Boosatitti dhibee koleeraan lubbuun namootaa darbe

Maxxanfame

Tamsa’ina dhibee koleera godina Shawaa Bahaa aanaa Boosat keessatti mudateen lubbuun namoota sadii yemmuu darbu, namoota 200 ol irratti argamuunsaa himameera.

Jiraataan aanichiaa maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatanfii BBC’f yaada kennan, “haalli jiru baay’ee ulfaataadha, ummanni waan jaabaate keessa jira. Babal’inni dhibee koleeraa magaalaa Boolee kana keessatti namoota baay’ee miidhaa jira” jedhan.

Gama biraatiin dhibichi ALI Caamsaa 14, 2016 aanicha keessatti mul’achuu kan himan Itti Gaafatamaan Waajjira Fayyaa Aanaa Boosat Obbo Mokonnin Asaffaa, namoota 240 irratti argamuusaafii isaan keessaa 179 fayyanii manatti deebi’uu himaniiru.

“Yeroo ammaa yaalarra kan jiran namoota 58 qabna” jedhaniiru.

Gama biraatiin dhibichi gandoota aanaa Boosat biroo keessattillee mul’achuu akka eegale kan himan angawaan kun, gandoota ollaarrattis tatamsa’inni dhibichaa mul’achuu himaniiru.

'Dhibee irra deddeebiin mul’atu…'

Jiraataan Aanaa Boosat Magaalaa Boolee BBC’n haasofsiise adaadaan isaanii dhibee koleeraan qabamanii yeroo ammaatti Buufata Fayyaa Magaalaa Boolee keessatti yaalamaa akka jiran himan. Ollaa isaaniitis namoonni afur dhukkubsatanii wal’aansarra akka argaman eeran.

Mallattooleen dhukkubichaa magaalicha keessa irra deddeebiin mul’achaa turuu kan himan jiraataan kun, ji’oota muraasa durallee dhukkubichi magaalicha keessatti mul’atee akka ture himan.

Dhukkubichi “bal’inaan ummata hubee, miidhee lubbuu kan baasemmoo amma” jechuunis himan.

Dhibichi lubbuu darbuu namootaaf sababa ta’uu kan himan jiraataan kun, hanga ammaa daa’imman afur lubbuun darbuu dubbatu.

“Fakkeenyaaf amma olluma kiyyaayyuu ijoolleen afur lubbuun dabartee jirti. Daa’imman kun waggaa tokkoo hanga kudhanii gidduu kan jiranidha” jedhan.

Haa ta’u malee Itti Gaafatamaan Waajjira Fayyaa Aanaa Boosat Obbo Mokonnin daa’ima tokko kan umriin wagga saddeet ta’en ala kan lubbuun darbe umuriin wagga 15 fi 23 akka ta’an eeraniiru.

Sababa tamsa’ina tibbanaa

Sababni inni guddaan tamsa’ina dhibee koleeraa Aanaa Boosat tibbanaa adda cituu humna elektiriikii akka ta’e Obbo Mokonnin himu.

“Ibsaan magaalarraa guyyoota 15’fi kan dhaabbatee jiru. Ibsaafi bishaan waan walqabatuuf ummanni naannoo kanaammoo kallattumaan bishaan (laga) Awaash waan fayyadamaniif, osoo hindanfisin dhuguun dhibeen kun akka tamsa’u taasiseera” jedhan.

Gama biraatiin jiraataan aanaa Boosat BBC’tti dubbatan, “Maddi isaa maali jennee ofduuba deebinee yoo ilaalle bulchiinsi naannoo kanaa ittisa dhibichaarratti dadhabuu isaati. Mallattoon kun darbee darbee waggaa keessatti yeroo lamaa sadi ni argama.

Haa ta’u malee magaalaa kana keessatti qulqullinni hin eegamu, balfi garagaraa ni jira, wantoonni waan kana daddabarsan heddu magaalaa kana keessatti gurguramaa turan” jedhan.

Dhimmi qulqullinaa rakkoo ta’uu kan himan Obbo Mokonninis, al tokko tokko gama qulqullina eeggachuutiin hawaasa keessa hanqinni jiraatus iddoowwan tokko tokkorratti xiyyeeffachuun duula qulqullinaa adeemsisaa akka jiran himaniiru.

Ittisaafii to’annoo

Ammatti magaalicha keessatti namoota dhibichi irratti argame wal’aanuufii kunneen biroon akka hinqabamneef hojiileen garagaraa hojjetamaa akka jiran Obbo Mokonnin himu.

Hanqina dhiyeessii bishaan qulqulluu jiru furuufis Raayyaan Ittisaa konkolaatota bishaan geejibsiisanitti fayyadamuun iddoowwaan rakkoon hammaataan jirutti bishaan dhiyeessaa jirachuu dubbatan.

Hawaasaaf hubannoo gama uumuutiinis, “gabaarratti keessattuu kuduraafii muduraa dheedhii kan akka Paappaayyaa, Maangoofii Muuzii akka gonkumaa hin gurguramnefii namoonnis akka hinfayyadamneef hojjechaa jirra” jedhan.

Dabalataan maneen nyaataa qulqullinni isaanii hineegamne hanga dhukkubichi to’atamutti akka cufaman taasisuus himaniiru.