Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhalattoota Oromoo US irraa meeshaalee wallaansaa kutaalee Oromiyaaf dhiyeessan
Dhalatootni Oromoo Ameerikaa keessa jiraatan lammii keenyaaf waan dandeenyuun dhaqabuu qabna jechuun meeshaalee yaalaaf oolan maallaqa guddaan bitaman hospitaalota Oromiyaa adda addaaf gumaachaa jiraachuu himan.
Hundeessitoota dhaabbata miti-mootummaa Lammiif Relief and Develeopment Organization keessaa tokko kan tahan Obbo Farhaan Abdullaahii baasii geejibaa qofa gara doolaara miliyoona lamaa tahuun meeshaalee yaalaa kanneen dhiyeessaa jiraachuu himan.
Dhaabbatni Lammiif Relief and Develeopment Organization jedhu kun erga hundeeffamee waggaa osoo hin guutiin meeshaalee yaala fayyaa konteenera 54 tahu kutaalee Oromiyaa adda addaaf gumaachuun dhaqabsiisaa jirra jedhan.
Biyya keenya keessa tajaajila fayyaa, bishaanii fi barnoota irra hanqinni jira jennee qaawwa kana Oromiyaa keessaa guutuuf hojjechuu jalqabne jedhan.
Dhaabni isaanii kun ji'oota kudhan keessatti dhaabbata 'Cure Project' jedhu waliin tahuun meeshaalee yaala fayyaa dhaqabsiisaa jirra jedhan.
Dhaabni 'Cure Project' jedhamu meeshaalee yaalaa akkaan qaalii tahan Ameerikaa keessaa bituun dhiyeessa jedhu Obbo Farhaan.
Dhaabni Lammiif Relief and Develepment Organization jedhu ammoo karaa dhalattoota Oromoo bakka meeshichi deemuu irraa maallaqa ittiin geejibsiisan walitti qabuun meeshaalee kanneen dhaqabsiisaa jiraachuu himan.
Tibbana Harargee keessaa hospitaalota sagal hanqina meeshaalee yaalaa qaban adda baasuun meeshaalee yaalaa kontenera sagal tahu dhaqabsiisaa jiru.
Aanaa Galamsoo fi Hospitaala Waliigalaa Haramayaa fa'aa kanneen deeggarsa kanaan meeshaalee yaalaa ammayyaa'oo argatanidha.
''Siree, meeshaa altiraa saawundii fi kaan akkaan qaalii tahantu deeggarsicha keessa jira. Meeshaalee lubbuu namaa baraaruu danda'antu keessa jira.''
Obbo Farhaan deeggarsa kanaan godina Jimmaaf meeshaalee yaalaa kontenera afur, Wallaggaaf konteneroota 16, dabalataan Iluu Abbaa Booraa, Baalee fi kutaalee Oromiyaa kaaniifis dhaqabsiisaa jirra jedhan.
Wallagga keessa deemnee hanqinoota jiran qorachuuf rakkoo jira jedhanii nu hanbisan malee meeshaaleen qophaa'aniiru.
Bakka bu'oota hospitaalota Wallagga keessaa waliin Finfinnetti mari'annee meeshicha erguuf qophoofneerra jedhan.
Lammiima Itoophiyaa cufatu tajaajila kanarraa fayyadama kan jedhan Obbo Farhaan deeggarsicha kan taasisaa jiru dhalattoota Oromooti jedhan.
Meeshaalee yaala kana bakka bitamee qophaa'ee fe'anii baasuun hanga bakka barbaadame gahutti baasii guddaa gaafata jedhu.
Ameerikaa irraa ka'ee Harargee geessisuuf doolara 39,000 gaafata. Gara Wallaggaa geessuuf ammoo Doolaara 44,000 gaafata jedhan.
Meeshaalee kanneen bakka jedhame dhaqabsiisuuf waliigalaan doolaara miliyoona lamaa ol gaafata jedhan Obbo Farhaan.
Maallaqni kun dhalattoota Oromoo biyya alaa jiraatan irraa akka walitti qabame himuun akka bakka dhaloota godina isaaniitti buusii taasisan jedhan.
Deeggarsi kennamu hospitaalota Oromiyaa keessaa 54'f akka tahu himanii, konteenerootni 54 bakka barbaadame dhaqabuuf qophiidha jedhan.
Meeshaaleee kanneen keessaa tokkoon isaa hanga doolaara walakkaa miliyoonaa kan bitame akka jirus namoota isaan waliin tahuun deeggarsicha dhaqabsiisan irraa odeeffanneerra.
Harargeetti Yuunvarsiitii Haramayaa waliin tahuun hojjechuuf waliigaltee kan mallatteessan yoo tahu Biiroon fayyaa Oromiyaas deeggarsa barbaachisu kennaa jiraachuu himan.
Obbo Farhaan amma Ameerikaa, Miniyaappolis jiraatu. Harargee aanaa Kombolchaatti dhalatan.
Dhaabbata kana waayillan isaanii Ameerikaa jiraatan kan akka Dr Nuuredin Suulee, Dr Obsaa Hasan, Obbo Kamaal Alii Huseen fi Ahimed Yoomiif kan Kanaadaa jiraataa jiran waliin tahuun hundeessan.
Hundeesitoota kanneen keessaa tokko kan tahan Dr Obsaa Abdallaa Hasan Baha Oromiyaa, Harargee Bahaa magaalaa Baddannootti dhalate.
Amma kutaa saddeetiitti achiitti erga baratee booda, karaa Keeniyaarraan gama Ameerikaa seene.
Biyyichatti hojii tola ooltummaa kennaa tureef beekamtiis argateera.
''Ilmaan Oromoo osoo amantaa fi kutaan wla hin qoodiin yoo wal cina dhaabbanne lammii keenyaaf waan guddoo gochuu dandeenya,'' kan jedhan Obbo Farhaan dhaabbanni isaanii deeggarsa kana jabaatee akka itti fufus himaniru.
Kana dura Ameerikaa kan jiraatan Aadde Obsee Luboo dhaabbatoota biyyicha keessaa adda addaa wlaiin tahuu meeshaalee yaala fayyaaf oolan hospitaala Najjoo fi naannoo isaaf gumaachanii ture.
Buufataaleen fayyaa fi hospitaalotni Oromiyaa keessaa hedduun ammayyuu hanqina meeshaalee yaalaa ammayyaa'oo tahan akka qaban himama.
Isa irratti ammoo sababa rakkoo nageenyaan tajaajilli fayyaa kennamus miidhaaf saaxilameera.