'Eenyuyyuu gateettii itti waraana biraa baatu hin qabu'- Ummata Tigraay

Waraanni hamaan naannoo Tigraay keessatti lubbuu namoota kuma dhibbaan lakkaa'aman galaafate Sadaasa 2022 Waliigalteen Piritooriyaan xumurame.
Amma waraana ture kanarraa hin dandamatiin kan jiran jiraattonni magaalaa guddoo naannichaa Maqalee, irra deebiin gara waraanaatti seenamaa laata jechuun yaaddoo qabu.
Magaalaa Maqalee keessatti ummanni wanti hamaan yoo dhufeef jedhee qophaa'a ajira.
Gatiin shaqaxaa dabalaa dhufuu hordofee namoonni yeroo dubbiin hammaateef jedhanii shammatachaa jiru.
Magaalattii gadhiisanii ba'uudhaaf maallaqa kan qaban ammoo gara Finfinnee deemuudhaaf tikkeettii xiyyaaraa kutachaa jiru.
Balaliiwwan xiyyaaraa Maqaleetii gara Finfinneetti taasifamu guutummaan guutuutti guyyoota dursee muramee dhumeera.
Jiraataan tokko, "Kun hundi kan ta'aa jiruuf yaaddoorraa kan ka'edha," jechuun BBCtti hime.
Tigraay waraana waggaa lamaaf tureefi lubbuu namoota miliyoona walakkaa galaafateera jedhamuuf gaddu-galeessa turte.
Jalqaba Sadaasa bara 2022 qaamoleen wal waraanan ijoon lamaan: Mootummaa Federaalaawaa Itoophiyaafi Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) waliigaltee nagaa mallatteessuu isaanii hordofee dhukaasi dhaabbateera.
Kunis hanga filannoon gaggeeffamutti naannicha akka gaggeessuuf bulchiinsi yeroo ce'umsaa akka hundeeffamu taasiseera.
Haata'u malee, erga yeroo dhiyootiin asitti aanga'oota olaanoo TPLF fi bulchiinsa yeroo ce'umsaa Tigraay gidduutti sababa aangootiif wal gaarreffannaan dabalaa dhufeera.
Bulchiinsi yeroo ce'umsaa namoonni TPLF tokko tokko aangoo humnaan fudhachuudhaaf yaalaa jiru jechuun himata.
Gareen lamaan inni tokko isa kaan "qaama alaa socho'an'' waliin hojjetta jechuun wal himatu.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waliigalteen nagaa bara 2022 mallatteeffame diigamuu danda'a, kanarra darbees Itoophiyaafi biyya ollaa taate Ertiraa gidduutti walitti bu'insi jalqabuu danda'a yaaddoon jedhus dhalateera.
Mootummaan Ertiraa yeroo waraana Tigraay mootummaa Itoophiyaa deeggaruudhaan kallattiin loltoota bobbaasuun hirmaateera.
Haata'u malee, hariiroon biyyoota lamaanii Waliigalteen Nagaa Piritooriyaa mallatteeffamuu hordofee laafaa dhufeera.
Jiraattonni magaalaa Maqalees yeroo itti aanutti walitti bu'insi uumamuu danda'a yaaddoo jedhu qabu.
Kophee qulqulleessuun kan jiraatuufi umuriin isaa digdamoota keessa akka ta'e kan tilmaamamu Tasfaay Gabrehabigiiz, "daraggoonni walitti bu'insi isaan nuffisiiseera," jechuun BBCtti dubbate.
"Yeroo waraana sanaa namoonni baayyeen waraanuudhaaf fedhii qabu ture; amma garuu nuffaniiru."
Kuduraalee gurguruun kan jiraattuufi umuriin ishee waggaa 50oota keessa akka taate kan tilmaamamu Hayimaanot Gabremaariyaam ammoo 2020 yeroo waraanni Tigraay jalqabeen booda ijoolleen ishee lamaan gama Tigraayiin waraanatti makamuu dubbatti.
Intallishee nagaan yoo deebitu, ilmishee garuu miidhaan qaamaa isa mudatee lubbuun deebiye.
Gara "bara dukkanaatti' deebiyuu akka hin barbaadne kan ibsitu Hayimaanot, haalli amma jiru," baayyee yaaddessaadha" jechuun BBCtti dubbatte.
"Amma madaafi godaannisa waraana yeroo darbee waliin jiraachaa jirra. Irra deebiyuun imimmaan keenya dhangalaasuu hin barbaadnu."
Tsaggaanesh Kaasaa Tigraay Giddu-galeessaa, Shiree kan iraattu yoo taatu, qabsooftuu duraaniidha. Yeroo waraanaa sanattis miillishee akka malee madaa'eera.
Yeroo ammaa kiraanchiidhaan deemaa kan jirtu yoo ta'u, wallaansa fayyaa foyyaa'aa ishee barbaachisa.
Waraanni "maatii kiyya gaaga'eera," jechuun BBCtti himte.
"Qaama midhamtuudha; dinagdeen maatii laamsha'eera. Sana irra deebiyee arguu hin barbaadu. Buqqaatonni dunkaana keessa jiraataniyyu gara qe'ee isaaniitti hin deebine.
Itti dabaluun, "namni kamiyyu [waraana marsaa biraa ] keessummeessuu hin danda'u," jetti.
Naannoo Tigraay miidhaa hamaa waraanichi qaqqabsiiserraa guutummaan guutuutti hin dandamatiin jira.
Buqqaatonni gara miliyoona tokkootti siqana ammallee gara qe'ee isaaniitti deebiyuu hin dandeenye.
Bu'uuraaleen misoomaa murteessoo ta'an tokko tokko kanneen akka manneen barnootaa dhaabbileen fayyaa dabalatee ammallee hin suphaniin jiru.
Magaalaa guddoo naannichaa Maqalee yaaddoon ifatti mul'atu jiraatus jireenyi idilee garuu itti fufeera.
Daldalliifi suuqiiwwan akkuma duraan turetti hojjechaa jiru. Daandiiwwan irrattis humnoonni nageenyaa hedduun hin mul'atan.
Haata'u malee, magaalaan waraana Afrikaa keessatti gaggeeffame keessaa isa hamaadha jedhame dhiyeenyatti keessumeessite, jiraattonnishee tokkoo tokkoo sochii jiruufi ibsa kennamu dammaqinsaan itti dhiyeenyaan hordofaa jiru.
Kaaffee bunni keessatti gurguramu tokko keessatti dargaggoonni walitti qabamanii jiran ija isaanii bilbula isaaniirraa osoo hin buqqifatanii yeroo tuttuqan mul'atu.
Dhiyeenya kana pirezidantii bulchiinsa yeroo ce'umsaa Tigraay kan ta'e Obbo Getaachoo Raddaa, aanga'oota Federaalaa waliin "mariyachuuf" dubbii jedhuun erga Finfinnee deemeen booda gaaffii gaazexeessitoonni dhiyeessaniif deebii inni kenne ilaalaa jiru.
Kaaffee biraa keessattis akkuma kana dargaggeessi tokko gaafa Kamisaa garee TPLF mormituu ta'een kantiibaa haaraa magaalaa muudame ummata tasgabbeessuuf maal akka dubbatu dhaga'uuf eegaa jiraachuu dubbate.
Namni hunduu, guyyoonniifi torbanoonni itti aanan maal akka fidee dhufu ilaaluuf waan eegaa jiran fakkaatu.












