Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Muddama magaalota naannoo Amaaraa tibbanaa fi uggura geejibaa
Dhuma torbee darbee jalqabee magaalota gurguddoo naannoo Amaaraa keessatti geejjiba dabalatee sochiin idilee danqamee akka ture jiraattonni BBCtti himan.
'Hidhattoonni Faannoo ergaa dabarsaniiru' oduu jedhuun magaala guddoo naannoo Amaaraa kan taate Bahiir Daar dabalatee magaalota kaan keessatti sochiin idilee danqamee ture.
Magaalota tokko tokko keessatti ammoo dhukaasnis akka jiru jiraattonni BBCtti himan.
Haalli nageenya naannichaa maal keessa akka jiru BBCn magaalota akka Bahiir Daar, Waldiyaa, Shawaa Roobitifi Dabra Maarkoos irraa jiraattota dubbiseera.
Magaala Bahiir Daar
Teessoo mootummaa naannoo Amaaraa kan taate magaala Bahiir Daaritti Jimaata darbe 'hidhattoonni Faannoo ergaa dabarsaniiru' kan jedhuun sochiin idilee adda citee akka ture jiraattonni BBCtti himan.
Dhaabbileen daldalaa, waajjiraalen mootummaafi kaan yaaddoo nageenyarraa kan ka'e cufamanii akka turanis kaasu jiraattonni kun.
Jiraatan magaalichaa maqaansaanii nageenyasaanif akka hin dhahamne gaafatan Jimaata darbe BBCtti akka himanitti ergaan barreeffamaa gara shanii ta'u akka isaan qaqqabe dubbatu.
Ergaan kunis, "Faannon Jimaata [Hagayya 16] sa'aatii 7:00 irratti magaala ni seena waan ta'eef mana keessanii akka hin baane, kana yoo hin taane balaa isinitti dhufuuf itti gaafatamummaa hin fudhannu kan jedhuudha" jedhu jiraatan magaala Bahiir Daar kun.
Jiraatan biraa BBCn dubbises gaafa Jimaataa sa'aatii 7:00 irraa kaasee sochiin homaatuu akka hin turreefi raayyan ittisaa magaala keessa akka socho'aa ture himan.
Kuni osoo hin ta'in dura magaalattii keessatti bakka garaa garaatti dhohiinsi boombii dhagahamee akka tures himan jiraatan kun.
Mootummaan naannoo Amaaraa gaafuma san [Jimaata] ibsa baasen, magaalattii keessa waanti nageenyaf yaaddoo ta'e akka hin jirre ibsuun humnoonni nageenyaa naannofi federaalaa tarkaanfii fudhachuu danda'an gahaan akka jiran beeksise.
Dhohiinsa boombii mudateen wal-qabatee namoonni shakkaman namoonin muraasni to'atamuufi kanneen miliqan to'achuuf sochiin godhamaa akka jiru Biiron Kominikeeshinii naannichaa fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbaatti beeksise.
Guyyaa Sambataafi Dilbataa magaala Bahiir Daar keessa sochiin namoota muraasni jiraachuu kan himan jiraattonni BBCn dubbise, Dilbata sa'aatii 7:00 irraa eegalee magaalattii keessa kallattii sadiin dhukaasni meeshaa gurguddaan dabaalame gaggeeffamaa akka ture himu.
Jiraatan magaala Bahiir Daar bakka dhukaasni itti gaggeeffame keessaa tokko kan ta'e bakka Abbaay Maadoo jiraatan BBCtti akka himanitti, dhukaasni kallattii Abbaay Maadoo jedhamuun ture hanga Dilbata halkan sa'aatii 8:00tti kan itti fufe yoo ta'u, kallattii buufata xayyaaran ammoo hanga halkan saa'tii 3:00tti dhukaasni gaggeeffamaa akka ture dubbatu.
Jiraatan biraa magaalattii ammoo Wiixataa har'aa sochiin hangi tokko magaalattii keessa akka jiruufi sochiin geejjiba baajajiifi taaksii eegaluu BBCtti himan.
