Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Humnoonni Yukireen dhiyaachaa deemnaan Raashiyaan naannolee Yukireen ofitti makatte keessaa namoonni akka bahaniif akeekkachiifte
Kutaa bulchiinsa Yukireen Keerson jedhamu kan dhiyeenya Raashiyaan of jala galfattetti bulchaa kan ta’e Vilaadmiir Saaldoo namoonni nagaa naannicha gadi dhiisanii akka ba’aniif akeekkachiise.
Humnoonni Yukireen guyyaa guyyaan gara Keersonitti dhiyaachaa jiran haleellaa rookeetii raawwachaa waan jiraniifidha namoonni nagaa akka bahaniif kan itti himamaa jiru.
“Gara Raashiyaatti baqachuun of oolchaa,” jechuun gaggeessaan naannichaa jiraattota magaalaatiif ergaa akeekkachiisaa dabarse.
Ministirri muummee itti-aanaa Raashiyaa Maaraat Kusinliinim akkeekkachiisuma gaggeessaan Keerson kennan jabeessee dhaameera.
Yukireen gama isheetiin namoota nagaa lammileen ishee ta’an irratti haleellaa xiyyeeffate akka hin raawwanne ibsiteetti.
Humnoonni Yukireen kutaa gara Kaaba-lixaa naannoo Keerson deebisanii to’annoo isaanii jala galfataniiru.
Kara magaalaa guddoo Keersonittis dhiyaachaa dhufaniiru.
Bulchiinsi naannichaas lammileen nagaa gara naannolee birootti dabarsuudhaaf akka murteesse ibseera.
Aanga’oonni Raashiyaa Kibbaafi Kireemiyaa akka jedhanitti, lammileen nagaatiif bakki qubataniifi tajaajilawwan barbaachisoo ta’an ni dhiyaatuuf.
Namoonni marsaa jalqabaatiin Keerson keessaa bahan har’a kutaa bulchiinsa Raashiyaa Rostoov qaqqabu jedhameera.
Bulchaan Roostoov Vaazilii Goliiviiv namoota gara kutaa bulchiinsa isaanii dhufan simachuudhaaf qophii akka ta’an ibseera.
Yukireen rookeetii Ameerikaan kenniteef Himaars jedhamu dabalatee meeshaaleen biro gargaaramuun humna ishee jabeeffatteetti.
Humni Yukireen kutaawwan bulchiinsaa ishee Raashiyaan seeraan ala ofitti makatteetti jettu irratti xiyyeeffateera.
Kutaawwan bulchiinsaa Yukireen Kireemiyaatiin ala ta’an irratti haleellaan qilleensarraa gaggeeffamuu waan danda’uuf of eeggannoon akka turanis itti himameera.
Buufataaleen waraanaa Kiyiiv dabalatee bakkawwan biroo irratti kan xiyyeeffate haleellaan misaa’elaa gaggeeffameera.
Kutaa bulchiinsaa Mihiloov jedhamu keessatti namoonni lama du’anii, daa’imni tokko ammo mana haleellaatiin diigame jalaa lubbuun ooluun ibsameera.
Kiyiiv fi Mooskoo irraa odeeffannoowwan bahan akka mirkaneessutti, Rashiyaan loltoota Yukireen 20 yoo deebistuuf, Yukireenis loltoota 20 deebisteettiif.
Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin gita isaanii Turk Resiip Xayyiib Erdowaan waliin kan wal argan yoo ta’u, Awurooppaatiif ujummoo gaaziin ittiin dabarfamu filannoon Turk keessatti akka ijaaramuuf waliin dubbataniiru.
NATOn Yukireen xiyyaarota nam-tolchee Raashiyaafi Iraan irraa akka of eegduuf meeshaa waraanaa barbaachisaa akka kennaan ibseera.
Gaggeessaan Keerson Kibbaa Raashiyaatiin muudame Vilaadmiir Saaldoo akka jedhanitti, humnoonni Yukireen Keersoniifi Kakehovaak keessatti guyyaa guyyaan haleellaa rookeettii gaggeessaa jiru.
Haleellaa kanaanis, “miidhaan guddaan qaqqabaa” akka jiru ibsuun, “Raashiyaan lammilee ishee eeguurraa duubatti hin deebitu,” jedhe.
Kutaa bulchiinsa Yukireen kan ta‘an Keerson, Zafooriizahiiyaa, Dooneesk fi Luhaanisk qama Raashiyaa ta’uu isaanii ji’a darbe keessa Pirezidan Puutin labsuun isaa ni yaadtama.
Yukireen Dhaabbanni Mootummota Gamtoomanii, akkasumas biyyoonni Lixaa michoota Yukireen ta’anis Raashiyaan naannolee qama bulchiinsa Yukireen ta’an ofitti makachuu ishee balaaleffataniiru.