Atileet Latasanbat Giday xumura dorgommii irratti maaltu ishee qunname?

Madda suuraa, Getty Images
Torban darbe gaafa Sambataa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 44ffaa Awustiraaliyaatti qophaa’e irratti dorgommiin yeroo xumuramuuf jedhu laaftee kufte.
Sababa kanaanis dorgommii hin injifatin hafte. Dursaa waan turteef carraa injifachuu qabdi turte.
Kufuu ishee kan arge leenjisaan ishee Hayilee Iyyaasuu gara ishee adeemuun sarara dorgommii seenee akka ol kaatuufi dorgommi akka xumurtu ishee gargaare.
Haa ta’u malee, gargaarsa namaan waan kaateef dorgommiin ala taasifamteetti.
Kanatti ishee duuba kan turte atileetiin Keeniyaa Biyaatiris Chibet dorgommii kana injifatte.
Atileetiin Itoophiyaa Tsiggee G/Salaamaa immoo lammaffaan xumurte.
Gareen atileetiksii Itoophiyaa shaampiyoonaa addunyaa kana irratti hirmaate gaafa Wiixataa galgala biyyatti deebi’eera.
Gaafa Kibxataa ganamas simannaan taasifameeraaf. Wanti Latasanbat mudate garuu maali?
Leenjisaan ishee Haayilee Iyyaasuun ho’a biyya dorgommiin itti taasifame jiruufi rakkoowwan kaan akka hubaatii irratti geessise BBC'tti hime.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dorgommii Finfinnee Jaanmedaatti qophaa’e irra aanuun gara Awustiraaliyaa kan imalte Latasanbat, rakkoo kana keessa bahuun akka injifattu leenjisaan abdatee ture.
‘’Latasanbat ga’umsaan rakkoo hin qabdu. Ga’umsa dorgommicha madaalurra turte yeroo gara dorgommii deemtu,‘’ jechuun hime.
Haa ta’u malee, hammi ho’aa ture, dorgommiin irra deddeebiin taasifte akkasumas imalli dheeraa gara Awustiraaliyaa taasifte qormaata akka itti ta’e dubbate.
Dorgommii irratti ‘’kiloometiriin tokko yeroo hafu akkitti fuulduratti baate sirrii hin turre. Ho’a irratti rakkoon teknikaas ture. Saffistee qarqa baate.
‘’Dubartiin ishee mormattu qarqa irratti sakandii tokko caalten deemtee turte,’’ jechuun hima haala xumura dorgommichaa yoo ibsu.
Haalli kunimmoo dorgommii dura isa isheen leenjisaa ishee waliin haasofte waliin waldarba.
Akka karoora isaaniitti yeroo dorgommiin xumuramuuf jedhu morkattoota ishee keessaa bahuun injifachuu ture kan dubbatan.
‘’Yeroon dursite baatu wal darbuufi ho’a tureen dhangala’aan qaama ishee keessa ture dafqaan bahee waan xumurameef (dehydration),’’ ishee qunnamu hime.
‘’… gara xumuraa yeroo geesse laaftee tarkaanfachuu dadhabdee kufte,’’ jechuun BBC’tti dubbate.

Madda suuraa, Getty Images
Latasanbat yeroo ammaa dorgommii 5,000m,10,000m akkasumas maaraatoonii walakkaan gama dubartootaan rikardii addunyaa qabatteetti.
Baatii Mudde keessa fiigicha maaraatoonii yeroo jalqabaaf Vaalensiyaatti fiigdee yeroo saffisaa galmeessuun 2:16:46’n lammaffaan xumurte.
Dorgommii Vaalenshiyaa torban lama booda fiigicha qaxxaamura biyyaa Jaanmedaa irratti hirmaatte.
Kana booda yeroo fudhattee hin bayyananne jechuun ibsa leenjisaan ishee.
‘’Dorgommii Awustiraaliyaa kuni kan baay’ee rakkisu miti. Haa ta’u malee, federeeshinii waliin haasofnee biyyaaf jecha akka hirmaattu kan taasifame’’.
Leenjisaan ishee dabalees yeroo dheeraa booda fiigicha qaxxaamura biyyaa irratti hirmaatuu ishee ibsuun kunis rakkinicha hammeessuu hime.
Akka leenjisaa isheetti Latasanbat bara 2017 ture yeroo xumuraaf dorgommii qaxxaamura biyyaa irratti biyya alaatti kan dorgomte.
Latasanbat dorgommii Awustiraaliyaa taasifame kanaaf baatii tokko qofaaf qophii taasisu dubbate.
Waan leenjisaan raawwate

Madda suuraa, Ethiopia Athletics Federation
Latasanbat yeroo laaftee kuftu leenjisaan ishee Haayile Iyyaasuun bira dhaquun ol kaase.
Deeggarsa nama alaa argachuun immoo dorgommii keessaa nama haqsiisa.
‘’Ani dallaa utaalee seenuu kiyyaan qabxiin akka haqamu nan beeka ture. Haa ta’u malee, lafa asiin gadirra waan turteef miidhaan biraa akka irra hin geenye yaaduuni kan kana raawwadhe,’’ jechuun BBC’tti hime.
Itoophiyaan Shaampiyoonaa Figicha Qaxxaamura Biyyaa 44ffaa Awustiraaliyaa magaalaa Baatirast dorgomame irratti medaaliyaa 10 argachuun lammaffaan xumurte.
Dorgommicha Keeniyaatu olaantummaan xumure.












