Hatriikii Omaar Maarmosh, goolii dachaa Mikeel Meriinoo daqiiqaa dhumaa qalbii hawwate

Mikeel Meriinoo

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Arsenaal haala 'cittoorratti fanxoo' jedhamu keessa galee mul'atee ture. Duraaniyyu taphataa sarara fuula duraa goolii lakkoofsisu hin qabu ykn gabaa yeroo banamuttis hin bitne jedhamee waggootaaf komatamaa tureera.

Warrumti sarara duraarra jiru jedhamanii hiriiraman hundi isaaniiyyu—Gabreel Yeesus, Gabreel Maartineelii, Kaay Haveertiz, akkasumas Bukaayoo Saakaan miidhamaan hin jiran.

Yaaddoo kana keessa osoo jiruu tapha Piriimer Liigii Ingilizii torban 25ffaa Sambata Gurnaadhala 15 gara dirree Leester Siitii deemee waliif bahan. Gahee sarara duraa kan itti kenname ammoo Tiroosaard, Isterliingiifi otaphataa ol adeemaa Arsenaal haalaan dinqisiifatamaa jiru Itaan Niwaaneerii turan.

Tapha kana Arsenaal caalmaa agarsiisee to'atee ture, garuu goolii lakkoofsisuu hin dandeenye ture hanga daqiiqaa 82ffaa Isterliingi bahee Mikeel Meriinoon galutti.

Mikeel Meriinoon garuu akkuma galeen leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaan jifataa goolii lakkoofsisuu danda'u mana kaawwatee taphataa bituuf barbaadaa turee kan nama jechisiisu ta'e.

Arsenaal morkii waancaa Piriimer Liigiif taasisu Liiverpuul duubaan hordofaa jiru gaaffii keessa galaa dhufe dubbii garagalche taphataan sarara gidduu lammii Ispeen dhiyeenya kana Riyaal Soosidaad irraa Paawondii miliyoona 32.6 kan dhufe Meriinoon.

Tapha Istaadiyeemii King Paawor irratti Arsenaal 2 fi 0n Leesteriin mo'aterratti jijjiiramee galee lachuu lakkoofsisuun falli rakkoo Arsenaal goluma keessaa argamuu akka danda'u mirkaneesseera Meriinoon.

Kaay Haavartiz yeroo gara Dubaay deemanii shaakalaa turan miidhaan guutummaa bara taphaa kana akka hin deebine taasisu irra gahe Wiliyaam Saalibaan akka furmaata sarara fuulduraa ta'uu danda'utti of dhiheessee ture. Haata'u malee, ciminaa sarara ittisaa Arsenaal addunyaan dinqisiifataa jiru sababa Saliibaan argame kana keessaa baasanii gara goolii lakkofsisuutti isa fiduunis filannoo hin turre.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Arteetaan taphataa sarara ittisaa biraa Riikaardoo Kaalaafiyoorii furmaata keessa jiraachuu akka danda'u yaada dhiheessee, taphataan lammiin Xaaliyaanii kun goolii galchuuf ulaashee kan argudha. Garuu Merino yeroo muddamaa Arsenaal keessa jiru kana keessatti dhimma akka baasuu danda'u bara 2016 booda yeroo jalqabaaf tapha tokkotti goolii lama galchee mirkaneesseera.

Amma Arsenaal taphoota 15 walitti aansuun osoo hin mo'amiin turuun rikkardii foyyeeffataa jira. Kanaaf ammoo galanni kan malu Mikeel Moriinoo fi Mikeel Arteettaa jechuun ni danda'ama.

Arteetaan gammachuu guddaan akkas jedhe yaada tapha booda kenneen: "Mikeel [Meriinoon] yeroo barracha peenaaliitii keessa gahu eessa akka jiru miira ittiin hubatuufi goolii suuf addaa qaba. Saatii murteessaa akka ta'e hubachuun isaa nama gammachiisa. Nuti tasgabbaa'oo turre, goolii lamabareedduu lama galchine, tokko ykn lama dabalataan galchuu dandeenya turre."

Meriinoon dheerinni isaa isa gargaareera. Kubbaa taphataan ol adeemaa Arsenaal Itaan Niwaaneerii qixeessee kenneef mataan manii warra Leester keessatti awwaale.

Niwaaneeriin kubbaa gooliif ta'e kana kennuun alattis ofiinillee yaalii Leesteriin rifaasise irra deddeebiin taasiseera.

Gurbaan waggaa 17 kun Arsenaalfii daqiiqaa guutuu kan taphate yoo ta'u, taphataa cimaa taphichaa ta'uunis filatameera.

Taphataan lammii Masirii Omaar Maarmosh

Madda suuraa, Getty Images

Hatiriikii Omaar Maarmosh

Taphni Maanchester Siitiin Itihaad irratti Niwkasiliin simatee taasises adda ture. Keessumaa shaampiyoonaa bara darbee kan ta'e Siitiin erga Riidiriin jalaa miidhamee gahumsa takkaa kufee takkaa ka'u sanaaf deebii waan argate fakkaata.

Taphataan lammii Masirii Omaar Maarmosh ji'a darbe bitate 'ajaa'iba' jedhamaa jira. Goolii Maanchester Siitiin Niwkasil irratti lakkoofsise 4 keessaa 3 kan taphataa kanaati.

Omaar Maarmosh bahaa Erliing Halaand qofarra ture hir'isaaf jedhmaas jira.

Kilaba biyya Jarmanii Eyintirakt Firaankifartirraa Paawondii miliyoona 59 gara Maanchester Siitii kan dhufe Omaar Maarmosh, taphoota afur Siitiif taphatee osoo gaalii hin lakkoofsisiin ture.

Tapha kilabichi 4-0n Niwkasliin ittiin mo'ate kanarratti ammoo sadii galchuu qofa osoo hin taane, tapha dhaqaa galaa Shaampiyoos Liigii Roobii gara Riyaal Maadiriid deemaniif ofitti amanamummaa akka horatan gargaareera.

Maanchester Siitiin tapha Shaampiyoons Liigii Riyaal Maadiriid waliin Itihaad irratti torban darbe kana gaggeesseen 3-2n mo'ameera.

Deevid Mooyes Everteniin gootomsuu itti fufe...

Amajji 11 yeroo Deevid Mooyes deebiyee Everten leenjisuuf itti gaafatamummaa fudhatutti Piriimer Liigii keessaa kufuuddhaaf qabxii tokko qofaa qabu. Taphoota 19 taphatan keessaa ammoo taphoota sadii qofa moaatan ture.

Mooyes erga dhufee ammo reefuu ji'arra darba.Yeroo kana keessatti taphoota ja;a taphatan keessaa tokko kan Aston Viilaan mo'amaniifi Liiverpuul waliin 2-2 torban darbe wal qixa bahaniin alatti taphoota afur mo'ataniiru.

Tootenhaamiin 3-2n, Leesteriin 4-0n, Biraayiteniin 1-0n, Kiristaal Palaasiin ammoo 2-1n mo'ataniiru.

Taphoonni Piriimer Liigii torban 25 hafan har'a ni taphatamu. Isaan keessaa kan Liigicha dursaa kan jiru Liiverpuul Wolvis waliin taasisu, akkasumas Tootenhaam fi Maanchester Yunaayitid taasisan ni eegama.

BBC

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.