Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Nyaata aadaa bishaan malee hojjatamee waggootaaf dhamasaa eeggatee turu
Cuukkoo ykn micciirraan nyaataa aadaa ummata Oromoo baayyee biratti beekamuudha.
Nyaanni aadaa kunis bishaan coba tokko malee dhadhaa qofaan waan hojjatamuuf yeroo dheeraadhaaf osoo dhama isaa hin geeddarannee turuu danda'a.
Kana malees qophiilee gurguuddaa kan akka cidhaafi jaarsummaa irratti dhiyaachuun alatti nyaataa kabaja agarsiisuuf kessuummaaf dhiyaatuudha.
Nyaanni aadaa kunis ammatti hawaasa Oromoo biratti bal'inaan waan Cidha irratti dhiyaatuuf, muraasni 'keekii Oromoo' jechuu eegalaniiru.
Barbaadamuun nyaata aadaa kanaas biyya keessaafi biyya alaattii haalaan dabalaa dhufuu, shamarree Hayaat Tuubbaa BBCtti himte jirti.
Hayaat cuukkoo gabaa biyya keessaa fi alatti gurguraa jirti.
''Jaalalan nyaata cuukkoof qabutu hojii isaarratti akkan bobba’u na kakaase'' jette. Guutummaasaatiif viidiyoo kana caqasaa.