Harargee Lixaatti namichi haadha warraasaa ulmaa ciistu ajjeese hidhaan adabame

Maxxanfame

Godina Harargee lixaa aanaa Habrootti, A L I Hagayya 5, bara 2015 yakkamaan Zubeeydii Abdurahmaan jedhamu haadha warraasaa reefuu deessee ji’a hin guunne meencaatiin iddoo garaa garaa irra waraanuun ajjeessuun himatame.

Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Lixaatti qorattuun yakka daa’immaniifi dargagootaa kan taate Saajin Olaanaa Naardoos Tsagaayee BBCtti akka himanitti, yakkamaan kun haadha warraasaa deessee ciistu kana miira inaaffaatiin kakaafamuun ture halkan keessaa sa’aati 9tti ajjeechaa kana kan raawwate.

Dubartii haadha ijoollee afurii kan taate miidhamtuun Aadde Hikmaa Umar, battalatti lubbuun ishee kan darbe yoo ta’u, daa’ima dhalaterra miidhaan omtuu akka hin geenye himan Saajin Naardoos.

“Yakkamaan kun haati warraa kiyya narratti sagaagalte, mucaan dhalate kunis kan kiyya ta’uu shakkiin qaba jechuun yeroo adda addaatti lolli gidduu isaanii akka tureefi dhumarratti ajjeechaa sukaneessaan kun raawwatameera,” jedhan.

Dhimma ajjeechaa kana kan ilaale manni Murtii Olaanaa Godina Harargee Lixaa, himatamaan kun yakka kana raawwachuu isaa ragaa mana yaalaafi namaatiin erga irratti mirkaneeffateen booda dhadhacha A L I Qaammee 1, bara 2015 ooleen himatamaa kana hidhaa cimaa waggaa 17 itti mureera.

Yakkamaan kunis yakka kana raawwachuusaa dhadhacharratti amanuun jecha amantaa isaatiin adabame jedhan, Saajin Naardoos.

Godinichatti yakkoonni sukaneessoon akkasii dubartootaafi daa’imman irratti darbee darbee kan mudatu ta’us, bara kana baroota amma dura turaniirra hir’ataa akka jiru dubbatu qondaalli poolisii kun.

Akkaasis ta’ulleen ammalleen yakka dubartoota irratti raawwatamu hir'isuun sadarkaa fooyyee qabuufi nama gammachiisurra hin geenye jedhan.

“Yakkoota dubartootaafi daa’imman irratti raawwatamu lakkofsan yoo ilaalle barana wayyaadha.

Garuu ammas yakkoonni inuma raawwatamu. Hubannoo hawaasa cimsanii baayyee gadi buusuuf hojjechuu barbaachisa,” jechuun dhimma akkasii kanarratti hojiin hubannoo hawaasaa cimsii barbaachisaa ta’uu kaasu.