Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Afuuffeen basaasaa Chaayinaan ji'oota dura UStti ergitee odeeffannoo homaa hin sassaabne' - Peentagon
Afuuffeen basaasaa Chaayinaan ji'a Guraandhalaa keessa daangaa qilleensa US sarbuun seenee ture odeeffannoo homaatuu hin sassaabne jedhe Peentaagon.
Chaayinaan afuuffeen sun kan raagaa haala qilleensaa walitti qabatu dogoggoraan daangaa US seene jettee falmattus, US ammoo kan basaasati jechuun xiyyaara waraanaa fayyadamuun rukuttee kuffisuun ishee ni yaadatama.
Caccabaa afuuffee rukutamtee kuftee sanarratti qaamolee tikaa UStiin qorannoon irratti gaggeeffamaa akka jirus himame.
US afuuffee basaasaf ergameedha jechuun daanqaa qilleensa ofii keessatti erga rukuttee booda Chaayinaan dheekkamtee turte.
Taateen kun Ameerikaafi Chaayinaa gidduutti mufiifi wal-gaarreffannaa uumes ture.
Dubbii Himaa Peentaagon, Birgaader Jeneraal Paat Raayidar Waxabajjii 29, 2023 akka jedhanitti "[afuuffeen] sun dandeettii odeeffannoo tikaa sassaabuu akka qabdu" US ni beekti turte.
Dabaluunis, "Amma garuu akka bira geenyetti [odeeffannoo] hin sassaane," jedhan qondaalli Peentaagon kun.
Yeroo sana afuuffen sun odeeffannoo akka hin sassaabnef tattaafin US goote odeeffannoon tikaa murteessaa ta'e harka Chaayinaa akka hin galle akka taasises dubbatan Jeneraal Paat.
Afuuffeen Chaayinaa US rukuttee kuffiste sunuu yeroo omishamu meeshaa kan Ameerikaa ta'e of keessaa qaba jedhee gabaasa Wall Street Journal dhiyeessee turerratti Jeneraal Paat Raayinar homaa hin dubbanne.
Afuuffeen Chaayinaa daangaa qaxxaamuruun ji'a Guraandhalaa keessa US seente torban tokkoof daangaa qilleensa USfi Kanaadaa keessa balali'aa turte.
Boodarra Pirezidaant Joo Baayidan ajaja kennaniin afuuffen kun rukutamtee akka kuftu godhame.
Chaayinaan garuu US aaridhaan afuuffee raaga haala qilleensaa rukuttee na jalaa kuffiste jechuun mufachuu ibsite.
Kanarraa ka'uunis Misnitiirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan daawwannaa Beejingittigochuuf turan yeroo biraatti dabarsan.
Antoonii Biliinkan deemsa yeroo sana addaan kutan jalqaba ji'a kanaa ture gara Beejingitti kan taasisan.