US, UK fi Faransaay dirooniiwwan Huutii 20 ol kuffisuu ibsan

Humna galaanaa UK

Madda suuraa, MINISTRY OF DEFENCE

Maxxanfame

Humnootni US, UK fi Faransaay dirooniiwwan warra Huutii kan Iraaniin deeggaramanii 28 ta'an qarqara galaanaa Yamanitti mancaasuu beeksisan.

Humni waraanaa US dirooniiwwan kunniin kan haleelan Sambata barii akka ta'e ibseera.

Humni waraanaa US akka jedhutti haleellaa bal'aan dooniiwwan daldalaarratti balaa uumaa jiraachuu waan barreef michoota keenya waliin ta'uun tarkaanfii kana fudhate.

Warri Huutii doonii daldalaa, Proopeel Fortuun jedhamuufi meeshaalee waraanaa US irratti xiyyeefachuu ibsan.

Ibsi ajaja guddugalaa US irraa bahe garuu konkolataan waraana US fi kan michootashee haleelame akka hin jirre ibse. Doonii daldaallaarra balaan gahuusaas gabaasa akka hin qabne ibse.

Erga Sadaasa darbeetii hidhattootni Huutii Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Eden irratti dooniiwwan daldalaa haleeluu eegalan. Sababni ammoo waraana Gaazaatti adeemaa jiruun Filisxeem cinaa hiriiruun deeggarsa gochuudha.

Ajajaan waraana UK Giraant Shaaps humni galaanaa isaanii HMS Riichmoond jedhamu Jimaata darbe dirooniiwwan Huutii lama kuffisuu himaniiru.

Shaaps UK fi mischootnishee lubbuu baraaruufi imala galaanaarraa nagaa gochuuf tarkaanfii barbaachisaa ta'e ni fudhatu'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministeerri Ittisaa Uk ibsa baaseen ammoo michoota biroo waliin ta'uun haleellaa Huutii guutummaatti kan qolatan miidhaan tokkollee osoo irra hin gahiin akka ta'e ibse.

Humni qilleensaa Faransaay gama isaan ergama galaanaa fi doonii daldalaa Awurooppaa gufachiisuuf yaalii godhame fashalsuuf dirooniiwwan afur rukutee kuffisuu ibse.

Kayyoon isaa nageenya doonii fe'isaa eeguu fi amanamummaan akka jiraatu gochuu akka ta'e humni qilleensaa biyyattii ibseera.

Warri Huutii haleellaa misaayelaa Roobii darbe raawwataniin loltoota lammii Filippiinsi lamaafi kan Viyeetnaam tokko ajjeesaniiru.

Haleellaan tibba kana warra Huutiin baname isa guddaadha.

Sababa kanaattis dooniiwwan daldalaa siwiiz kaanaal fayyadamuu sodaachuun fiixee Afrikaa Kibbaarra naanna'uuf dirqamaniiru. Kun ammoo gatii geejibaa dabaluun diinagdee addunyaarratti balaa fidaa jira.

Haalli amma jiru kan agarsiisu US fi michootnishee iddoo warri Huutii irratti xiyyeeffatan nagaa gochuuf yaalanis dooniiwwan yaaddoo Huutii jalaa hedduu oolaa akka hin jirredha.