Qooccoo warqeerraa keekiin hojjetamuu akka danda’u beektuu?

Maxxanfame

Qooccoon warqee irraa hoojjatamu Itoophiyaa bira darbee dhangaa idil- addunya akka ta’uuf hojjechaa jiraachuu Yunivarsiitiin Arbaaminc himeera.

Bu'aa warqeerraa keekii fi kukisii dabalatee gosoota nyaataa garagaraa hojjechuun akka danda’amu Yunivarsiitii Arbaamincitti barsiisaafi qorataa olaanaa kan ta’an Dr. Addisuu Fiqaaduu BBC'tti himaniiru.

Kalaqawwan tekinooloojii Yunivarsiitiin Arbaaminc omisha qooccoo yookiin warqeen walqabatee hojjete wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuufi biyyattiif galii argamsiisuun cinatti ba’aa dadhabbii dubartoota heddu dhabamsiisaa jira.

“Nama lama taanee muka warqee tokko soqnee fixuuf hanga guyyoota afurii nutti fudhata ture. Amma garuu daqiiqaa 30 qofa fudhata,” jedhan Godina Gaamootti jiraattuu Aanaa Naannawa Canchaa kan ta’aniifi tekinooloojiiwwan yunivarsiitichaan omishamanitti fayyadamaa kan jiran Aadde Gabayaanash Altaa.

Yunivarsiitichi ammatti maashina warqee soquu, raacatii qooccoon saffisaan akka walnyaatu taasisu fi qooccoo daaku dabalatee kalaqawwan ammayyaa afur hojjechuun qonnaan bultoota fayyadamaa taasisaa jira.

Yunivarsiitii Arbaamincitti barsiisaafi qorataa olaanaa akkasumas qindeessaa Pirojektii Insat (Pirojektii Warqee) kan ta’an Dr. Addisuu Fiqaaduu, hojiin qorannoo, kalaqafi omisha tekinooloojii kunneenii waggoota 10 ol fudhachuu BBC'tti himaniiru.

“Hojiileen warqee irratti hojjetaman hedduun qorannoo bu’uura kan godhatanidha. Hojii rakkoowwan qonnaan bultoota warqee omishan mudatan qorannoon adda baasuus hojjenneerra,” jedhan.

“Warqeen qabeenya guddaa Itoophiyaan itti hin fayyadamnedha. Boroo qonnaan bulaa keessatti mukni warqee 50-100 fi isaa ol ta’u callisee taa’a. Mana bira darbee faayidaarra yemmuu oolus hin mul’atu,” jedhan.

Kalaqawwan ammayyaa afur

Kalaqawwan tekinooloojii ammayyaa qooccoo omishuuf tajaajilanfi Yunivarsiitii Arbaaminciin hojjetaman keessaa inni tokko maashina warqee soqudha.

“Warqee mala aadaatiin soquun humna fixa, yeroos fudhata. Meeshaan soquuf itti fayyadamanis baay’ee boodatti hafaadha. Lafee, mukaa fi leemmana fayyadamuun soqu,” jedhu Dr. Addisuun.

Kanaafis yunivarsiitichi maashina ammayyaa haala salphaan warqee soquu dandeessisu kalaquu dubbatan.

Kalaqni yunivarsiitichaa inni lammaffaan immoo raacatii qooccoon yeroo gabaabaa keessatti akka walnyaatu taasisudha.

“Adeemsi wal nyaatiinsaa qooccoo ji’oota lamafi isaa ol fudhata. Kana jechuun warqee qe’ee keessaa qabaattee qooccoo nyaachuu yoo barbaadde ji’a lamafi isaa ol eeguu qabda jechuudha. Kana hambisuuf raacatii haaraa kutaa yaaliitti omishneerra,” jedhan Dr. Addisuun.

Raacatiin ammayyaa kunis qoocoon guyyoota 7-10 keessatti akka wal nyaatu kan taasisu akka ta’e himan.

Gama biraatiin qooccoon mala aadaatiin hojjetamu yeroo dheeraaf lafa keessatti awwaalamuun akka walnyaatu kan taasifamu yemmuu ta’u, kunis omishicharratti miidhaafi mancaatii kan qaqqabsiisudha.

