Raayyaan Ittisaa Maqalee seenuu dura haala ture jiraattoonni akkamiin yaadatu?

Maxxanfame

Barruu Dabretsiyoon ofirraa qabu fi alaabaa Tigiraay gubne.’’

‘’Diroonniwwaan konkolaattoota adamsanii haleelu waan jedhameef konkolaatoota dhuunfaa bifa adii qaban dhoqqee, biyyoo itti dibuun dhoksuuf yaallee turre,’’ jedhu jiraattoonni magaalaa Maqalee haala yeroo sana ture yeroo ibsan.

Jiraattonni kan dubbatan kun waggaa lama dura otoo raayyaan ittisaa magaalaa Maqalee hin to’atiin dura.

A.L.I Sadaasa 19, bara 2013 raayyaan ittisaa magaalaa Maqalee to’ate.

Kan har'a waggaa lamaffaa isaati. Ministirri Muummee Abiyi Ahimad magaalichi to’annoo raayyaa ittisa biyyaa jala seenuu dubbatan.

Kaan gammadan, kaan gadda ibsatan.

Waggaa lama booda haalonni geddaramaniiru.

Waraana lubbuu namoota kuma dhibbaan lakkaa’amanii galaafate goolabuuf mootummaan federaalaa fi TPLF waliigalaniiru.

Raayyaan ittisaa dhaabbilee mootuummaa federaalaa akka to’atu waliigalamee jira.

Waggaa lama dura yeroo kanatti jiraattoonni magaalaa Maqaleerra gara magaalota naannichatti argamaniitti yeroo itti baqatan ture.

Raayyaan Ittisaa Maqalee to’achuu guyyoota muraasa dura maaltu ta’e?

Qondaalli waraana biyyattii tokko Maqalee taankiidhaan marsuun xumura irra gaheera jedhanii turan.

Ministirri Muummee Abiyi Ahmed, qondaaltoonni Tigiraay sa’aatii 72 keessatti harka akka kennatan ajajan.

Waraanni waggaa lama dura eegale kun iddoo odeeffannoo argachuun rakkisaa ta’etti gaggeeffamaa waan tureef haala yeroo sana ture jiraattota iyyaafanne.

Jiraattuun magaalaa Maqalee Tsadaay Abrihaa naasuu fi sodaatu nu weerare,’’ jette.

Tsadaay nageenyaa isheef jecha maqaan ishee kan geeddaramedha.

Yeroo sanatti waantota TPLF waliin hidhata qaban qofa miti, waanta Tigiraay addatti ittin beekamtullee balleessuuf yaalame ture jette.

Alaabaa fi seenaa Tigiraay balleessuuf yaalan jette.

Haatii Tsedaay sodaarra kan ka’e waraqaa miseensummaa Waldaa Misooma Tigiraay ta'uu mul'isu gubanii turan.

Tsadaay loltoonni Ertiraa Shiree fi naaannoo magaalichaatti mana manatti deemanii sakkataa’a akka turan, akkasumas ajjeechaafi  gudeeddii raawwachuu himte.

Namoonni kaan maxxansa miidiyaalee hawaasarratti maxxansaanii turan haqan ture.

Tsadaay akka himtutti, yeroo sanatti TPLF waraanicha akka injifataa jiru ibsaa wayita turetti Shireen to’atamte, magaalaan Maqalee ni qabamti jedhamee hin yaadamne jette.

Galgala otoo hiriyoota ishee waliin biiraa dhuganii waraanni magaalichatti jalqabuu dhageesse.

Guyyaa itti aanu tajaajilli bu’uura akka ibsaa, baankiifi bilbilaa waan addaan citeef addunyaa waliin gargar citne jette.

Dhimma adda waraanaa ilaallaturratti qindeessaa miidiyaa kan turan Koloneel Darajjee Tsagahee magaalaa Maqalee taankiin marsuun fi lolli sadarkaa xumuraarra qaqqabuu eeran.

Waraanni yeroo eegalurraa kaase odeeffannoo galmeessaaa kan ture Andoom Gabreyesuus, Ministirri Muummee Abiy daangaan yeroo itti socho'uun danda'amuu kaa'amuu erga labsanii booda magaalaa Maqaleetti waan danuun ta’eera jedha.

Sa’aatii 24 kan hojjataa ture Televizhiniin Dimtsawayyaane adda cite.

Waraanni erga egalee booda gurgurtaan gaazii boba’aa daangeffamee ture ni kaafame.

Kan biraa naannoo Waajiraati jedhamutti humnoonni TPLF helikooptara dhahanii kuffisuu himan.

Hambaa heelikoptara kuffisne jedhaniis konkolaataa Ayisuuzuun fe’anii magaalaa Maqalee marsan.

Namoonni hedduun guddaa gammadanii shubbisan.

Itti aansuun haleellaa diroonii sodaachuun konkolaattoonni dhoqqee dibaman.

Sana booda callisini magaalichatti jabaate.

Andoom akka himutti, magaalichatti haleellaan xiyyaaraa fi madfiin raawwatamaa turan.

Namoonni hedduun gamoo gara jalasaa dhokataa turan.

Namoonni gamoowwan ijaarsa isaa hin xumuramne jalasaa afurtama, shantama ta’anii seenuu eegalan.

Haadholiin ijoolleesaanii iddoo dhoksan dhaban,’’ jette Tsadaay.

Ogeessi fayyaa yeroo sanatti magaalicha ture Habtom Hayilaay, haleellaan madfii itti fufaa ture jedhan.

Hakimni kun Hospitaala Haayidaritti  namoota du’an heddu simataa turre jedha.

Daa’imman, dubartoonni ulfiifi jiraattoonni kaan gara Tambeen, Garahaltaafi Gijatti baqataa turan.

 Andoom haleellaa xiyyaaraa magaalaa Maqaleetti hammaatee ture jedhu horodofee ijoolleen isaa sodaatanii boo’aa akka turan hima.

Raayyaan ittisaa magaalicha erga to’atee booda daangaa yeroo labsame-Nama sa’aatii 12 booda deemurratti tarkaanfiitu fudhatama jedhame.

Raayyaan ittisaa magaalaa Maqaleee to’atee  A.L.I hanga Waxabajjii 21,  2013tti sarbamiinsa mirgaa, ajjeechaa, gudeeddi fi saamichi biiroo mootummaafi hospitaalota keessatti raawwatamuu gabaasni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kan agarsiisa.