Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Laga hongeen goggogse keessaa boombiin Waraana Addunyaa 2ffaa argame
Boombiin Waraana Addunyaa 2ffaa laga Itaalii keessatti otoo hin dhooyin lixe, wayita hongeen bishaan goggogsu argame.
Boombiin kg450 ulfaatu kun kiyyeessitoota qurxummiin Laga Po goggoge cinaatti argame.
Lagni dheerina km650 qabu kun, gara caalu hongee hamaa Itaaliin waggoota 70 keessatti ishee mudateen gogeera.
Haalli qilleensaa garmalee ho'aa fi roobni xiqqaan, hanqina bishaanii kaaba Itaalii kan hammeessan oggaa tahu, waa'ee dhiibbaa jijjiirama qilleensaas sodaan jiru dabaleera.
''Boombiin kan argame kiyyeessitoota qurxummiin qarqara laga Po'tti,'' jechuun qondaalli waraanaa Kolonel Marco Nasi Rooyitarsitti himan.
Boombiin hin dhoone kun dhoo'aa kg240 of keessaa kan qabudha jedhan anga'oonni waraanaa Itaalii.
Kan argames ji'a Adoolessaa keessa ganda baadiyyaa Lombaardii keessatti argamtutti ture.
Jiraattonni 3,000 tahaniifi dhiyeenya jiraatan, ogeeyyiin waan kana beekan boombicha to'atanii akka dhoosaniif jecha, qe'ee dhiisanii akka bahan taasifamee ture.
''Jalqabarra jiraattonni muraasni mana dhiisnee hin baanu jedhanii turan, garuu boodarra nam cufayyuu amansiisuu dandeenye,'' jedhan kantibaan Francesco Apori jedhaman.
Daangaan qilleensaa naannichaa yeroo murtaa'eef balalliif cufaa kan ture oggaa tahu, imalli bishaanirraas ugguramee ture.
Po laga guddicha Itaalii ennaa tahu, kibba-lixa gaarreen Alps irraa kahuun Galaana Adriatic jedhamutti seena.
Haa tahu malee, suuraaleen saatalaayitaa baranaa akka mul'isanitti, gogiinsa cimaarraa ka ka'e, hangi isaa bicachaa dhufuu agarsiisu.
Anga'oonni biyyattii ji'a dabre keessa naannolee Po marsanii jiran keessatti labsii yeroo atattamaa labsaniiru. Lagni kun oomisha qonnaa biyyattii keessaa harka sadii kan tahu jallisiin misoomsa.
Qilleensa ho'aafi roobni xiqqaachurraa kan kahe hangisaa xiqqaachaa kan jiru lagni Po, bishaan galaanaa soogiddaan guutame gara keessaa seenuun obruu keenya balleessaa jira jedhu qonnaan bultoonni.