Ijoollee meeshaa elektirooniksiitti madaqan maatiin maal gochuu qabu?

Maxxanfame

Yeroo ammaa kana daa'imman meeshaa elektirooniksiin taphachuun waan addunyaa guutuutti baratameedha.

Daa'imman onlaayin seenanii waan isaan gammachiisu yoo argan waan callisaniif, maatiin ni gammadu. Inumaa akka waan isaan nagaadhaan jiraniitti hubachuun dagatu.

Mana barumsaa sadarkaa jalqabaa Chester Ingilaand keessatti argamutti daarektara kan taate Aadde Nic Wetton, maatiin ijoolleen isaanii waan ilaalaa jiran osoo hin hubatiin callisanii dhiisuun dogongora jette.

Aadde Nic Wetton mana barumsaashee keessaa daa'imman umriinsaanii waggaa afurii hanga 12 ta'an 180 qabdi.

''Daa'imman viidiyoo ilaalaniin jeeqamuu danda'u. Sababa kanaatiin daa'imman hirriba rafuufillee qoricha barbaadan baay'ataniiru. Dhugaadha baayyee nama yaaddessa,'' jette.

Daa'imman hedduun halkan tableetii fi bilbila ilaalaa waan bulaniif ganama wayita daree seenan barsiisaa hordofuu hin danda'an.

Viidiyoowwan daa'immaniif hin eeyyamamne ilaaluu fi halkan yeroo dheeraa hirriba malee turuun alattis, daa'imman hordoffii malee onlaayin turan miidhaa saal-quunnamtiif saaxilamuu danda'u.

Miidhaa karaa onlaayinii daa'imman mudatu irratti qorannoo kan gaggeessitu Rachael O'Connell, daa'imman yeroo baayyee onlaayinii turan hiriyaallee hin qaban jetti.

Dubartiin kun manneen barnootaa daa'imman itti baratan wayita daawwattutti maatiin appii daa'imman banan illee quba akka hin qabne adda baaste.

Daa'imman qullaasaanii onlaayinii agarsiisuun bal'inaan mul'ata. Maatiin wayita gaafataman ''Guddisa dijiitaalaa daa'imman keenyaatu nutti cime jedhu, deeggarsa akka isaan barbaachisu gaafatu. To'achuu qabna,'' jette.

Jaarmiyaan Aadde O'Connell hundeessite, Trust Elevate jedhamu qajeeltoo Zero Data jedhu kan daa'imman osoo odeeffannoo dhuunfaasaanii dabarsanii hin kennin meeshaalee elektirooniksii fayydamuu danda'aniif haala mijeessuudha.

Jaarmiyaa netwoorkii mobaayilaa fi tajaajila intarneetii UK EE jedhamu waliin ta'uun mala kana shaakalliif hojiirra oolchiteetti.

Appii umurii daangessee tajaajila kennuu fi daa'imman onlaayinii seenuuf mirkaneeffannaa maatii akka ulaagaatti gaafatu maatiin hundi akka qabaatan gochuuf karoorfatte.

Mosaajiin (Software) kun unka daangaa umurii qofa kaa'a malee odeeffannoo dhuunfaa hin gaafatu.

Odeeffannoon kun jaarmiyaan tajaajila kennu maamilli haaraan wayita seenu adda baafachuuf gargaara.

Malli akkasii miidhaa onlaayiniin walqabatee daa'imman mudatuuf furmaata ta'a, garuu manneen barnootaas ga'eesaanii gumaachaa jiru.

Manni barumsaa Aadde Wetton dhimma nageenya onlaayinii irratti leenjii ni kenna, maatiin laaptooppii isaanii qabatanii bakka leenjii deemuun erga baratanii booda appii nageenyummaa fi hordoffii daa'immanii buufatu.

Maatiin dhimma kanarratti hirmaachuurraa rincicuun akka ishee yaaddesse kan himtu barsiistuun kun, maatii daa'imman ishee biraa qaban 150 affeerte keessaa ''yeroo namni tokko qoftifaan argamantu jira,'' jette.

Kubbaaniyyaan teeknooloojii nageenyummaa daa'immanii eeguuf dirqama qabu akka jiraatu feeti Aadde Wetton.

Haati mosaajii TrustElevate Aadde o'Connell ammoo mootummaan akkaataa daa'imman geemii fi marsariitiiwwan adda addaa itti fayydaman to'achuu qaba jette.

''Wayita daa'imman meeshaalee teeknooloojii kunneen banan namni yaadatee ilaalu hin jiru. Miidhaa inni qabus namni battala sanatti hin hubatu.''

Sagantaan mootummaa UK dhimma miidhaa onlaayinii irratti hojjetu gabaasa isaa bara 2019 keessatti daa'imman umriin isaanii waggaa 12-15 ta'e torbanitti sa'atii 20'f onlaayinii turu.

Kanneen keessaa dhibbeentaa 79 kan ta'an ammoo yoo xiqqaate miidhaan tokko waggaatti isaan mudateera.