Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Rakkoon fayyaa sammuu Baayipoolaar disordar maali, wal'aansa qabaa?
- Barreessaa, Elias Mulugeta Hordofa
- Gahee, BBC News Afaan Oromoo, Nairobi
- Maxxanfame
Artistiin fakkii kaasu beekamaan jaarraa 19ffaa keessa jiraate Vinsant vaan Goog, fakkiiwwan haga har'aa guddoo beekaman hedduu nuu gumaachee darbeera.
Nami kun fakkiiwwan ajaa'iboo kaasuun alatti, dargaggummaa qabee rakkoolee fayyaa sammuu adda addaan rakkachaa ture. Kanarraa ka'uunis hanga gurrasaa isa bitaa ofirraa ciree gatuu gaheera.
Adooleessa 1890 keessa dirree dhiyeenya Paaris argamu keessa ofitti dhukaase. Miidhama kanaan irra gaheen guyyoota lamaan booda, ganna 37'tti du'e.
Rakkoo fayyaa artistii kanaarra yaadoleen garagaraa kan jiran ogguu tahu, kan irra caalaa namoota amansiise garuu Vaan Goog rakkoo fayyaa sammuu baayipoolaar 'bipolar disorder' wajjin rakkachaa ture kan jedhudha.
Rakkoon fayyaa sammuu kun maali, wal'aansa qabaa, Itoophiyaatti hoo maal fakkaata? fi dhimmoota walqabatan irratti ogeessa fayyaa sammuu haasofsiisneerra.
Baayipoolaar disordar maali?
Jechi "bipolar" jedhu - bantiiwwan lama kallattii garagaraatti argaman mul'isuuf kan ooludha. Akkuma dacheen bantiiwwan kaabaafi kibbaa jedhaman qabdu, walirraa fagaachuu miiraa agarsiisuuf kan moggaafamedha.
- Rakkoo fayyaa sammuu yoo tahu, miira namaarra dhiibbaa kan fidudha. Kunis miirri namaa fixee tokkoo isa biraatti akka haalaan geeddaramu godha.
- Rakkoon fayyaa kun namootarra hedduu kan mula'tu ogguu tahu, namoota 100 keessaa nama tokkorra ni argama jedhamee tilmaamama.
- Baayipoolaar gosa garagaraatu jira. Kanneen gosa tokkoffaa jedhamu qaban, yeroo miira gammachuu olaanaa fi miira mukaa'uu cimaa keessa darbu. Ammoo gosni lammaffaa mukaa'uu garmalee cimaa ta'ee fi miira olaanaa (hypomania) yeroo gabaabaaf turudha. Ammallee namoonni dhibee cyclothymia jedhamuun rakkatan ammoo, miirri gegeeddaramu cimaa tahuu baatus, yeroo dheeraaf turuu kan danda'udha.
- Dhiirris tahe dhalaan iddoo kamiyyuu jiran walqixa baayipoolaar disordariif saaxilamuu malu. Ammallee umrii kamirrayyuu mul'achuu kan danda'u tahus, dargaggoonni umriinsaanii digdamatti siqu kanaaf saaxilamoodha. Umrii waggaa 15 hanga 19 gidduu jiru keessa gara caalu mudata.
- Marsaan baayipoolaar disordar garmalee cimaa tahe hanga torbanootaa fi isaa olis namarra turuu danda'a.
Madda: Tajaajila Fayyaa Biyyoolessaa UK
Itoophiyaatti maal fakkaata?
Dr. Yonaas Laaqaw ispeeshaalistii wal'aansa fayyaa sammuuti. Marsaalee hawaasummaa - akka Facebook fi YouTube gubbaa barnoota fayyaa sammuun walqabatan kennuun beekamu.
"Dhukkubni baayipoolaar namoota 100 keessaa nama tokkorratti ni mul'ata," jechuun BBC'tti himan.
