Indiyaatti barattoonni yuniversitii salaata Ramadaanaa irratti haleelaman

Sambata darbe namoonni gurmaa'an iddoo turtii barattootaatti cabsanii seenuu poolisiin hime

Madda suuraa, Gujarat Police

Ibsa waa'ee suuraa, Sambata darbe namoonni gurmaa'an iddoo turtii barattootaa humnaan seenuu poolisiin hime
Maxxanfame

Poolisiin Indiyaa erga barattoota yuniversitii salaata sooma Ramadaanaa keessa salaatamu (taraawwiih) irratti haleellaan raawwatamee booda namoota lama to'achuu ibseera.

Barattoonni sababa salaataniif haleelaman kunneen biyyoota addunyaa garaagaraa irraa garas imaluun yuniversitii biyyattiitti kanneen barataa jiranidha.

Poolisiin akka jedhutti Sambata darbe namoonni gurmaa'an doormii barattootaa humnaan seenuun haleellaa kana raawwatan.

Akka aanga'oonni jedhanitti ammoo falmii yeroo dheeraaf iddoo salaataa irratti gaggeeffametu haleellaa kanaaf sababa ta'e.

Barattoonni haleellaa kanaan qaamnisaanii miidhame kanneen Yuniversitii Gujarat kan lixa Indiyaatti argamutti barataniiru.

Haleellaa kanaan barattoonni sadi miidhamanii hospitaala seenaniiru, kanneen keessaa tokko fooyya'ee ba'eera jedhan.

Ministeerri Dhimma Alaa Indiyaa bulchiinsi Gujarat kanneen yakka kana raawwatanirratti ''tarkaanfii cimaa'' ni fudhata jechuun ibsa baase.

Komishinara Komishinii poolisii magaalaa Ahmadabad kan ta'an GS Malik, namoonni haga 20 ta'an walgurmeessuun halkan gara iddoo turtii barattootaa humnaan seenanii akkasaan doormiitti hin salaanne dhorkuu fi masjiida deemuu akka qaban dirqamsiisuu himan.

''Dhimma kanarratti guddoo walfalmaa turan. Barattoota arrabsaa, booda dhagaan dhahuu eegalan. Doormiisaaniis mancaasaniiru,'' jedhan.

Namoonni kunneen maaliif fi akkamiin iddoo barattoonni jiraatanitti seenuu akka danda'an gareen qoratu hundaa'ee jira jedhan qondaalli poolisii kun.

Gaazexeessaan BBC Gujarat yeroo taateen kun mudate achi ture, mooraa sana keessa konkolaattonni caccabanii fi dhagaan bakka bakkatti daddarbatamee akka jiru arguu gabaase.

Viidiyoo miidiyaa hawaasummaarra deemaa ture keessatti namoonni hedduun gareedhaan ba'uun wayita barattoota irratti haleellaa raawwatan dhaadannoowwan amantii Hinduu keessatti beekaman sagalee olkaasuun dhageessisaa turan.

Barataan Afgaanistaanirraa gara Indiyaa imalee Yuniversitii Gujarat barataa jiru Navid Siddiiq haleellaa irra ga'een kanneen miidhaman keessaati.

Barataan kun gaazexaa Indiyaa- Times of Indiyaa jedhamutti akka himetti, barattoota kaan waliin ta'anii osoo salaata taraawwiih ( kan Ramadaana keessa salaatamu) salaataa jiranii namoonni sadi itti seenuun dhorkan.

''Falmiin wayita cimu, of duuba deebi'anii garee hedduu ta'anii dhagaa fi sibiila adda addaa qabatanii dhufanii nu haleelan. Doormiirra deemuun barattoota kaanis haleelaniiru, konkolaataa fi qabeenya mooraa keessa jirus mancaasan,'' jedhe barataan kun.

Gaazexeessitoonni BBC Gujarat bakka taateen kun mudate dhagaa fi caccabaan meeshaalee jiraachuu arganiiru
Ibsa waa'ee suuraa, Gaazexeessitoonni BBC Gujarat bakka taateen kun mudate dhagaa fi caccabaan meeshaalee jiraachuu arganiiru
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Barataan biraa Afgaanistaan irraa ta'e Noman, taatee walfakkaataan kanaan duras mudatee akka ture BBC Gujaratitti hime.

''Asitti balaan barattoota biyyoota biraa irraa dhufan mudatu hedduudha,'' jechuun himate.

Akka poolisiin jedhutti barattoonni 30 Afgaanistaan, Siri Laankaa fi biyyoota Afrikaarraa dhufan yuniversitii kanatti barataa jiru.

BBCn taatee mudaterratti yaada akka kennuuf Yuniversitii Gujaratif imeelii barreesseera.

Itti aanaa chaanselara yuniversitichaa kan ta'an Dr Neerja A Guptaa, barattoota haleellaan irra ga'ee fi namoota haleellaa raawwatan gidduutti yeroo dheeraaf walqocollaan tureera jedhan.

''Akkan quba qabutti salaati kun madda walitti bu'insaa isa ijoo miti,'' jedhan.

Barattoonni biyyoota alaarraa dhufan nageenyasaaniif jecha gara iddoo biraatti ni dabarfamu jechuun gaazexeessitootatti himan.

Indiyaa keessatti rakkoon namoota salaatarra jiran wayita mudatu kun isa jalqabaa miti.

Bara 2021 Gurgawon keessatti namoonni salaatarra turan jeequmsa miseensota Hinduu irraa isaan mudateen adda kutanii turan.

Jalqabuma ji'a kanaa poolisiin magaalaa Delhii tokko osoo nama daandii cinatti salaatu dhiituu kaameeraan waraabame hojiirraa dhaabsifameera.