Liiverpuul Maan Yuunaayitidiin sadarkaa 1-4 keessaa baasaa?

Maxxanfame

Liiverpuul bara kana gahumsa isaa durii irraa kufus booda kana osoo hin eegamiin hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii argachuuf carraaqaa jira.

Maanchister Yuunaayitid qabxii tokkoon qofa isa caala.

Garuu Maan Yuunaayitid tapha haftee tokko qaba. Maanchister Yuunaayitidiif taphni Barnimawuz waliin taasisu murteessaa taha.

Liiverpuul har'a Astoon Viilaa dirree isaa Aanfiildi irratti keessummeessa.

Roobertoo Firmiinoon miidhamaan Liiverpuul osoo hin tajaajiliin turus taphoota xumuraa kanaaf garuu qophiidha.

Daarwin Nuunez miidhama isa mudateen tapha har'aa irratti hin hirmaatu.

Leenjisaan Liiverpuul Jargen Kilooppi sababa yaada waa'ee murteessaa Pool Tiirnii kennaniif adabbii tapha lamaa irratti darbuun har'a bakka dhaabbii isaaniitti argamuun taphicha hin dursan.

Astoon Viilaan hirmaannaa Awurooppaa Liigii argachuuf jecha morkii cimaa taasisa.

Liiverpuul taphoota torba walitti aansee mo'ateera.

Har'as Astoon Viilaa mo'annaan taphni xumuraa isaa Saawuzhampitan kan Liigiicha keessaa bu'uu mirkaneeffate waliin waan taheef bara kana qabxii 71'n xumuruu danda'a.

Garuu hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii argachuu kan danda'u Niwkaastil ykn Maan Yuunaayitid taphoota hafan yoo mo'aman qofaadha.

Maarkes Raashfoordi tapha Wolvis waliini torbee darbe taphatame irratti sababa miidhamaan hafee ture.

Ammas waan isa dhukkubaa tureef tarii tapha har’aafis gahuu dhiisuu mala. Maak Toomineen torbanoota shan booda shaakala hojjeteera.

Maarsel Saabizer waan miidhameef taphachuu danda’a. Maanchister Yuunaayitid Erik Ten Haag jalatti waancaa Kaarabayoo Kaappii tokko injifatus, hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii argachuun garuu muddama keessa isaan galcheera.

Arsenaal boru Nootiingihaam waliin morkata. Nootiingihaam Piriimer Liigii keessatti hafuuf waan carraaquuf Arsenaaliif tapha salphaa hint ahu.

Garuu Arsenaal hojmanee isaa hojjetee carraa Maan Siitiin qabxii gatu eeggata waan taheef mo’achuun isaa gaaffii keessa waan galu miti.

Maanchister Siitiin taphoota isa hafan keessaa tokko mo’achuun qofti gahaadha. Bara kana Shaampiyoonsi Liigii caalaa gara dhumaatti dhiyaatee kan jiru Cheelsii waliin taphata.