Hojjataa hospitaalaa osoo daa’ima gurguruu BBCn saaxiletti adabbiin murtaa'e

Hojjataan hospitaala Keenyaa osoo gabaa gurraacha irraa daa’ima hatuu BBCn qabame, seeraan ala daa’ima dadabarsuun itti murtaa’e.
Fireed Leepaaraan, hojjataa Hospitaala Maamaa Luusii Kibaakii Naayiroobii ture, osoo mucaa kunuunsa hospitaalaa kala ture doolaara 2,500tti gurgure fudhatuu qabame.
Innis gabaasa qorannoo BBC Africa Eye hojjatee hordofuun bara 2020tti to’annoo jala oolfame. Namni kunis hojjattuu hospitaalichaa gara biraa, Seelinaa Awour waliin hanna daa’imaatiin himataman.
Seelinaan daa’immaniif kunuunsa gochuu dhabuun himannaa sadiin kan itti murtaa’ee yoo ta’u, garuu dadabarsuun daa’imaa adda citeef. Jari lamaan kunneenis Fulbaana 26 itti murtaa’e.
Gabaasituun Africa Eye jalqaba akka nama daa’ima bittuutti ture kan hojjataa hsrpitaalichaa Leepaaraaniitti dhiyaattee turte. Gaazexessituun tunis kanas kan raawwattes, erga akka hojjataan hawaasummaa kiliniikii gammeessi hospitaala mootummaa keessaa hojjatuu tokko daa’imman karaa seeraan alaatiin dadabarsuu keessatti hirmaataa jiraachuu maddeen irraa dhaggeesseen booda ture.
Bakki itti wal argaa hojjataa hospilaaichaafi gaazexessituu akka nama daa’ima bitu fakkaachuun dhiyaattes, hospitaalaatti qabamee ture.
Gaazexessituun tunis isheefi abbaan manaashee daa’ima argachuuf akka rakkatan waan itti himteef, mucicha itti gurguruuf walii galuun dura waa’ee haala isaanii waanuma muraasa qofaa gaafatee ture.
Guyyaa silaa mucaan jedhame sun daa’imman gara biraa lama waliin hospitaala keessaa gara mana daa’immanii mootummaadhaan to’atamuutti dabarfamuuf tureettis, manni turmaata daa’immanii daa’imman sadii simachuurra daa’imman lama qofaa akka ta’an fakkeessuun sobee waraqaa ittiin dabarfaman dogongorsuun kaase.
Gareen BBC daa’imman sadanuu kallattiidhaan gara mana turmaata daa’immaniitti geeffamusaanii mirkanneeffatan, garuu ammo Leepaaraan waraqicha jijjiruun amma mucicha fudhachuudhaaf kan isaanii ta’uu itti hime.
Ragaaleen irratti dhiyaatan illeen, dhimmichi waggaa lamaa oliif lafarra harkifamaa tureera.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hojjataan hospitaalaa kunis abukaatoowwan seeraa biyyattii keessatti baayyee cimaa ta’an argatee ture. Haata’u malee, raga baatoonni isaa waan walfakkaatuu dubbachuun hin dandeenyee ture.
Waraabbii sagalee dhoksaa raawwatame irratti dhagahamu kan nama biraatii jechuun mormaa turulleen dhummarratti garuu jechoonni muraasni kan isaa ta’uu amane.
Akkasumas Leepaaraan wayita waraabbiin viidiyoo osoo inni iccitiidhaan mucaa hatee dabarsuuf qopheessaa jiruu mana murtiitti dhiyaateetti, kutaalee hospitaalaa waggaa sadiif keessa hojjataa ture hedduu adda baasee akka hin beekne dubbatee ture.
Qorannoon BBC’s daa’imti tokkoo osoo karaas eeraan alaatiin Maamaa Luusii irraa gurguramuu waraabeere. Garuu ammo hojjataan duraanii maqaasaa dhokfachuun BBC Eye’tti dubbate tokkos daa’imman kunuunsa hospitaalichaa jala turan 12 baatiiwwan lama keessatti qofaa bakka buuteen isaanii dhabamu hime.
‘‘Namaanni baayyee malaamaltoota. Kanaaf, maallaqni muraasni yoo keennamee callisuun gonkumaa hin dubbatan,’’ jechuun, matta’aan hojjattootaaf akka kennamu dubbata.
Keeniyaa keessatti aadaa ilaalcha dhala dhabuun walqabatee akkasumas adeemsa seeraa cimaa daa’ima guddifachuun walqabate hanni daa’imaa hedduudha.
Taateen gochaa hojjataa hospitaalaa kunis kallattii walxaxaa dhimma kanaa keessaa kun tokkicha. Akkasumas Africa Eye namoonni seeraana ala dadabarsan wayita kilinikoota daandii seeraan allaa keessatti bittaaffii gurgurtaa daa’immanii mijeessan, ija jabaachuun namoota balaaf saaxilamoofi haadholii mana hin qabne jalaa daa’imman hatan waraabeera.

