'Balaa ibiddaan duute jedhanii haadha kootti himan, ani garuu butameen olluma mana keenyattan guddadhe'

Madda suuraa, Wag Entertainment
Taateen kun waggaa 28 dura kan mudate; haati mucaashee kutaa ciisichaa gara olii raffistee ofiisheetiin hojii biraatti qabamte.
Osoo kanaan jirtuu sagalee iyyaa guddaa dhageessee kutaa mucaashee raffiste fiigdee gaafa dhaqxu ibiddi kuticha keessaa laboobaa jira. Mana keessaa oliifi gadi fiigdus mucaashee arguu hin dandeenye.
Guyyaansaa Mudde 15 bara 1997 ture. US Filaadalfiyaa keessatti mana jireenyaa abbaa manaafi hadha manaa kan ta'an Luuz Kaawuvaas fi Peedroo veeratti ibiddi itti qabate.
Lamaansaanituu lammii Poortaarikoo yoo ta'an, ijooollee dhiiraa lamaafi dubara erga dhalattee guyyaa 10 taatee qabu turan.
Angawoonni US qorannoo gaggeessaniin sababni balaa ibiddaa sanaa shiboon elektirikaan wal-qabatee dogoggora uumameen akka ta'e ibsan.
Mucaan erga dhalattee guyyaa 10, Deliimaar kan achi buutenshee dhabamee ture, ibiddichumaan guutummaan gubatte jechuunis qorannichi raawwate. Haata'u garuu ragaan Deliimaar balaa ibiddaan du'uu kan agarsiisu homtuu hin turre.

Madda suuraa, Getty Images
Balaan abiddaa kutaa mucaan guyyaa 10 Deliimaar, keessa rafaa turtetti osoo hin qabatin dura namni wayii balbala rukutee ture. Luuz balbala gaafa bantu nama abbaa warraashee waliin firummaa fagoo qaban, Karooliinidha.
Akkuma balballi banameen abbaa warraa Luuz kan ta'e Peedrootti dubbachuu akka barbaadduufi hojii akka argiteef itti himte. Yeroo sana Peediroon hojii hin qabu waan tureef firasaa kan taate Kaarooliin waliin nama wayii qunnamanii waa'ee hojii jedhamee mari'achuuf manaa bahan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Garuu karaa erga gahanii booda "boorsaan mana keessanitti dagadhe" jechuun Peedroo karaatti dhiiftee manatti gaafa deebitu Luuz mucaashee kutaa ciisichaa gara olii raffistee jirti.
Meeshaa akka dagattee deebite itti himuun, olseentee mana fincaanii kutaa isa olii fayyadamuu akka barbaaddu Luuz gaafatte. Luuzis akka isheen fayyadamtu hayyamteef.
Daqiiqaa muraasa booda Luuz mucaashee ilaaluu gaafa deemtu sireerra osoo hin taane foddaa cinaa kaa'amtee argite.
Yeroo Kaaroliin mana fincaanii keessaa baatu, "mucaa koo situ sireerraa fuudhee foddaa jala kaa'ee?" jettee gaafatte.
"Eeyyee, akka sireerraa hin kufne jedheen," jettee manaa baate. Battaluma isheen manaa baatetti, Luuz sagalee dhohiinsaa guddaa dhageesse. Kutaa ciisichaa mucaanshee raftee jirtutti ol figdee gaafa ilaaltu kuticha keessaa ibiddi laboobaa jira.
Abiddaafi aara mana guutee jiru keessaa mucaashee arguu hin dandeenye; garuu foddaan banaa ture.
Abidda keessa mucaashee fiigdee osoo barbaadduu Luuz mataanshee gara fuulduraa ibiddaan miidhame. Battalatti hojjattoonni balaa ibiddaa biraan bahuun ibidda erga dhaamsanii booda kuticha keessaa kan argan haftee wayyaa Deliimaar ittiin maramtee Luuzitti kennan.
Abbaan manaa karaa dhaabbatee Kaaroliin eegaa ture balaan mudachuu argee gara manaatti gaafa fiigu isheen dhaabattee jirti.
Dubartiin ulfa taate akkamiin mucaa dubartii biraa akka hatamu goote?
Yeroo sana Kaaroolin ofiisheefuu ulfa waan turteef dahuumsatti dhiyaattee turte. Ollaashee, hiriyootaafi firootasheen ulfa akka taateefi mucaa arfaffaa godhachuuf akka jirtu itti himaa turte.
Boodarra hiriyaanshee ishee gargaartee manumatti mucaa dubaraa akka deesse namootatti odeessite. Namoonnis dhuguma jedhanii dubbiishee kana fudhatan.
Mucaa kanas maqaa Aliyaah itti moggaasuu himte. Kaaroliin mana Luuzifi Peedroo irraa km 20 qofa fagaattee jiraatti. Yeroo heddu wal-hin argan. Waggoota muraasa booda Luuziifi Peedroon mucaasaanii shiraan dhabuu qofa osoo hin taane gargar bahan.
Bara 2004 waanti addaa tokko ta'e. Mana obbboleettii Peediroo sagantaan guyyaa dhalootaa kabajuutu ture. Luuzifi Peediroon gargara bahanis Luuz maatiisaa waliin walitti dhufeenya gaarii qabdi waan turteef sagantaa kanarratti Luuz affeeran.
Saganticharratti argamuuf yeroo deemtu Kaaroliin mucaa durbaa xiqqoo qabattee achitti argite. Ijjishee mucayyoorraa buqqa'uu dide- keessumaa xisiqqee ykn dhooqa mangaagaa mucayyoo sanaan qalbiinshee hatame. Shakkuus eegalte.
Battalumatti mucattiin kanshee ta'uu barte- sobanii abidda keessa gubatte jedhan malee mucaa koo hataniiti, kuni Deliimaar ta'uunshee hin shakkisiisu jechuun obboleettiisheetti himte.

