Riyaal Maadirid garee Kiloopp Liiverpuuliin Aanfiildi irratti adabe

Maxxanfame

Taphni jalqabuun dura miirri naannoo istaadiyeemii Anfiildi ture waan ajaa’ibaa ture. Bara darbe deeggartootni Liiverpuul xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigiif Paarisitti akka dirree hin galle dhorkamanii fi jeequmsa kaasuun himataman ijaa ba’umsaaf qophaa’aa turan.

Taphicha Riyaal Maadirid injifachuun shaampiyoonaa tahuun ni yaadatama. Riyaal Maadirid bara 2019-20 fi 2021-2022 waancaa Shaampiyoonsi Liigiif dhaqqabuun Liiverpuliin mo’ate.

Haloo kana bahachuuf taphattootni Liiverpuulii fi deeggartootni haalaan eeggataa turan.

Faaruun Shaampiyoonsi Liigii gurra si duucha, baanerii UEFA, qaama kubba miilaa Awurooppaa bulchu, ni sobdu’’ jedhu ammo karaa leenjisaa Liiverpuul Yargan Kilooppiin ni mul’ata ture.

Yeroo Daarwin Nuunezii fi Mohaammad Saalaan taphni jalqabee daqiiqaa 24 keessatti galchii lama lakkoofsisan haalli hundinuu deeggartoota Liiverpuuliif akka isaan eeganitti deemaa ture.

Kilooppi ammoo miira injifannoon harka raasaa taphattoota isaanii jajjabeessaa turan.

Vinishiyes Juuner galchi jalqabaa akka lakkoofsiseen haalli dirree keessaa jijjiiramuu jalqabe.

Viinishiyes galchii lama, Kaarim Beenzemaan galchii lama taphataan sarara ittisaa isaanii Eder Milita'oo galchii tokko lakkoofsisuun injifatanii bahan.

Kuni hundi ta’ee garuu daqiiqota xumuraa taphichaatti Liiverpuul taphattoota Kaarloo Anchelootiin adabamanii, sagaleen istaadiyeemii keessaa gurra nama duuchaa ture callisaan guutamee inumaa sagaleen taphattootaa dirree keessaa yoo dubbatan dhagahama.

Kilooppi harka giphii keessa kaawwachuun callisaan guutamanii dhaabataa turan.

Maadiriid yeroo jalqabaaf Anfiildi irratti kilaba galchii shan lakkoofsise tahe.

Garuu waan hundaaf abdii kutuun gaarii miti. Bara 2019 Riyaal maadirid tapha walakkaa xumuraa irratti tapha marsaa jalqabaan Baarseloonaadhaan 3 fi 0’n mo’amee, tapha deebii irratti injifachuun isa ani yaadatama.

Garuu amma kileboot alamaan gidduu garaagarummaa guddaatu jira malee.

Liiverpuul kana gochuuf gahumsa akka bara 2019 sanarra hin jiru.

Liiverpuul dhiyeenya Everteenii fi Niwkaastoiliin injifachuun isaanii gahumsa isaaniitti deebi'aaakka jiran akeekamee ture.

Garuu innis Niwkaastil taphataa tokko kaardii diimaan dhabeeyyuu karra eegaa Liiverpuul Alisantu akka injifatan godhe.

Liiverpuul dorgommii waancaa Piriimer Liigii ala jira jechuun danda'ama. Hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigiif morkiitti kan jiru kilabichi bara darbe hanga guyyaa xumuraatti carraa waancaa afur injifachuu qaba ture.

Amma sarara ittisaan isaa tapha kaleessa Maadirid waliin taasisan irratti argame.

Vaan aayik debei'us dogogorri Joo Goomezii fi karra eegaa Alisan gatii isaan kaffalchiiseera.

Galchii jalqabaa Vinishiyes Juuner gahumsa hduunfaa isaan lakkoofsise. Kan lammataa balleessaa karra eegaati.

Haala kanaan Liiverpuuliin dorgommii Shaampiyoonsi Liigii marsaa itti aanuu keessatti waan arginu hin fakkaatu.