Haa ta'u garuu dhaabbileen daldalaafi waajjiraalen mootummaa akka hin banaminiifi magaalattii ganda 11 keessa har'ayyuu dhukaasni guddaan akka ture himuun "muddamni itti fufee jira" jedhan.
Miseensonni raayyaa ittisaafi humni nageenyaa naannichaa magaala keessa socho'aa akka jiran ijaan arguu himu jiraattonni kun.
Magaalonni naannichaa biroon muddama keessa jiran kami?
Magaalaa guddoo naannoo Amaaraa Baahir Daariin alatti magaalota gurguddoo naannichaa biroo keessattis muddamni jira.
Teessoo Godina Kaaba Walloo kan taate magaalaa Waldiyaa keessa wiixata har'aa tajaajilli geejiba aada cituu jiraattootni magaalittii lama BBCn dubbise himaniiru.
Akka jiraattotni jedhanitti magaalaa Waldiyaarraa gara Qobboo, Marsaa, Dasee fi Gondaritti geejibni adda citeera.
Konkolaachiftootni sababa geejiba adda kutaniif yoo ibsan ''kaleessa hidhattootni bor asirra hin hin deemiinaa'' jechuun akeekkachiisa kennuu dubbatan.
Odeeffanoon Faannoon geejibni akka hin jiraanne akeekkachiiseera jedhu erga qoodamee booda, sochiin dhaabachuus jiraattotni kun himaniiru.
Magaalaa keessas sochii baajaajiifi ambulaansii muraasaan alatti sochiin idilee akka hin jirres himaniiru.
Shawaa Kaabaa Shawaa Roobiit keessattis sochiin idilee akka yeroo kaanii akka hin taane jiraattotni himaniiru.
Tajaajilli geejibaa Dasee ka'ee Finfinnee deemuuf akkasuma Finfinnee ka'ee Dasee galuuf Shawaa Roobiit keessa qaxxaamuru adda citeera jedhan.
Jiraattotni dubbifne Wiixata ganama sochii konkolaattota mootummaafi humna kora bittinneessaa qofa arguu dubbatan.
Baankileen garuu tajaajila kennaa akka jiran himan. Magaala keessaa dhukaasni dhagaahamu jiraachuu baatus ''afuurri jiru namatti hin tolu'' jedhaniiru.
Baha gojjaam Dabramarqoos keessaa fi naannawaa sanis muddamni dabalaa jiraachuu jiraattotni achii BBCtti himaniiru.
Hanga Dilbata kaleessaatti magaala keessa sochiin bajaajii turellee ''har'aa eegalee garuu sochiinsaaniillee dhaabateera. Waajiraalee mootummaa tokko tokkoofi baankileen alatti dhaabbileen tajaajilaa martuu cufaadha'' jedhan jiraataan dubbifne tokko.
Akka jiraattotni jedhanitti Finfinneerraa Baahir Daar, akkusams Baahir Daarii Finfinneetti tajaajilli geejibaa kennamu adda citeera. Gara magaalaalee aanaattis geejibni hin jiruu jedhan.
ALI ''Hagayya 7/20016 irraa eegalee yeroo hin murtoofneef sochiin akka dhaabatu Faannoon ibsa baaseera'' jedhamuu booda sochiin dhaabachuu jiraattootni magaalittii BBCtti himaniiru.
Jiraataan magaalittii tokko Wiixata barii naannoo mana hidhaa fi Koollejjii barsiisotaa bira dhukaasni daqiiqaa 10f ture gaggeefamuu hime.
Jiraataan kan bira aammoo barii naannoo sa'aa 11:30tti naannoo Boolee jedhamuun beekamu dhukaasni daqiiqaa 30f ture gaggefamuu himan.
Jiraattooni kun sababa dhukaasichaa akka hin beekne dubbataniiru.
Dhibdee mootummaa Federaaliif hidhattoota Faannoo (wayita waraana Tigraay Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa waliin hiriiranii turan) gidduutti dhalate waggaa tokkoo ol lakkoofsiseera.
Mootummaan Federaalaa rakkoo kana mariin furuuf yalii adda addaa gaggeessaa akka jiru himee, hidhattootni Faannoo hooggansa adda addaa jala waan jiraniif marii milkeessuun rakkoo uumuu ibseera.