Bineensonni akkuma namaa abjuu arguu danda'uu?

Maxxanfame

Dandeettii abjuu arguu amala ilmoo namaa akka tahetti ilaalama ture. Waan nama ajaa’ibu garuu sanyiin bineensonni baayyee dandeettii abjoochuu qabaachuu malu jedhan.

Nama rafee baallee ijasaa daddafee libstu argitanii beektuu? Inni REM (rapid eye movement) jedhama.

Ija keenya haala sanaan kan libsannu, ''yeroo abjuu dhugaa fakkaatu gaafa arginuudha,’’ jedhan Yunivarsiitii Jarmanii Koonstaanzitti amala bineensotaa jijjiirama tirannaan dhufe kan qo’atan Daani’eellaa Roobilar.

Halkan laaboraatorii keessatti sariitii sanduuqa keessa kaa’anii man’ee isaaniirra yeroo utaalan, miilasaanii walitti micciiran argan, kutaan qaamasaanii gara duubaas ni dhikkifata. Ratinaan ija isaanii duubaafi fuulduratti socho’a.

Kunis gaaffii tokko kaase, sariitiinis sammuu ishee hamma miciree geessuun abjuu argiti tahinnaa?

Roobilariifi wayilootishee sariitii ratinaa sochooftu kana bara 2022tti gabaasan. Garaagarummaa daqiiqaa 17ttis ija isaanii akka libsattu baran. Sariitiin kunneen yeroo ija isaanii libstan kanatti sochii qaamaa agarsiisuu baatanile gareen qorattootaa kuni garuu rafaa akka jiran mirkaneessuu hin dandeenye.

Rafaa jiru taanaan garuu abjuu arguu danda’u jedhu Roobilar. Sariitiin kan baayyee utaaluu jaalattu, qaroo dandeettii arguu cimaa qabdu waan taateef abjuu argun odeeffannoo guyyaa sassaabde xiinxaluuf ishee gargaara taha jedhu.

Bara kana saayintistoonnii saritiifi loocu dabalatee bineensoti hirriba isa abjuu dhugaa fakkaatu nutti agarsiisu rafuu akka malan mallattoo argaa jiru. Dandeettiin ilma namaaf qofa akka daangeffametti yaadamus jijjiiramuu mala jedhanii yaadaa jiru.

Hirriba REM jedhamu kana keessa baalleen ija keenyaa daddafee libsachuu qofa osoo hin taane, maashaan lafee keenyaa yeroof naafachuu, qaamni keenyi hurgufamuu akkasumas hojiin sammuufi onnee keenyaa dabaluu akkasumas hargansuun keenya saffisuu fa’itu mul’ata.

Hirribni gosa kanaa daa’imman irrati bara 1953 mul’atus, yeroo dhihootti hoosiftoota kanneen akka saree, adurree, farda, hoolaa fi kaanis waan wal fakkaataa agarsiisaniiru.

Yeroo hirriba cimaa jedhamu gaafa rafnu sammuun keenya callisarra jira, sochiin sammuus qixaa’aa dha. Hirriba REM keessatti garuu sammuun keenya sochii elektirikaa gadhiisa akkuma isa dammaqani tokkoo.

Qorattoonni bineensoti abjuu arguu malu jechuun kan ciicatan hirriba isa REM jedhamuun booda amala hirribaa dammaquu waan agarsiisaniifi. Fakkeenyaaf sariitiin qaamashee kara duubaarra akka hoollachuu godhatti.

Hirriba REM jedhamu kana keessa bineensoti tokko tokko waan guyyaa gochaa oolan halkan deebisanii ilaalu. Jiniinaa Anguriyaan, Jarman Yunivarsiitii Fayyaa Gootanganitti saayintistii hirribaati.

Sammu hantuuta rafaa jirtu keeessa maaltu akka tahu ilaaluu yaalan. Niwuroonota kallattii agarsiisuuf gargaarantu sochii elektiraakaalaa agarsiisaa ture.

Mataan hantuutaa garuu socho’aa hin turre, niwuroonii sochii ijaa waliin wal-qabatu kan hojiirra ture argan. Saayintistiin kuni haala kana xiinxaluun hantuutni kunis waan akka abjuu fakkaatu keessa dabarsaa naannoo isaanii akka sakatta’aa jiran himan.

Mallattoowwan kunneen irratti hundofnee bineensoti kunneen abjoochuu danda’u waan jedhutti nu fida jedhu.

Jiniinaan tahus kuni, ''sochiin sammuu hanuutaa keessatti taasifamu qofaasaatti abjoochuu isaaniif ragaa gahaa miti. Sababiin isaas yeroo hirribaa qofa miti waan kuni kan mudatu. Abjuu guyyaa fi yeroo waa gochuuf karoorsanis akkasuma mudachuu waan danda’uufi jedhan.

Haata'u malee saayintistoonni kaan ammoo, sariitiin hirribayyuu rafuu dhiisuu malti ''bineensoti waan abjuu fakkaatu garuu dalagaan isaa kan akka abjuu hin taane arguu danda’u,’’ jechuun falmu.

Ija keenya daddafnee libsannus tahe inni callisaan rafnu, ''faayidaan hirribaa maal akka tahe ammallee waanti beekamu hin jiru,’’ jedhu niwuroolojist Pool Shaaw Yunivarsiitii Waashingitan irraa.

Yaad-rimeen hamma ammaatti fudhatama qabu tokko hirribni inni REM jedhamu sammuun keenya qaabatoo(memory) akka qixeeffatu gargaaruusaati. Dabalataan guddina sammuu, sochii qaamaa akkasumas marsaan rafanii dammaquu akka gadi hin buuneefis deeggara, ho’a sammuus ni eega.

Hirribni REM kuni bineensota keessatti kan mul’atu yoo tahe faayidaa guddaa qaba jechuu dha jedhan Pool.

Robilar fi Jiniinaan bineensoti akka abjootan baruuf qorannoo isaanii itti fufaniiru.

Jiniinaan sammuu gugee maashina sammuu suuraa kaasu MRI fayyadamuun gaafa ilaalan, kutaaleen sammuu gugee baayyeensaa mallattoo sammuu namaa keessatti yeroo hirriba REM mul’atu agarsiisa.

Walumaagala namoonni waan halkan argaa bulan gabaasuu gati danda’aniif abjoochaa akka turan beekuu dandeenya. Bineensoti garuu kana gochuu gatii hin dandeenyeef, dhugaa kana saayinsiin deeggarree kaa’uuf rakkanna,’’ jedhu Jiniinaan.

Sariitiin abjuu arguu dandeessi taanaan gaaffii ajaa’ibaa kaasa jedha abbaan falaasamaa Deevid Mpeenaa- Guuzmaan Yunivarsiitii Firaansiiskoo irraa, kitaaba When Animals Dream: The Hidden World of Animal Consciousness jedhamurratti abjuun nama isa abjooturraa ilaalama waan taheef, bineensoti addunyaa kana ija ofiin ilaalu malu jedha.

Abjuu argu taanaan dandeettii nuuressuus qabu jechuu dha. ''namoota qofa osoo hin taane addunyaa isa dhugaarraa bahee abjoota jedhee yaada garummoo bineensotis kana gochuu akka danda’an yaaduu malla,'' jedha.