Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namtichi ijoollee lama galaana keessaa oolchee ofiin nyaatame
Weelsitti namichi ijoollee lama galaana keessatti haala rakkisaa keessa turan oolche ofiin bishaanichaan nyaatamuu isaa poolisiin biyyattii beeksiise.
Taaten kun kan raawwate guyyaa Jimaataa Waxabajjii 10, 2022 UK bakka Poopit Saandis jedhamu kan St. Dogmeelsitti argamutti. Bakka kanatti, namoonni baayyee waan rakkataniif pooliisiif bilbilamee akka tures himameera.
Poolisiin akka ibsetti, namni umuriin isaa ganna 47 Haywel Moorgan jedhamu daa’imman lamaan oolchees, erga galaana keessaa baafameen booda lubbuun isaa darbuu qondaalli poolisii hime.
Ijoollen inni galaanicha keessaa baraare ammo gara hospitaalatti geeffamaniiru. “Inni goota, abbaa of-kennaa fi kan maatii jaalatuudha” jedhu maatiin Morgaan. Morgaan, maati fi hiriyoota isaa biratti maqaa Haywi jedhamee beekama.
Morgaan ijoollee dambalii galaanatiin nyaatamuuf turan baraaruun ofiisaatiin kan bishaanichaan kan nyaatame.
Poolisiin isa baasen, maatiin isaa, “Haywin goota! Gaddi garaa keenya madeessus lubbuu isaa osoo hin sassatin warra kaan du’arraa oolchuf dhaamaatiin inni godhe gaafa ilaallu ni jajjabaanna” jedhu.
Itti dabaluunis, "Haywin yeroo hundumaa ofiif of-eeggannoo osoo hin godhin namoota biroo gargaaruf of kenna.
Inni nama of-kennaa, abbaa maatii jaalatuufi kanneen isa beekan birattis nama jaalatamaafi kabajamaa ture.
"Akka maatitti yeroo itti gadda keenya isaaf qabnu ibsannu waan nu barbaachisuuf, amma yeroo itti qophaa ta’u qabnutu nu barbaachisa” jedhan.