Awustiraaliyaan qoricha daa'imman laamshessaa tureef waggaa 60 booda dhiifama gaafatte

taalidoomaayid

Madda suuraa, EPA/EFE

Maxxanfame

Ministirri mummee Awustiraaliyaa Antoonii Albaaniis miidhaa qoricha thalidomide(taalidoomaayid) jedhamuuun namoota miidhamaniifi firoota isaanii dhiifama biyyaalessaa gaafate.

Kunis qoricha yeroo ulfaa ganama, ganama ol nama guuruuf kennamaa tureefi daa'imman irratti miidhama qaamaa fidaa tureef waggaa 60 booda dhiifama dhagahame dha

Antoonii Albaaniis dhimma kana yeroo paarlaamaatti dubbatan seenaa medikaalaa dukkanaa'aa Awustiraaliyaa akka tahe himan.

Gochaa kana keessatti qooda qabaachuuf beekamtii kennuun mootummaan yeroo jalqabaaf dhiifama gaafate.

''Namoota miidhaa kanarraa bayyanatan hundaaf - dhukkubaafi dhukkubbii taalidoomaayid hunda keessan irratti guyyaa guyyaan isiniirraan gaheef dhiifama isin gaafanna. Isa jennuun caala dhiifama isin gaafanna,'' jedhan Albaaniis.

Awustiraaliyaa keessatti namoonni qoricha kanaan miidhaman lakkoofsi isaanii sirriitti hin beekamu. Tahus namoonni 140 ol deeggarsi maallaqaa akka taasifamuufi galmaa'aniiru.

Bara 2019tti qorannoo taasifameen otoo mootummaan tarkaanfii si'ataa fudhateera tahee miidhaa qorichaa kanaan gahe harka 20 hambisuun danda'a ture.

Dubartiin ganna 61 qoricha kanaan miidhaman, Tiriish Jaaksan, ''dhiifamni kuni hamma tahe nagaa nuu kenna, '' jedhan.

''Tahus yeroo maatiifi haadholiin lubbuudhaan turan waggootaan dura dha dhiifamni kuni gaafatamuu qaba tureeyyuu. Kanneen qoricha kanaan miidhaman keessaa kanneen waa'ee kanaa otoo hin dhagahiin du'anillee jiru,'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qorichi kuni bara 1950 keessa Jarmanitti tolfame kan hirriba nama raffisu ture. Garuu otoo hin turiin qoricha dhukkubbii ganamaa dubartoota ulfaaf kennamu tahuun addunyaa irratti faayidaarra ooluu jalqabe.

Qoricha kana fayyadamuun hammuma dabalaa adeeme, daa'imman harkaafi miilli laamsha'e(gabaabbate) dhalachuu jalqaban.

Yeroo jalqabaaf joornaalii Awustiraaliyaa Laanseet jedhamutu bara 1961tti qorichi kuni rakkoo akka qabu kan akeekkachiise, sanaan booda gabaa keessaa akka baafamu taasifame.

Yeroo sanatti daa'imman 10,000 ol akka addunyaatti miidhama qaamaa waliin dhalataniiru.

Maatiin gochaa badii isaanirratti raawwateef beenyaan akka kennamuuf bar-kurneef gaafachaa turan.

Kaanaadaan bara 1991tti warreen miidhamaniif deeggarsa maallaqaa gochuu jalqabde. Bara 2010tti UK' dhiifama biyyaalessaa gaafatte.

Awustiraaliyaan garu hamma bara 2019tti seneetiin gaaffii dhiyeessutti namoota kunneeniifi deeggarsa gochaa hin turre.

Deeggarsi maallaqaa nama miidhaan kuni irra gaheef kennamu doolaara 332,000 tokkoofi waggaa waggaan ammoo doolaara 5,000 kennamaaf.

Deeggarsi kuni namoota boodarra galmaa'aniif cufaa tahus, Roobii darbe irra deebiin banmuun, ''warreen kana dura carraa deeggarsaa hin arganneef kennama,'' jedhan ministirri mummee biyyattii.