Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaaddiddeessuun aduu itti aanu yoomiifi eessatti mul'ata?
Roobii Hagayya 12, 2026 kutaaleen addunyaa tokko tokko taatee waggaatti yeroo muraasa qofa mul'atu gaadiddeessuu aduu argu.
Haaluma kanaan naannoleen tokko tokko gaaddiddeessuu aduu guutuu yemmuu argan kaan immoo hanga ta'e qofa argu.
Isin taatee namoonni heddu arguuf hawwiin eegaa jiran kana arguu baatanillee suuraawwan ajaa'ibsiisoo kutaalee addunyaa garagaraatii kaafaman ilaaluuf garuu qophaa'uu qabdu.
Gaaddiddeessuun aduu maali?
Gaaddiddeessuun aduu taatee wayita addeessi (ji'i) aduufi lafa gidduu ooltu uumamudha.
Haaluma kanaan addeessi ifti aduu lafa akka hingeenye guutummaatti yookiin gartokkeen ittisti.
Gosoonni gaaddiddeessuu aduu garagaraa kan jiran yemmuu ta'u, kan isin arguu dandeessanis iddoo isin itti jirtanfi fageenya addeessi irratti argamturratti hundaa'a.
Gaaddiddeessuun aduu guutuun wayita aduu, addeessifi lafti tarree galanii wayita addeessi ifti aduu guutummaatti lafa akka hingeenye dhorkitu uumama.
Yero kanatti bifa obboroo yookiin waarii fakkaatuun samiin ni dukkanaa'a. Kana arguu kan dandeessanis yoo naannoo walakkeessi gaaddidduu addeessaa itti qubatetti yoo argamtanidha.
Yeroo tokko tokkommoo ifa cimaa boca geengoo qabufi aduu gaaddiddoofte marsee jirus arguu dandeessu.
Gama biraatiin immoo yoo naannoowwan qarqarri gaaddidduu addeessaa irra qubatetti yoo jiraattan gaadiddeessuu aduu walakkaa agartu. Kunis wayita addeessi aduu gartokkeen qofa gaaddiddeessitu kan uumamu yemmuu ta'u, gartokkeen aduu boca addeessa walakkaa qabaata.
Kana malees gaaddiddeessuun aduu kun yeroo gabaabaaf qofa kan turu yemmuu ta'u, yeroo daqiiqaa lama fi sekondii 30 ta'u gadi qofa tura.
Kutaaleen kaaba Yunaayitid Isteetis (US), Kaanaadaa, kaaba dhihaa Afrikaafi Awurooppaan immoo gaaddiddeessuu aduu walakkaa yookiin gariin kan argan yemmuu ta'u, iddoowwan muraasatti ifti aduu dhibbeentaa 90 ta'u ni bada.
Kutaaleen Afrikaa muraasafi Awurooppaanimmoo addatti wayita aduun lixxutti gaaddiddeessuu aduu argu.
Gaaddiddeessuun aduu itti aanu yoomfi eessatti mul'ata?
Gaddiddeessuun aduu itti aanu Roobii, Hagayya 12 mul'ata.
Haaluma kanaan kutaaleen kaaba Raashiyaa, Giriinlaand, Aayislaand, Ispeen fi Porchugaal gaaddiddeessuu aduu guutuu argu.
Akka Nasa'n jedhutti gaaddiddeessuun aduu guutuun iddoowwan kaaba Raashiyaa muraasa ta'anitti walakkeessa guyyaarratti mul'ata. Sana boodas gaaddiddeessuun kun gara kallattii bahaatti imaluun galgala keessa dhiha aduu dura Ispeen gaha.
Kana malees gaaddiddeessuun aduu kun yeroo gabaaf qofa kan turu yemmuu ta'u, yeroo daqiiqaa lama fi sekondii 30 ta'u gadi qofa tura.
Kutaaleen kaaba Yunaayitis Isteetis (US), Kaanaadaa, kaaba dhihaa Afrikaafi Awurooppaan immoo gaaddiddeessuu aduu walakkaa yookiin gariin kan argan yemmuu ta'u, iddoowwan muraasatti ifti aduu dhibbeentaa 90 ta'u ni bada.
Kutaaleen Afrikaa muraasafi Awurooppaanimmoo addatti wayita aduun lixxutti gaaddiddeessuu aduu argu.
Gaddiddeessuu aduu akkamiin ilaaluun danda'ama?
Gizaaza ijaa godhattaniis ta'u gaaddiddeessuu aduu ilaaluun hingorfamu. Sababnisaammoo gizaazni carallaa aduu guutummaatti ittisuu waan hindandeenyeef ratiinaa ija keessanii miidhuu danda'a.
Kanaafuu gizaaza yeroo akkanaaf jedhamee addatti hojjetame fayyadamuun ilaaluun barbaachisaadha. Gizaazni kun gizaaza yeroo idilee godhannu dachaa kuma heddu caalaa gurraacha'a.
Gizaaza kunneen fayyadamuu kan dandeessan yoo ta'e kunneen istaandaardii idil addunyaa ISO 12312-2 guutan fayyadamuu qabdu.
Kana malees gizaaaza gaadiddeessuu aduu ittiin ilaaltan godhattanii leensii kaameeraa, teleskooppiifi baayinokulaarii dabalatee meeshaalee walfakkaatan kunneen biroo keessaan gaaddiddeessuu aduu ilaaluunis hin gorfamu. Sababnisaas Nasa'n akka jedhutti carallaawwan aduu calaltuu aduu meeshaalee kunneenii gubuun ija keenya miidhuu danda'a.
Kana malees maloota alkallattii fayyadamuun taatee kana ilaaluu ni dandeessu.
Jalqaba kaardiiwwan yookiin waraqaa furdaa lama qopheeffadhaa. Itti aansunis fuula keessan adurraa garagalchuun kaardiiwwan lamaan gateettii keessanii ol wal duraa duubaan qaba. Gaaddidduun kaardii gara keessan jiru kaardii gara duubaarra jirurratti akka qubatu taasisaa.
Kaardii gara keessan jirurratti ulaa xiqqoo yoo urtan immoo, carallaan aduu ulaa sana keessa darbuun kaardii duubarra jirurratti qubachuun gaadiddeessuu aduu arguu isin dandeessisa.
Yoo filannoowwan kunneenitti fayyadamuun gaaddiddeessuu aduu ilaaluu hindandeenye, yookiin yoo haalli qilleensaa hinmijannemmoo kan Nasa dabalatee tamsaasawwan kallattii garagaraan taatee kana daawwachuu dandeessu.