“Qooccoon boolla keessatti wayita awwaalamu lolaan itti seena. Isa hambisuuf meeshalee ammayyaa qooccoo keessa kaayuun akka walnyaatu itti taasifamu hojjennee hojii qonnaan bultootaaf beeksisuufi waliingahuu hojjechaa jirra” jedhan Yunivarsiitii Arbaamincitti barsiisaafi qorataa olaanaa kan ta’an Dr. Addisuu Fiqaaduu.

“Warqee erga sooqnee booda lafa keessatti yemmuu awwaallu raammoon ni seena, qulqullina hinqabu. Baay’ee rakkisaadha,” kan jedhan Aadde Gabayaanash, maashinni Yunivarsiitichaan hojjetame kun qulqullina soorata isaanii gama eeguutin gumaacha guddaa akka qabu himaniiru.

Tekinooloojiin yunivarsiitichaan hojjetame inni afraffaan immoo maashina hidda warqee daakuu dandeesisudha.

Keekii qooccoorraa hojjetamu

Qooccoon kutaalee biyyattii garagaraatti nyaataaf kan oolu ta’ullee gosootni nyaataa qooccoorraa hojjetaman garuu baay’ee miti.

Omishichi bifa marqaafi maxinoon bal’inaan faayidaarra kan oolu yemmuu ta’u, kunis nyaatichi biyyuma qofa keessatti akka daangeffamu taasisuusaa Dr. Addisuun himu.

Kanaafis yunivarsiitichi qooccoorraa gosoota nyaataa biyyoota garagaraa keessatti beekamtii qaban hojjechuun warqee gabaa idil addunyaaf beeksisuufi faayidaasaa haalaan mul’isuuf hojjechaa akka jiru himaniiru.

“Qooccoorraa daakuuwwan ammayyaa faayidaa gosa heddu kennuu danda’an omishuu dandeenya,” kan jedhan qorataa olaanaan kun, “warqeerraa daabboo difoo tolchuun ni danda’ama akkasumas keekii fi kuukisii hojjechuun ni danda’ama” jedhan.

'Qonnaan bultoonni fayyadamaa jiru'

Yunivarsiitiin Arbaaminc qonnaan bultootni tekinooloojiiwwan kunneenitti akka fayyadamaniif giddugalawwan tajaajilaa hundeessuun hojjechaa jira.

“Tekinooloojiiwwan kunneen qonnaan bultoota hundaaf raabsuun dhaqabsiisuun hin danda’amu. Kana malees qonnaan bultootni waggaatti al lama yookiin sadi warqee soqu. Kanaaf gama diinagdeenis bu’aa qabeessa miti” jedhu Dr. Addisuun.

Kanaafis iddoowwan warqeen itti omishamutti giddugalawwan omisha qooccoo hundeessuun qonaan bultootni gurmaa’uun akka irraa fayyadaman taasisaa jiraachuu himan.

Giddugalawwan sadi hanga ammaatti hundeessan keessattis qonnan bultootni 3000 ol fayyadamaa jiraachuu dubbataniiru.

Dabalataan giddugalawwan lama ijaaruuf sochiirra akka jiran kan himan qorataa olaanaan kun, tekinooloojicha kutaalee biyyattii garagaraa keessatti babbal’isuuf dhaabbilee mootummaafi miti mootummaa garagaraa waliin hojjechaa akka jiranis himaniiru.

Ba’aa dubartootaa hir’iseera

Hojiin warqee soquu dubartoota qofaan hojjetamaa ture humnafi yeroo dubartoota heddu fudhataa tureera.

Dabalataan hojiin warqee soquu dubartootni dhukkuba dugdaaf akka saaxilaman fi daa’imni akka keessatti hafu taasisaa turuus Dr. Addisuun himu.

Aadde Gabayaanash Altaa gama isaaniitin, “hanga harki keenya dadhabutti hojjenna. Miidhaas qaba, baay’ee dadhabsiisaadha,” jechuun dhiibbaa warqee mala aadaatin soquun qabu ibsu.

“Nama lama taanee muka warqee tokko soqnee fixuuf hanga guyyoota afurii nutti fudhata ture. Amma garuu daqiiqaa 30 qofa fudhata,” jedhan.

Kalaqawwan Yunivarsiitii ArbaamincI kunneen rakkoolee fayyaa dubartoota mudatan hambisuun dabalataan hojiin warqee soquu dubartoota qofaan hojjetamaa ture dhiirooliinis akka hojjetamu carraa uumuu Dr. Addisuun himaniiru.