Manni Kiristaanaa Ortodoksii ibsa tajaajila Komunikeshinii Mootummaa baase mormite

Maxxanfame

Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa ibsa Tajaajila Komunikeshinii Mootummaa guyyaa Dilbata Guraandhala 5, 2023 baasee cimsite mormite.

Manni Kiristanaa, ibsa Tajaajilli Komunikeshinii Mootummaa baaseen, ‘‘waa’ee kabaja, seenaa fi dhugaa waldittii dagachuun kan kanneen odeeffannoo guutuu hin qabne hubannoo dogongoraa akka qabatan taasisuudha’’ jette.

Ibsi Tajaajilli Komunikeshinii Mootummaa guyyaa Dilabataa baaseen, waldhibdee Mana Kiristaanaa ortodoksii Tawaahidoo keessatti umamee waliigalteefi haaluma adeemsa mana kiristaanaatiin furamu qabaata jedhee ture.

Deebii karaa qajeelcha sub-qunnamtii mana amantichaatiin kennameen, ‘‘garaagarummaa abbootii amantaa jidduutti umamee hin jiru’’ erga jedheen booda ibsi mootummaan kenname kan namoota sinododsiin balaaleeffatteef qaama seeraa gochuun beekamtii kennuudha jedhan.

Waldhabdeen Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa kunis mudama beekamtii mana kiristaanaan ala naannoo Oromiyaatti phaaphaasoota kanneen naannichaafi ummattoota kibbaatti ni tajaajili jedhaman 26 kennuu hordofuun kan umameedha.

Abbootiin amantaa muudama kana kennaniis, ‘‘manni amantichaa hunda hammatu miti akkasumas amantoonni akka afaan ofiisaanitiin sirna amantichaa raawwatan hin taasifne’’ jechuun tarkaanfii kana fudhachu dubbatu.

Tajaajilli Komunikeshinii Mootummaa ibsa isaa Dilbataatiin dhaabbileen sabaa himaa dhimmicha irratti yoo gabaasan ‘‘haala rakkinicha harbeessu irraa of qusachu qabu’’ jechuun akeekkachiseera.

Manni kirititaanittiin ammoo mootummaan sagalee sinidoosii ukkaamsuun ibsiwwan sinidosii karaa sabaa himaa mootummaatiin akka hin dabarfamne erga taasiseen booda, miidiyaalee gochaa seeraa raawwatan irra ibsa dorsiisoo kennuun sochiin sagale ukkaamsuf taasifamuudha jette.

Itti dabalunis dhimma wal dhabdee ammaan tana manna kiristaanaa keessatti umameen mootummaan wallaba jechuu qajeelchi sab-quunnamtii bataskaanichaa manni kiristaanaa hin fudhattu jedhan.

Mootummaan jechaan dhimma amantaa keessaa hin galu haa jedhu malee, gochaan garuu ‘‘walitti qabamtoota seeraan-alaatiif deeggarsa kennuu irraa of hin qusannee jedheera.

Haaluma waldhabdee kanaatiin wal qabatees rakkoo umameen magaalaa Shaashamanneetti yoo xinnaate lubbuun namoota sadii darbuufi miidhaan qaamaa qaqabuun gabaafameera.

Ibsi mana kiristaanaan kenname kunis ajjeechaa amantoota irratti raawwatmeera jedhe kanaaf humnoota nageenyaa mootummaa gaafatamaa kan taasisee yoo ta’u, ‘‘garee seeraan alaa meeshaan dabaaluun deeggarsa kennuu fi mana kirisitaanaa weerarchise’’ jechuun mootummaa himate.

Rakkoo umamee gama ilaalattuun, ibsi tajaajila komunikeshinii mootummaatiin kennamu, ‘‘qaamooleen nageenyaa nageenyaa fi tasgabbii ummataafi dhaabbilee amnataa kabachiisuuf dirqama qabaa’’ jedhe ture.

Haata’u malee manni kiristaanaa ‘‘mootummaan ajjeechaa Shaashamanneetti mudate kan hin eereefi gaddsaas kan hin ibsatiin akkasumas kan hin balaaleeffatii ta’u yoo ilaallluu, gahee mootummaa haala salphaa ta’een hubachu akka dandeenu nu taasisa’’ jettee jirti.

Dhummarrattis aangoo dahoo godhachuun ‘‘gaaffii seeraa ajjeechaan, hidhaan, okkoraa fi doorsiisoon furamu’’ waan hin dandeenyeef, mootummaan itti gaafatamummaa itti kenname bahu kan danda’u yoo loogii malee hojjate qofaadha jedheera.

Rakkoo umamee hordofuunis haaluma Qulqulluun sinidosii Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaa ajajeen guyyaa har’aa Guraandhala 6, 2023 irraa kaasuun guyyoota sadiif kan turu sanagantaa somaafi sagadaa irratti hordoftoonni uffata guaracha uffachuun bataskaanoota adda addaatti walitti qabamun mul’ataniiru.