Paarkiin Biyyaalessaa Booranaa bona dandamatee tuuristoota hawwachaa jira

Maxxanfame

Paarkiin Biyyaalessaa Booranaa waggaa tokko dura bonaan miidhamee ture yeroo ammaatti dandamatee haala gaariirratti argama.

Sochiin tuurizimii paarkichaas yeroo gara yerootti guddina agarsiisaa akka jiru ragaan paarkicharraa arganne agarsiisa.

Itti Gaafatamaa Paarkii Biyyaalessaa Booranaa kan ta’an Obbo Nugusee Waataa, “Akka Paarkii Biyyaalessaa Booranaatti sochiin tuuristootaa yeroo gara yerootti dabalaa akka dhufe ragaan agarsiisa. Sochiin tuuristootaa guddoo dabalaa dhufaa jira,” jedhan.

Sochiin tuuristoota guddina agarsiisaa jirus lakkoofsa tuuristoota biyya alaa akka ta’es himaniiru.

ALI bara 2014 keessa lakkoofsi tuuristoota biyya alaa Paarkicha daawwatan 101 ta’uu kan himan Itti Gaafatamaan Paarkichaa, kurmaana jalqabaa bara 2016 keessa qofa lakkoofsi turiistootaa kan bara 2014 waggaa guutuu ol ta’an paarkicha daawwachuu himaniiru.

Ammatti tuuristoonni biyya alaa gara paarkichaa dhufan Ollaa Booranaa (Borana Village), booqee sooddaa, simbirroota fi qabeenya tuurizimii paarkichi qabu kunneen biroo daawwachuu akka dhufan himan.

“Tuuristoonni dhufan namoonni hedduu dhufuuf karoora akka qaban, naannoo kana daawwachuuf fedhii akka qaban, akkasumas qorannoon naannoo kanatti taasisuuf fedhiin akka jiru nutti himaniiru,” jedhan.

Dabalataan “Akka Oromiyaatti fi akka Itoophiyaattis naannoo kana daawwachuuf namoonni hedduu waamicha dhiyeessaa akka jiran argaa jirra,” jechuunis himan.

Gumaacha hojiilee beeksisaa

Paarkiin Biyyaalessaa Booranaa waggoota dheeraaf paarkii ‘addunyaan irraanfattedha’ kan jedhan itti gaafatamaan paarkichaa Obbo Nugusee Waataa, kanaaf sababni immoo laafina gama paarkicha beeksisuutiin jiru akka ta’e dubbatan.

Hojiileen Paarkii Biyyaalessaa Booranaa gama beeksisuutiin hojjetaman gadi aanaa ta’uu eeruunis, “asiin dura hojii beeksisaa hin hojjetamne, namni beeku hinjiru. Ammas hingodhamne,” jedhan.

Kanaafis “Paarkiin Biyyaalessaa Booranaa gama miidiyaalee hawaasaafi miidiyaalee biyya keessaa qofaan osoo hintaane, miidiyaalee gurguddaa idil addunyaatiin beeksifamuu kan danda’udha,” jedhan.

Haa ta’u malee jijjiirama muraasa gama tuuristoota biyya alaan aragame kanaaf hojiileen beeksisaa qaamolee garagaraan hojjetaman gumaacha taasisuu dubbatan.

Dargaggoonni Booranaa kaka’umsa dhuunfaa isaaniitiin gama miidiyaalee hawaasaatiin hojiilee beeksisaa garagaraa hojjechaa akka jiranis himaniiru.

Gumaachi Komishinii Tuurizimii Oromiyaa fi dhaabbilee daawwachiistotaas olaanaa akka ta’es eeraniiru.

“Ummanni hin fayyadamne…”

Lakkoofsi tuuristootaa ammatti paarkicha daawwachaa jiran humna paarkichi qabu waliin yeroo madaalamu baay’ee gadi aanaa ta’uu kan himan Obbo Nuguseen, lakkoofsi tuuristootaa xiqqaa ta’uusaatiin uummanni fayyadamaa akka hintaane himan.

Kanaafis paarkichaaf xiyyeeffannoo kennuun misoomsuun akka barbaachisu himuunis, “pirojektiin akka Maaddii Biyyaaf (Gabataa La Hagar) jedhan osoo hojjetamee naannoo kana guddoo fayyada,” jedhan.

Kana malees bishaan dabalatee bu’uraaleen misoomaa garagaraas xiyyeeffannoon itti kennamee hojjetamuu akka qabus himu.

Yeroo ammaatti “Haalli paarkichi irratti argamu sadarkaa addaati” kan jedhan Obbo Nuguseen, bineensonni paarkicha gara iddoowwan birootti baqatanii turanillee paarkichatti deebi’uu himan.

Leenca, satawwaa, yeeyyii, saalaa, booqeewwan sooddaa (hara dhoohinsa volkaanoon uumame fi soogiddi keessaa bahu), harree diidaa, teessumni lafaa fi aadaan uummatichaa, wantoota hawwata tuurizimii paarkichi fi godinichi qaban keessaa muraasa ta’uus himaniiru.

Paarkiin Biyyaalessaa Booranaa simbirroota gosa 286 ol kan qabu yemmuu ta’u, kunneen keessaa afur immoo paarkicha keessa qofa kan argamanidha.

Gosoonni hoosiftootaa paarkicha keessa jiranis lakkoofsaan 46 hanga 62 akka ta’u ragaan paarkicharraa arganne agarsiisa.