Madda suuraa, Getty Images
Mucaayyoon ijoollee waliin taphachuuf gaafa kutaa gara oliitti ol baatu, Luuz duuka bu'uun nagaa gaafattee, "Ancaqqeen mataa keetti qabatee jira" jechuun rifeensashee qabdee humnaan harqistee buqqiste.
Kana gochuunshee, mucaashee ta'uu waan barteef rifeensasheerratti qorannoo qaccee sanyii (DNA) gaggeessuf ture.
Kaaroliin garuu "dubartiin si gaadaa jirtu jirti waan ta'eef koottu haa baanuu" jettee Aliyaah dirqisiifte.
Qorannoo qaccee sanyii gaggeessuu
Kuni ta'ee torban muraasa booda Kaaroliin Aliyaah, mucaa namaa kan hattee, fi ijoolleeshee dubaraa biroo fuutee gara kilinikaa deemte. Kaayyonshee milaammilchuun qorannoo qaccee sanyii gaggeessuudha.
Hanga dabareensaanii gahutti, Aliyaah fuutee mana fincaanii seentee dhangala'aa wayii afaan isheetti naquun akka isheen hin liqimsine ajajje. Sana booda yeroo dabareensaanii gahu doktara bira seenun sumumda qaccee sanyii arrabasheerraa fuudhamee qorannoon qaccee sanyii akka godhamu gaafatte.

Madda suuraa, Delimar Vera
Dhangala'aan mana fincaanii keessatti dhoksitee Karooliin afaan Aliiyatti naqaa turte gorora ishee ture. Gororri ishee afaan mucayyoo keessaa gaafa fuudhamu bu'aan qorannoo wal-fakkaata akka jedhamuuf kana goote.
Gama biroon ammoo Luuz, haati isheen dhugaan, malaan rifeensa mucayyoo buqqistee harkaa waan qabduuf isheenis qorannoo qaccee sanyii gaggeessuf murteessite. Dhimmashee seerri akka qabatuufis abbaa seerafi poolisii beeksifte.
Guraandhala 2004 bu'aan qorannoo qaccee sanyii (DNA) mucayyoo hatamtee guddifamaterratti gaggeeffame Deliimaar Veeraa, kan dhalattee guyyaa 10ffaatti maatii jalaa hatamtee, ta'ee argame.
Karooliin mucaa Luuz fa'aa hattee sobdee ulfaa'een dahe akka jettee amante. Daa'ima hatuun himatamtee hidhaan itti murtaa'e.
Delimaar haadhoota laman qaba jettee amanti
Deliimar hatamtee guddifamuu gaafa bartuufi namni ishee guddiste Kaaroliin haadhashee dhugaa akka hin taane gaafa bartu jireenyi dalga itti gale. Yeroo kana bartu reefu waggaa jaha turte.
Ta'us garuu namni isheen akka haadhatti beektu Kaaroliinidha. Gaafa isheen hidhamtu "Haadha koorraa maaf adda na baastu?" jettee gaafataa turte.
Haadhashee waliin jiraachuu eegaltus haadha ishee hin guddisne waan taateef jireenyi dalga itti gale.
"Jalqabarra oduu gaafan argu sobanii Kaaroliin maqaa akka balleessantu natti dhagahamaa ture," jechuun yeroo sana yaadatti.
Maqaa haaraa, Deliimaar, moggaasaniifis maqicha hin jaalanne. "Jalqaba jibbeen ture; yeroo tokko tokko namoonni Deliimaar jedhanii yeroo na waaman jalaan dida," jetti.

Madda suuraa, Delimar Vera
"Haadha laman qaba jedheen yaada ture. Haadha na dhalte [Luuz] waliin jireenya ajaa'ibaan jiraadha jedheen yaadaa ture, haadha kiyya Kaaroliin waliinis akkasuma," jechuun waan ture yaadatti.
Ammayyuu aarin itti dhagahama. Garuummoo mana hidhaa deemtee "maalif na hatte?" jettee Kaaroliin gaafatti.
"Baay'ee ulfaataa ture, ana hatuun maalif si barbaachise ture? Ijoollee sadi kan biraa qabda turte. Maalif kana narratti raawwate? Jireenyi ani amma keessa jiru kana keessa akkan galuufi akkaan burjaaja'u maalif goote?" jedheen gaafadhe.
Kaarooliin garuu dhiifamallee hin gaafanne. Deebinee wal-arguun keenya hin oolu jette. Nagaatti akka jechuusheeti.
Deliimaar ergasii deebitee Karooliin mana hidhaatti hin dubbisne.

Madda suuraa, Getty Images
Ammayyuu gaaffilee deebii hin arganne heddutu sammuu Deliimaar keessa deddeebi'a.
Kutaa isheen rafaa turtetti erga abiddi qabatee booda Kaaroliin deebitee achuma turte. Yeroo balaan abiddaa mudatu sana isheen achii hin deemne taanan eenyutu ishee butee fuudhee deeme?
Namni biroo karaa foddaan seenee ishee fuudhee bahe tureera jechuudha. Namni sun eenyudha? kan jedhu hanga ammaa hin barre. Karooliinis itti himuu hin barbaanne.
Peediroon [abbaanshee] harka keessaa akka hin qabne haale. Garuu Deliimaar isa shakkiti.












