Abbaan miidiyaalee gurguddaa Roobart Mardook ganna 92tti yeroo jahaaffaaf fuudhan

Maxxanfame

Abbaa qabeenyaa miidiyaalee hedduu kan ta’an maanguddoo Roobart Mardook jaallalleessaanii waliin gaa’ila dhaabbachuuf qubeellaa hidhachuun himame.

Maanguddoon wagga isaanii 92 kunis jaalalleessaanii lammii Raashiyaa kan umuriin wagga 62, Eliinaa Shuukovaa waliin ji’oota jahan darbaniif jaalalaan dabarsaniiru.

Cidhi isaaniitis bara kana mana abbaa qabeenyaa kanaa kan Kaaliifoorniiyaatti argamuutti akka raawwatamu eegama.

Kun yoo raawwatames abbaan qabeenyaafi maanguddoo soorreessi kun yeroo shannaffaadhaaf gaa’ila raawwatu jechuudha.

Odicha kan baasee gaazeexaan Niiw Yoork Taayims akka jedheetti, cidhisaanii Waxabajjii keessa kan gaggeeffamu yoo ta’u, hirmaattoonnis waraqaan waamichaa qaqabeera.

Biyya Awustiraaliyaatti kan dhalatan abbaan qabeenyaa Mardook bara 2013tti Ani Leeziili Isimiiz waliin qubeellaa godhatanii osoo jiranuu ture jaalalleessaa ammaa waliin walitti dhufeenya kan eegalan.

Muurdook bara darbe ture dura taa’ummaa dhaabbatasaanii Fooks enda Niiwus Koorpii kan jedhamu irraa kan bu’an.

Cimdiiwwan kunneenis kan wal argan Roobart Mardook wayita waamicha haadha warraasaanii duraanii lammii Chaayinaa, Weendaa Diing irratti affeerramaniitti jedhameera.

Haadhooliin warraa Mr Roobart Mardook duraanii, lammii Awustiraaliyaa hojjattuu balaliinsa xiyyaaraaPaatirishaa Buukar, gaazexessitii lammii Iskootilaand Ani Maan, Deengiifi moodeelii Ameerikaa akkasumas taatoo Jeerii Hool turan.

Kaadhiimaan isaa kan ammaa Shukovaan duraan abbaa qabeenyaa bob’aa lammii Raashiyaa, Aleeksaandar Shukoov waliin gaa’ila dhaabbattee turte jedhameera.

Abbaawwarraa ishee waliinis intala dubaraa Daashaa kan godhatan yoo ta’u, isheenis haadha warraa abbaa qabeenyaa kubbaa miilaa Cheelsii kan turan Roomaan Abiraamooshiich’f haadah warraa turte.

Roobart Mardook bara 1969tti gaazeexaa UK kan ta’e News of The World fi The Sun biituudhaan ture gara miidiyaatti kan dabalaman.

Gara Ameerikaatti imaluudhaan ammo, The New York Post fi Wall Street Journal bituudhaan abbaa qabeenyummaa midiyaa saanii bal’ifatan.

Bara 1996tti ammo Fox News hundeessan. Ammaan tanas miidiyaan kun Ameerikaatti miidiyaa doowwattoota olaanaa qabudha.

Mardook bara 2013tti dhaabbata guddaa New Corp jedhamu kan hundeessan yoo ta’u, abbaa qabeenyaa miidiyaalee dhimmaan lakkaa’aman biyya keessaafi biyya alaati.

Abbaan qabeenyaa kunis bara darbe ture aangoon nagaha jechuun dura taa’ummaa saanii ilmasaanii Laaklaaniitti kan dabarsan.

Niiw Yoork Taayimis akka jedhuutti Mardook haadha warraa haaraa fudhuunsaanii daldalasaanii burjaajeessaa jira. Sababiinsaas maallaqni saanii maqaa ijoollee isaa aangafaa afuriitiin jira.