Xiyyaarri tokko haala iccitii ta’een galaana Baaltik keessatti kufe

Xiyyaara dhunfaa kufee caccabe

Madda suuraa, FLIGHTRADAR24

Maxxanfame

Xiyyaarri dhunfaa Seesinaa jedhamtuu tokko qarqara galaana Baaltik irratti haala icciitii ta’een kuftee caccabuun himame.

Jeetiiwwan Nato haala balaliinsa xiyyaaritii Kibba Ispeen irraa kaasee tasgabbii hin qabne hordofaa turan.

Qondaaltoonni mootummaa xiyyarattii keessa namoonni afur akka turan amanu.

Xiyyaarichi Jarman Koloonyi qubachuuf karoorsee turulleen kallattii geeddaruun gara Baaltiikiitti qajeele.

Balaliiftonni Nato fi qondaaltoonni Siwiidiin xiyyaara hordofaa turan illeen kutaa balaliinsa xiyyaratii keessatti garuu nama argu hin dandeenye.

Ibsa Abbaan Taayitaa Aviyeeshinii Laativiyaa baaseen, ‘‘Xiyyaarichi Ispeen irraa gara Kolonyoo balalii’aa ture. Garuu osoo qilleensa irra jiruu kallattiisaa geeddarate,’’ jedhan.

‘‘To’attoonni tiraafik qilleensaa hojjattoota xiyyaaratii waliin dubbachuuf hin dandeenye’’ jedhan.

Xiyyaarri Cessna 551 jedhamtu tunis Ostiraaliyaa keessatti kan galmoofte yoo ta’u, abbaan qabeenyaashee garuu Ispeen keessatti argamu. Balaliinsa xiyyaarootaa kan horodofu Flightradar24 gamaa isaatiin, xiyyaaratiin magaalaa Ispeen kan taatee Jeerez De La Fironteel irraa ka’u beeksiiseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Erga bakkichaa ka’ee sa’aatiiwwan booda garuu olfageenyaafi saffisa hir’isuu marsaritiichi beeksiiseera.

Gaazeexaan Jarman Biild gamasaatiin, xiyyaarichi erga ka’een booda keessoo isaatti rakkoon dhiibbaa umamuu fi erga lafa odoolaa Ayibeeriyaa bira darbeen booda waliitti dhuufeenyi adda cituu gabaaseera.

Xiyyaaroonni waraanaa biyyoota garaa garaa irraa waliitti babahan tibba balaliinsaatti hordoffii taasisanii ture.

Erga xiyyaarichi galaanaa dhiheenya Laativiyaa Veentisipiils keessatti kufuunsaa gabaafameen booda, gareewwan lubbuu baraartoota Laatiiviyaa, Siwiidiinii fi Luutiiniyaa naannicha qaqabaniiru.

Itti gaafatamaan garee lubbuu baraartoota Siwiidiin, Laarsi Antonsin xiyyaarichi kan kufe boba’aan waan jalaa dhumeef jechuun AFPtti himutuu gabaafame.

Itti dabaluunis ‘‘reeffii namaa omtu hin argamne’’ jedhan.

Antoninsi akak jedhaniitti, hojjattoonni lubbuu baraartootaa dhimma mudatee kanaa, ‘‘ibsa omaatuu hin qaban. Tilimaama kennuu qofaadha kan dandeenyu,’’ jedhan.