Gaazaatti waraanni akka hin dhaabanne Ameerikaan danqite jechuun Chaayinaan komatte

Madda suuraa, EPA
Gaazaatti waraanni akka dhaabatuuf yaada Mana Maree Nageeyaa UNtti dhiyaate US kufaa goonan Chaayinaan komatte.
Waraanni Gaazaatti akka hin dhaabanneef UStu danqaa ta'e jechuun cimsitee qeeqxe. US Mana Maree Nageenyaa UNtti mirga sagalee sagaleen kuffisuu qabdutti fayyadamtee yaada Israa'el waraana Gaazatti gaggeessitu akka dhaabduuf dhiyaate mormitee kufaa goote.
Kuni ammoo Chaayinaa hin gammachiifne. Gochaan Ameerikaa kun "ergaa dogoggoraa" kan agarsiisufi "ajjeechaan [Gaazaatti] akka itti fufuuf hayyama kennuun wal-fakkaata" jette Chaayinaan.
Waraanni akka dhaabatuuf yaada kan dhiyeesse Aljeeriyaa yoo taatu, US ammoo yaadichi dhiyaate marii Kaayirootti gaggeeffamu gufachiisa jette.
Israa'el kibba Gaazaa, Raafatti duula waraanaa akka hin banneef US yaada furmataa dhiyeessitee turte.
Waraanni akka dhaabatuuf yaada Aljeeriyaan Mana Maree Nageenyaa UNtti dhiyeessite kan mormee US qofa ta'uusheetin mormiin heddu ishee mudataa jira.
Miseensota Mana Maree Nageenyaa 15 keessaa 13 waraanni akka dhaabatuuf sagalee deeggarsaa yoo kennan UKn sagalee hin laanne. Ameerikaan waraanni dhaabachuu hin qabu jettee mormite.
Mariin waraana dhaabuu gaggeeffamaa jiru yaada Aljeeriyaan dhiyeessiteen gufata jettee Ameerikaan yaadicha kufaa gochuunshee "waan tasa fudhatamaa hin qabneedha" jedhan UNtti ambasaaddara Chaayinaa kan ta'an Zaang Juun.
"Waraanichi [Gaazaafi Israa'elirra darbee] guutummaa Baha Giddu Galeessa jeequn waraanni dabalataa akka ka'uuf yaaddoo uumee jira," jedhan qondaalli Chaayinaa kun.
"Abiddi 'Gahaannam' kana caala guutummaa naannichaa akka hin waadne dhaamsuun kan danda'amu abidda waraana Gaazaatti boba'aa jiru dhaamsuu qofaani."
Michuushee kan taate Faransaayi sochii US kanatti hin gammanne.
UNtti dippilomaatii Faransaayi kan ta'an Nikolaas de Rivière, "haala mancaatii [Gaazatti] gaggeeffamaa jiru ilaaluun waraanni akka dhaabatuuf yaadi dhiyaate darbuu dhabuunsaa nama gaddisiisa" jedhan.
UNtti ambasaaddara US kan ta'an Liindaa Toomas ammoo waraanni hatattamaan akka dhaabatuuf waamicha dhiyeessuun yeroosaa miti jechuun Hamaasifi Israa'el gidduutti mariin taasifamaa jiraachuu akka sababaatti dhiyeessan.
UKn ammoo yaadi dhiyaate waraanni Gaazaatti akka dhaabatu ni taasisa jettee akka hin amanne himte.
Israa'elifi Hamaas gidduuttu lolli erga eegalee kaasee lammiilen Filisxeem 29,000 du'aniiru.
Amma immoo hanga soomni Ramadaanaa eegalutti Hamaas namoota bute hin deebisu taanan Israa'el duula lafoo kibba Gaazaa, Raafatti gaggeessuf akka jirtu beeksiftee jirti.
Israa'el, kibba Gaazaa bakka namoonni miliyeena 1.5 keessa jiraatanitti lola banti taanan dhumaatin namootaa kan kana duraa caala hamaa ta'a jechuun hawaasi addunyaa akeekkachiisaa jira.












