'Dhimmi ajjeechaa Jamaal Kashoogjii ajandaa keenya isa ijoo ture'- Baayidan

Pireezidanti Joo Baayidan fi ilma mootii Sa'uudii Mohammad Salman jalqaba wayita walargan

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Pireezidantiin US Joo Baayidan wayita ilma mootii Sa'uudii Mohammad bin Salman waliin walarganitti waa'ee ajjeechaa gaazexeessaa gameessa Jamaal Kashoogjii kaasanii akka dubbatan himan.

Ajjeechaan bara 2018 gaazexeessaa kanarratti raawwate, ''anaafis ta'e US'f dhimma ijoodha,'' jedhan.

Biyyoonni lameen dhimma ajjeechaa kanarratti waliigalteerra ga'uus himan.

Daawwannaan pireezidanti Baayidan kun, akka waan ajjeechaa bulchaan Sa'uudii Arabiyaa kun ittiin komataman sirrii ta'uu mirkaneessaa jiraniitti fudhatamuun guddoo qeeqame.

Gaazexeessaan US buufatee hojjetu kun bara 2018 ji'a Onkoloolessaa keessa Waajjira Qoontsilaa Sa'uudii Arabiyaa kan magaalaa guddoo Tarkii, Istaanbul keessatti argamu keessatti ajjeefame.

Ilmi mootii Sa'uudii Mohammad bin Salman ajjeechaa kana tumsaniiru jedhamuun qaamolee basaasaa USn hedduu qeeqamaa turan.

Ilmi mootii kun yeroo hunda himannaa kana waakkata, abbootiin seeraa Sa'uudii ammoo qaamolee tikaa Sa'uudiitu qorannoo ofirraa baasaa gaggeessaa jira jechuun komatu.

''Dhimma ajjeechaa Kashoogjii akka ajandaa guddaatti kaasee walga'ii keenyarratti dhiyeesseera. Wayita taateen kun raawwate akkamitti yaadaa akkan turee fi amma akkamitti yaadaa akkan jiru hundumaa ibseera,'' jedhan pireezidanti Baayidan.

''Kallattiidhumaanin dubbadhe. Mootummaan Ameerikaa dhimma mirga dhala namaarratti callisuun baratamaa miti. Hangan of beekutti ilaalchi kiyya kana. An yeroo hundaa duudhaa keenyan tiksa,'' jedhan pireezidantichi.

Ilmi mootii Sa'uudii ''akka dhuunfaatti ajjeechaa raawwate keessaa akka harka hin qabne,'' dubbateera jedhan pireezidanti Baayidan, daawwannaan booda ibsa Jimaata kaleessaa, Adoolessa 15, 22 gaazexeessitootaaf kennan keessatti.