Ragaan kun akka idil-addunyaatti haa tahu malee, Itoophiyaattis akkasuma walfakkaataadha jedhu.
"Itoophiyaatti waliigalaan hubannoon fayyaa sammuurra jiru gadaanaa waan ta'eef, namoonni gara wal'aansa fayyaa hin deemani.
"Keessattuu dhukkuba baayipoolaar yommuu tahu, muraasni akka mudaa amalaatti fudhatu.
"'Inni nama akkasiiti, itti ka'e ammoo...' ittiin jedhuun. Namni sun garmalee mukaa'ee manaa bahuu didnaanis, maqaa akka akkaa itti kennu. Akka dadhabinaatti, akka nama barbaaduu diduutti ilaalama."
Akka Dr. Yonaas jedhanitti, biyyattii keessa namoota rakkoo fayyaa kanaan qabaman 100 keessaa kanneen 10 tahn qofaatu gara wiirtuu fayyaa deemuun, wal'aansa argata.
"Kan hafan garmalee rakkatu," kan jedhan ogeessi xiinsammuu kun, "nama baayipoolaarin qabame qofa odoo hin taane, maatiinis wajjin rakkata," jedhu.
Dabaluunis Itoophiyaatti baayipoolaar dabalatee namoota dhukkuba sammuu biroo qaban, "qoollifachuun kan hidda jabeeffatedha," jedhu.
"Nama dhukkuba sammuu qabuun akka abaarsaatti ilaalu, akka hafuura hamaattis ilaalu. Akka hojii hojjechuu hin dandeenyetti, gatii homaa akka hin baasnetti ilaalama," jedhu.
'Qoollifannaa daddarbu'
Biyyoota akka Itoophiyaa jiran keessa, nama rakkoo fayyaa qabu duwwaa osoo hin taane, maatiin nama sanaas loogiin irra gaha jedhu Dr. Yonaas.
Kanas ennaa ibsan, yaada 'courteous stigma' jedhamu kaasu.
"[Jalqabumarraa] namoonni dhukkuba qaban loogiin irra gaha. Garuu namoonni kanneen dhukkuba qaban wajjin hariiroo qabanis, qoollifannaan isaan mudata...
"Hariiroo hawaasummaa keessa, bakka hojiitti... waan isaanirra gahuuf maatii isaanii keessaa namni dhukkuba kanaan qabame jira jedhanii himuu hin barbaadan."
Waa'ee fayyaa sammuu ifatti haasa'uu kan hin baramne akka tahe kan kaasan Dr. Yonaas, namoonni ija jabaatanii dubbatan kaanifis fakkeenya ta'an jiru jedhu.
"Namoonni muraasni ija jabaatanii 'ani rakkoo fayyaa sammuu nan qaba ykn maatiikoo keessa jira' ennaa jedhanitti, namoonni dhokatanii taa'an 'eeyyeen ana biras jira' jedhanii hamilee argachuun dubbatu.
"Namoonni kana keessa jiranis seenaa isaanii hin qoodan. Gaafa himaman garuu, baratamaa dhufa."
Wal'aansi ni jiraa?
Gabaabumatti - Eeyyee!
- Rakkoo fayyaa kanaaf qorsi yeroo dheeraaf fudhataman 'mood stabilisers' jedhaman kan jiran ogguu tahu, kunis miironni gama fiixee lamaaniinuu jiran akka hin mudanne kan ittisanidha.
- Akkasumas qorichi mallattoolee erga miirri kun mudatanii wal'aanu jira.
- Gama biraan ammoo wal'aansi xiin-sammuu mukaa'uu/dhiphina sammuu irra aanuuf gargaaranis ni jiru.
- Gorsa jireenyaa - kanneen akka shaakala qaamaa, sirna nyaataa fooyyessuu fi hirriiba gahaa argachuuf dandeessisan jiru.
Madda: Tajaajila Fayyaa Biyyoolessaa UK