiruu Dr gadaan ammoo, soorati nuti soorannus dhiibbaa mataasaa akka qabu eeran.
Coomni yookiin faatiin tiruu keessatti heddummaachuun haalota tiruun akka hojii dhaabu taasisan keessaati.
Namoonni biyyoota dhibeen kun keessatti argamu keessatti guddatan carraan qabamuusaanii guddaadha, dhibeen kun haadharraas daa'imatti ni darba.
Qoricha sammuu hadoochu karaa lilmee fudhachuu, walquunnamtii saalaa of-eeggannoo hin qabne raawwachuu fi namoota dhibee kanaan qabaman waliin jiraachuunis ni darba.
Of eeggannoo fi ittisa dhibee tiruu...
Dhibeen tiruu sadarkaa hammaataarra ga'ee, tiruun yoo tajaajila kennuu dhaabe carraan yaalamuu baayyee xiqqoodha kan jedhan Dr Geetaachoo Rattaa, garuu sadarkaa hamaarra osoo hin ga'in to'achuun akka danda'amu eeran.
Dhugaatii alkoolii irraa fagaachuu, soorata coomaan tiruu dhiphisu dhiisuu fi talaallii hordofuu gorsan.
Vaayirasii Hepatitis B ittisuuf qorichoonni entecavir (Baraclude), tenofovir (Viread), lamivudine (Epivir), adefovir (Hepsera) fi telbivudine jedhaman akka jiran himan.
Hepatitis C'f ammoo talaalliin kan jiru yoo ta'u irraa fayyuun ni danda'ama jedhan.
Kanaafuu namni martuu dhukkuba Hepatitis-B kana qabaachuuf dhiisuu isaa beekuun yoo qabaate akka yaalamuu, yoo hin qabaanne ammoo of-eegannoo akka godhuu fi talaallii barbaachisu akka fudhatu dhaaman ogeeyyiin fayyaa.
Haadhi dhibee kana yoo qabaatte gara daa'imaatti akka hin dabarreef talaallii kennuun barbaachisaadha.
Namni walfuudhuun dura lamaanuu dhukkuba kanarraa bilisa ta'uu qoratamanii mirkaneessuunis ni gorfama.
Sababa dhibee fi balaa adda addaan dhiiga fudhachuun yoo namarra jiraate, utuu hin fudhatiin dura qulqullummaasaa mirkaneeffachuun dirqama.
Itoophiyaatti wal'aansi dhibee tiruu dhaabbilee fayyaa 90 keessatti akka kennamu ragaan Ministeera Fayyaa biyyattii ni mul'isa.
Wal'aansi kun hospitaala Xiqur Anbassaa, Phaawuloos, Hospitaala Yuuniversitii Jimmaa fi Hospitaala Dubtii keessatti ni kennama.
Namni Hepatitis B qabu qoricha umrii guutuutu fudhata, qorichichi haala sirriin yoo fudhatamee fi hordoffiin yoo taasifame fayya-qabeessa ta'anii jiraachuun ni danda'ama.