Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Tapha Arsenaal v Maan Siitin eenyu akka shaampiyoonaa ta'u murtessuun' eenyu mo'ata?
Qabxii shaniin Maanchester Siitii caalee Pirimer Liigii dursaa kan jiru Arsenaal har'a Isteediyeemii Itihaaditti Maan Siitiin morkata.
Arsenaal dursummaasaa tikfachuuf, akkasumas waancaa bara kanaa fudhachuuf taphata. Maachestar Siitin ammoo dirreesaarratti Arsenaal mo'atee qabxii Arseenaalif isa gidduu jiru dhiphisuu fedha. Kana gochuun ammoo shaampiyoonummaa isaa bara darbee eegsifachuutti dhiyaata.
Lamaan isaanifuu taphni har'aa murteessadha. Siitin ammayyuu tapha hin taphanne lama osoo qabuu, qabxii shan qofaan Arsenaalitti aanee lamaffaarra jira.
Leenjisaan Maanchester Siitii Peep Gardiyoolaan, taphni har'aa barbaachisaa ta'uu dubbate.
"Dhuguma dubachuuf babaachisaadha, garuummoo murteessaa miti, sababnisaa tapha heddutu nu hafe waan ta'eef," jedhe Gaardiyoolan.
Gaardiyoolaafi leejisaan Arsenaal Maayikil Areteettan lamaan isaanituu lammii Ispeen yoo ta'an, Maanchester Siitii keessatti waliin hojjaaniiru.
Arteettan bara 2019 leenjisaa Arsenaal ta'ee Peep Gardiyoolaa biraa deeme. Gareen isaan leenjisan lamaan waancaa Pirimeerliigiif wal-morkatanis walitti dhufeenya isaaf Arteettaa gidduu jirurratti dhiibbaa homaa akka hin qabaanne dubate Gaardiyoolan.
"Baay'ee wal-agarree waliin hin dubbannu, garuu walitti dhufeenya gaarii qabna," jedheGaardiyoolan.
Arsenaal taphoota Piriimer Liigii darban sadii irratti walitti aansuun qabxii waan qooddateef (qixxee ba'eef) carraa bal'aa waancaa injifachuuf qabu of jalaa hir'iseera.
Tapha Piriimer Liigii fi FA Cup bara kanaa Maanchester Siitiin waliin taphateen Arsenaal ni injifatame.
Tapha har'aa kanaanis Maanchester Siitiirraa morkii cimaatu isa mudata jedhamee eegama jira.
Ogeessi BBC Sport kubbaa miilaa xiinxalu Kiriis Saatan akka tilmaametti Maanchester Siitiin Arsenaaliin 3 fi 1 mo'ata.
Taphattoonni Arsenaal ammoo tapha Maanchester Siitii waliin qaban kana ni mo'anna, mo'achuus qabna jedhan.
Jimaata darbe Arsenaal kilaba Saawuzaamtan, kan Pirimerliigi keessaa bu'uuf wixxiffatu, waliin qabxii qooddatee bahe.
Saan dura Liivarpuulifi Weest Haam waliin qabxii qooddatee ture.
Bara 2004 waancaa Piriimer Liigii dharra'aa kan jiru Arsenaal, har'a danda'ee Maanchester Siitii mo'annaan dursummaasaa cimsachuun deemsa waancaa fudhachuu qajeelfata.
"Itihaad akka deemnu ni beekna, baay'ee cima. Garuu Piriimer Liigicha irratti dhiibbaa ni uumaa? Lakki," jedhe leenjisaan Arsenaal, Arteettan.
Gargaaraan isaa duraanii Arteettan, kilaba Arsenaal gara "sadarkaa addaatti" ceesiise jechuun Peep Gaardiyaoolan jajeeraan.
"Arsenaal duriyyuu akkatti kubbaa qabatanii taphatan gadi fageenyan beeka; tapahattoota dandeettii addaa qaban filatu."
"Arteettan garuu gara sadarkaa addaatti isaan fide, dorgomtootaafi dhiibbaa cimaa geessisuu danda'u," jedhee dubate Gaardiyoolan tapha har'aa kana dursee.
Tapha Saawuzaamtan irratti sababa dhibeen kan hirmaanne Zhaakan tapha har'aa irratti hirmaachunsaa shakkisiisaa ta'uu dubbate Arteettan.
Tapahataan sarara ittisaas Saliibaanis wayyaa'uu waan hin dandeenyef hin hirmaatu.