Meerii Aumaa kan kilinika haadhooliin rakkina qaban itti dahaniifi daa’imman isaanii isheetti gurguran hoggantuun, daa’imman irraa bufachuun dabarsite gurguraa turte. Garuu erga garee dhokatanii hordofaniin waraabamteen booda baddee jirti.
Dhiheenya kanas duukaa Aumaa argachuun kan hin danda’amne yoo ta’u, kilinikiin ishees cufameera.
Ta’us ammalleen daa’imman Naayiroobii keessatti hatamaa jiru. Dhiheenya kilinikii cufamee kanaattis, dubartiin barruu suurraan mucayyoo akkoo ishee Cheelsiyaa Akinye kan wagga shanii irra jiru qabattee nitti siqxe.
Mucayyoon sunis waggaafi baatii jahaan dura daandii irraa butamtee fudhatamu dubbatti akkoon ishee Aaddee Roosmaarii.
Erga yeroo sanaatii kaasee guyyaa guyyaan barbaadaa akka jirtu dubbatti.
Daa’imti wagga shanii sunis gammadduufi barattuu cimtuu akka turte ibsiti.
‘‘Yeroo mana barnootaatii dhuftu, osoo gara taphaa hin deemiin dura namni argite hundi akka hojii manaa hojjachuuf ishee gargaaru gaafatti,’’ jetti Roozimaariin.
"Asii kaasee hanga Buusiyaatti Cheelsiyaa barbaadeera. Erga guyyaa sanaatii barii, tokka takka ammo sa’aatii 10ttiin ka’a barbaachasheef.’’
Yeroo tokko tokkos osoo akka tasaa gadi naaf dhiisanii maal qaba jechuun yaaddi.
"Abbaan ta’e bakka ta’ee akka waan gad dhiisuu fa’in yaada. Ykn ammo akka waan ajjeeffamte bakka ta’eetti gatamteen yaada. Kanaafuu arge awwaalachuu fi onnee koo akka boqachiisuun yaada,’’ jetti.
Keeniyaa keessatti seeraan ala daa’imman dadabarsuun akka jiru odeeffannoowwan amanamoo muraasni jiru.
Akka Barreessituu Kaabinee Egumsa Hojjataafi Hawaasummaa biyyattii, Flooreensi Booree, Adooleessa 2022- Caamsaa 2023 qofaatti daa’imman 6,841 baduun gabaafameera. Isaan keessaayis daa’ima 1,296 qofatu maatii isaanii waliin walitti makame.
Mu’enii Muyisyaa, Daareektarri Kutaa Qorannoo Yakka Dadabarsuu Daa’imannii, BBC’tti akka himaniitti, kutaansaanii jidduugalaan torbaniitti gabaasa daa’imman shan ta’an akka badan ni qaqaba.
Bara 2020tti guyyaa gabaasni qorannoo BBC itti maxxanfameen booda, Ministirri Eegumsa hojjataafi Hawaasummaa Keeniyaa yeroo sanaa, Simoon Cheeluguudaldala daa’imman hataman irratti taasifamu irratti mootummaan tarkaanfii cimaa akka fudhatu akeekkachiisanii ture.
Akkasumas kanneen gochaa kana keessatti hirmaatanis ‘‘seeratti akka dhiyeeffaman’’ dubbatanii ture.
Seerri haaraan biyyattii keessatti eegumsa daa’immanii cimsu bara darbe hojiirra oolfamuu kan eegale yoo ta’u, garuu ammo akka Aaddee Mu’eniitti kana caalaatu hojjatamu qabaata. Seerri miseensoonni hawaasaa daa’imti kan butamte ykn ukkaamfamte jedhanii yoo shakkan akka gabaasan dirqisiisuu haaraan akka baafamuuf waamicha dhiyeessiti.
‘‘Daa’imman ittisuudhaaf galma walfakkaatu haa qabaannu,’’ jetti. Daa’imman balaa akka kanaatiif caalaa saaxilamtoota ta’anis isaan maatii iyyeeyyiin guddifaman ta’u, jedhan dureen dhaabbata miti-mootummaa daa’imman daban Keeniyaa, Maaryaanaa Munyeendoo. Dhaabbatichis bilbila ittiin namoonni butaman gabaafamu kanfalatii malee qaba.
"Naayirobii keessatti naannoo namoonni jireenya gadaanaa jiraatan irraa ammalleen taatee hedduun nu qaqaba,’’ jedhan Aadde Munyeendoon. Jidduugalaan guyyaatti gabaasni daa’imman badan sadii akka ishee qaqabu himti.












